Aartiifi Aadaa: Daddaraaroon Oromiyaa eessa jira?

Asxaa Sagantaa Daddaraaroo Image copyright OBN
Goodayyaa suuraa Asxaa Sagantaa Daddaraaroo

Fedhiifi dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo deggeruun baadiyyaa Oromiyaa keessaa waltajjiitti baasee aartii Oromoo gama hundaan fuulduratti tarkaanfachiisuu kaayyeeffatee kan hundaa'e Daddaraaroon Oromiyaa uummata Oromoof soora qalbii ture, hedduuf ammoo biddeena ta'eera.

Aartistoota jiruu aartii isaaniif Daddaraaroon daandii saaqeef muraasni dubbisne Daddaraaroon carraadha, carraa barnootaa ijoollee baadiyyaarraa fagoo jiru itti dhiyeessee akkaan kan qaraa tureedha jedhan.

Daddaraaroon yeroo tokko qalbii uummata Oromoo keessa seenee ture amma eessa buuteensaa dhabameera, ijoolleen inni hundeeffameef garuu ammallee dandeettii baatanii baadiyyaa jiru.

Daddaraaroo si'eessituu aartii Oromoo ta'e addaan kutuun fafa ta'ullee, haalonni dirqamsiisuu dubbatu, , Obbo Diimaa Abarraa qindeessaa garee Daddaraaroo Oromiyaa turan.

Biiroon aadaa fi tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo deebisuuf itti cichee hojjechuurratti hanqina qaba jedhu namoonni dubbisne, hoogganaan biirochaa Obbo kabbadee Deessisaa garuu hojiitti deebisuuf yoomuu callisnee hin beeknu jedhu.

Daddaraaroo deebisuun filmaata otoo hin taane dirqama jedhu aartistoonni.

Daddaraaroon maqaasaa eessaa argate?

Image copyright TV Mo'aa irraa

Dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo gabbisuu kaayyeffatee hundaa'uusaa kan himan Obbo Diimaa Abarraa,''Kichuuwwan ijoollee keenyaa biqilanii bor dararaaranii firiin isaanii uummata Oromoo bakka bu'u. Isaan kunneen kutaalee Oromiyaa hundarraa daddaraaranii as ba'an. Kanaaf 'Daddaraaroo' jennee saganticha moggaasne'' jedhan.

Daddaraaroon akkuma eegaleen qalbii uummataa keessa seene kan jedhan Obbo Diimaan dandeettii dilbiin saafiloota ijoollee Oromoo keessa jirus as babba'ee daddaraaruu eegale jedhan.

''Daddaraaroon ijoollee dandeettii qaban baasanii mul'isuuf rakkataniif daandii saaqeera. Ijoollee baadiyyaa Oromiyaa keessa dandeettii aartii baatanii taa'an bira deemee carraa ta'eeraaf. Kanaanis hedduun bidden argataniiru. Aartiin Oromoos carraa argateera.''

Daddaraaroon aartii hin keessummeessine hin qabu ture kan jedhan Obbo Diimaan,''Sagalee kiiloleessuu, akkeessuu, taatoo diraamaa, taphoota garaagaraa, shubbisaa fi dandeettiiwwan addaa kan irratti qaramaa tureedha'' jechuun ga'ee qophiin kun guddina aartii Oromoo keessatti ba'aa ture yaadatu.

Sagantaa kanaan ogeeyyiin manneen barnootaa Muuziqaa bebbeekamoo biyyattii keessatti baratan ijoollee Oromoo qaraniiru jedhan Obbo Diimaa Abarraa.

Kutaalee Oromiyaa garaagaraa irra deemanii hojjechuudhaan carraa aartistoota Oromoof banameenis kanneen sabab daddaraarootiin amma carraa argatan jiru jedhan.

''Daddaraaroon kumaatamaaf carraa hojii baneera. Hedduusaanii ogummaadhaan qareera. Galata guddaa saba Oromoo biraa qaba.''

''Daddaraarootu bu'uura nuuf ta'e''

Image copyright Andu'aalam Gosaa fi Mahaandis Galatoo

Aartistoota Daddaraaroon daandii saaqeefii bidden baaseef keessaa tokko kan ta'e Weellisaa Andu'aalam Gosaa dhiyeenya kana muuziqaa eegalullee sirboonni isaa akkaan kan nama hawwataniidha.

Otoo Daddaraaroon hin turre ta'ee hojiin muuziqaa akkasiin naaf hin qajeelu ture jedha weellisaa Andu'aalam.

''Daddaraaroon anaaf carraadha. Keessaahuu carraa ijoollee baadiyyaa, kanneen akka koo. Osoo daddaraaroon hin eegalamne ta'ee waan har'a irra jirru maaltu tilmaama. An har'a koo gaafan ilaalu kaleessa koo fi bu'uura koo daddaraaroo keessattin arga. Daddaraaroon bu'uura kooti.''

Aartii ijoollummaatti keessa koo ture naaf qajeelchee kan bu'aatti naaf jijjiire Daddaraaroodha kan jedhu Weellisaa Mahaandis Galatoo gamasaatiin ''Daddaraaroon mana barumsaa tolaan ijoollee hiyyeessaa qareedha'' jedha.

Jalqabuma wayita sirba eegalu akka daran jaal'atameef duub deebii argachaa turuu kan dubbatu Aartist Mahaandis ,''Dandeettii aartii uumamaan na keessa ture qabadheen gara daddaraaroo deemee achitti gabbifadhe. Namoonni yaada nuuf kennaa turan ogeeyyii ciccimoodha. Mana barumsaa muuziqaa bebbeekamoorraa warra eebbifamaniidha. Manneen barumsaa akkanaatti barachuun nuti ijoollee baadiyyaatti cimatullee carraa kanaan garuu baranneerra'' jedha.

Daddaraaroon maaliif adda cite?

Sagantaan Daddaraaroo akkuma eegalteen fudhatama gudda argatee jaal'atamee ture kan jedhan Obbo Diimaa Abarraa, ''Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman birkiiwwan aartii mara irraa galmaa'anii shaakalaa turanillee itti fufuu hin dandeenye. Daddaraaroon si'eessituu fi mi'eessituu aartii Oromoo turte kana qalbii Oromoo keessaa baasuun cimullee haalonni addaan kutuuf dirqamsiisan turaniiru'' jedhan.

''Addaan cituu sagantaa Daddaraaroof sababi inni ijoon rakkoo baajataa ta'ullee haalli uummanni keessa turellee dhiibbaa guddaa uumeera. Wayita qophiin kun adda cite ijoolleen Oromoo hedduun wareegamaa turan. Hiriira ba'anii mirga waan gaafataniif barattoonni hidhamaa turan. Rakkoon sunimmoo ittuma fufe. Daddaraaroon akkuma amalashee baacoo, geerarsa, shubbisaa fi kolfa of keessaa qabdi. Nuti eenyuun taanee dhiigaa fi lafee namaarratti sirbina, geerarra, baacna jenneetu saganticha dhaabuuf dirqamne.'' Jedhan.

Kana cinaatti ammoo abbaa sagantichaa kan ta'e Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo bakkatti deebisuurratti akkaan rinciceera jedhu.

Yeroo ammaa Hoogganaa Biirochaa ta'anii hojjechaa kan jiran Obbo Kabbadaa Deessisaa garuu sagantaa daddaraaroo irraa yoomuu garaa kutannee hin beeknu jedha.

''Sagantaa kana biiroo keenyatu eegale. Garuu hojiinsaa maallaqa miiliyoonotaan barbaada. Humna namaa fi beektota gaafata. Kutaa Oromiyaa mara waliin ga'anii hojjechuu gaafata. Hojiinsaa salphaa miti. Kana cinaan ammoo abbootiin qabeenyaa dhuunfaaarraa deggersa dhabne. Kanatu gufuu nutti ta'e'' jedhan.

''Yoo Daddaraaroon jiraatte aartiin Oromoo hin jigdu''

Aartistoota bebbeekamoo dandeettii ajaayibaatiin aartii Oromoo utubanii har'arraan ga'an bakka buusuun ni ulfaata kan jedhu Aartist Andu'aalam Gosaa,''kana milkeessuuf daddaraaroo itti fufsiisuun fedhii qofa osoo hin taane dirqama ta'uu qaba'' jedha.

Weellisaa Mahaandis Galatoo ammoo sababa daddaraaroon addaan citeef dandeettiin ijoollee baadiyyaa ukkaamfamee hafe waan ta'eef har'a bor osoo hin jedhin jalqabamuu qaba jedha.

Obbo Diimaa Abarraa gamasaaniitiin erga daddaraaroon adda citerraa eegalee deebisuuf ifaajaa jiraachuu dubbatu.

Wiixinee sagantichi ittii qajeelfamu bifa haaraan qopheessanii Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Miidiyaa Mootummaa Naannochaa OBNf kennanii akka turanii fi ammallee qormaati isaan mudachaa jiraachuu dubbatu.

Hoogganaan Biiroo Aada fi Tuurizimii Oromiyaammoo daddaraaroo deebisuuf hojii akka eegalanii fi garuummoo hojii salphaatti itti deebi'amu akka hin taane dubbatan.

Qaamni aartii fi seenaan Oromoo na galcha jedhu hundi tumsuu akka qabus gaafatan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata