Waraana Yaman: Haleellaan miisaa'eela Yamanitti qaqqabeen loltoonni ajjeefaman 111 qaqqabeera

Loltoota mootummaa Yeamn Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Gareen 'Houthi' loltoota mootummaa Yeman irratti haleellaa raawwachuun beekkamu

Yamanitti haleellaa miisaa'elaa wirtuu leenjii waraanaarratti raawwatameen lakkoofsi loltoota ajjeefamanii 111 qaqqabeera jedhan mootummaan biyyattii.

Qondaalli biyyattii akka jedhanitti haleellaa naannoo Maariib keessatti Sanbata raawwateen hedduun madaa'aniiru.

Wiirtuun leenjichaa magaalaa guddoo biyyattiirraa gara bahaan kiilo meetira 170 kan fagaatu yoo ta'u haleellaan kunis iddoo namoonni salaataaf masjiida keessatti walitti qabaman irratti akka raawwate Reuters gabaaseera.

Mootummaan Yaman haleellaa kanaaf garee riphee loltoota 'Houthi' itti gaafatamaa yoo godhu garicharraa hamma ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Qondaltonni lakkoofsi du'aa dabaluu danda'a jedhaniiru.

Pireezidaantiin Yaman Abdraabuh Maansuur Haadi haleellaa raawwate kana miidiyaa biyyaalessaa Saabaa irratti bahuun balaalefataniiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mootummaan Yeman haleellaa kan raawwate garee riphe loltoota 'Houthi'tu raawwate jedheera

Haleellaan kun "garee 'Houthi' fedhii nageenyi akka jiraatuuf fedhii akka hin qabne kan agarsiisuudha," jedhan wayita dubbatan.

Hagayya bara darbee gareen 'Houthi' haleellaa miisaa'elaa humnoota waraanaa mootummaarratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 32 ajjeefamaniiru.

Eega bara 2015 Yeman sababa waraanaatiin nageenyeshee dhabdeetti. Kunis yeroo gareen 'Houthi' bakkeewwaan heddu to'annaa ofii jala galcheefi pireezidaant Haadii biyyaa akka baqatan taasise booda.

Gareewwan Musliimota Shi'aa kan Iraaniin deeggaraman heddummaachaa dhufeera. Sawudi Arabiyaafi biyyoonni Musliimota Sunnii ta'an saddeet immoo mootummaa Haadii aangoorra akka turuuf jecha haleellaa qilleensarraa raawwataaru.

Gabaasni UN akka ibsutti waraana biyyattii keessatti adeemaa jiruun lammiileen kumaatamatti laakka'aman ajjeefamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata