Biyyi waan namaa hin barbanneefi haqaan addunyaarratti tokkofaa taate eenyu?

Jaappaan keessatti meeshaa bade keessaa kan namni deebiyee hin gaafanne dibaabee qofadha Image copyright Getty Images

Bara kana keessa borsaa, waaletii qarshii baattu, mobaayilaafi ATM ykn meeshaaleen biroo gatii gurguddaa baasan takkaa nama harkaa ba'anii jennaan ykn gatanii deebiyeen argadhaan waan yaadamu miti.

Kan nama jalaa bade deebiyanii argachuurra yaaduu haa turuu kan nama harka jiruyyuu bara dhahanii harkaa buusuun heddummate keessatti addunyaa kanarraa biyyi tokko garuu meeshaafi horii nama jalaa bade namaaf deebisuun kan ishee qixxaatu hin argamne.

Magaalaan guddittii biyyattii kanaa ummata miliyoona 14 qabdi.

Ummata hanga kana baayyatu qabaattulleen bara 2018 keessa waraqaawwan eenyummaa 545,000 badan keessaa kan abbaa isaaf osoo hin deebiyiin hafe hin jiru. Namoonni waraqaan eenyummaa isaanii jalaa bade martinuu deebiyee harka isaanii galeera.

Kana qofaa miti. Namoonni borsaa (waalet) jalaa bade ture 130,000 ta'an hundi isaanii osoo dudeen tokkollee keessaa jalaa hin fudhatamiin isaaniif deebiyeera.

Biyyittiin kun eenyu jettanii onneen isin rarraatee? Jaappaanidha.

Biyya Jaappaan keessatti wanti bade ni argama, kan dagatame ni yaadatama.

Biyya biraatti namni horii ykn haqa namaa lafaa argee amanamummaadhaan yoo deebise oduu ta'e? Jaappaanitti garuu faalaa kanaati oduu ta'a.

Ogeessi Xinsamuu Kaazuukuu Barhens, "Yeroon Saanfiraansiiskoo jiraataa turetti namni tokko waaletii nama jalaa bade argee deebise jechuun oduun isaa TV irratti himame ilaalaan ture," jedhu.

\ogeessi kun dhugaa jedhan. Namni kan bade argee deebise oduu gammachuu kan himsiisu ta'uun sirriidha. Jaappaan keessatti garuu oduun waa'ee keessanii akka himamuuf kan argitan ykn dagatame hin deebisiina gorsa jedhu kennuu hin barbaadnu."

Kaazuukuun bakki itti handhuurri isaanii itti awwalameefi ilkaan isaanii itti buqqifatan Jaappaanidha. Haqa namaa barbaaduu dhiisuun bakka hangamii akka qabu hin dagatan.

Jaappaanonni meeshaa nama jalaa bade arganii kan deebisan gatii oolmaa isaaniif kaffalataa barbaadanii miti. Meeshaa bade yeroo lafaa arganiyyu poolisiitti galii godhanii gara hojii isaanii deemu.

Poolisiin ammoo meeshaaleen argaman abbaa jalaa bade barbaaduudhaan ni deebisaaf. Eeganii yoo abbaan isaa kan hin dhufne ta'es akka tajaajilaan ala ta'u godhama.

Magaalaa Tookiyoo keessa garaa garummaa fageenya kiiloomeetiri Iskuweerii dhibba keessatti buufatawwan poolisii xixiqqaa 97 ta'antu jiru. Buufataawwan kunneen Kuuban jedhamu.

Kana jechuun ammoo 'na jalaa badeera ykn lafaa argeera' jechuun beeksisuuf baayyisee salphaadha. Landan yeroo deemtan fageenya amma kanaa keessatti 11 qofa argattu.

Image copyright Getty Images

Qondaalonni poolisii Tookiyoo naamusaafi kabaja namaaf qabaniin beekamu. Maanguddoota harka qabanii daandii akka qaxxaamuran gargaaruutiin kan isaaniin gitu hin jiru.

Lammileen biyyattiis meeshaa ykn qabeenya namaa lafaa argan akka poolisiitti galii godhan ni jajjabeeffamu. Kun naamuusa yeroo ijoollummaa jiranirraa kaasanii barachuu jalqabanidha.

Meeshaaleen tokko tokko erga poolisiitti galii taasifamiin booda namni jalaa bade yoo dhiyaatee kan hin fudhanne ta'e nama isa arge sanaaf akka badhaasaatti kennamaaf.

Qondaalli Poolisii Masaa'iroo Tamaaruu, "Daa'imni ol-aadeemaa tokko saantiima tokko yoo argate qabatee gara poolisii deema; kan barbaadu yoo jiraate [namni saantiima tokko barbaachaaf kan dhufu dhibullee] ni deebiya.

Ta'uu baannaan garuu nama argee fideef bifa badhaasaan ni kennamaaf.

Yaada kana mirkaneeffachuuf namoonni qorannoof magaalaa Tookiyoo keessa bobba'an akka waan bade fakkeessuudhaan bilbiloota sobanii gatan keessaa harka dhibba keessaa 88 deebiyaniiru.

Walakkaa magaalaa Niiwuu Yoork keessatti kan gatama keessaa garuu 6 qofaatu deebi'ee argamuu danda'e.

Waaletoota Tookiyoo keessatti badan keessaa harka dhibba keessaa 80 ni deebiyu. Niiwuu Yoork keessatti garuu harka dhibba keessaa 10 qofaatu deebi'u.

Meeshaan bade abbaa isaaf Tookiyoo keessatti hin deebine yoo jiraate dibaabee qofaadha. Dibaabeewwan 338,000 badan keessaa harka dhibba keessaa 1 qofaadha dibaabee kooti jedhee kan dhiyaate.

Tookiyoo keessatti dibaabeewwan pilaastikaa rakasa ta'uu isaaniirraa kan ka'e bakki bilisaan kaa'amulleen ni jiraata.

Jaappanonni waan bade kan deebisan ta'anillee garuu rakkoo iftoominaa akka qaban ogeessi xiinsamuu kun ni dubbatu. Kun ammoo dhiibbaa aadaadha.

Namoonni biyyattii aadaa isaan kan kabajaniifi sodaatanidha jedhu. Hata'u malee, waantonni jiran akka jijjiiramaa jiran dubbatu ogeessi kun.

Kaazuukuun amanamummaan Jaappaanotaa amantii Budihaa waliin walqabata jedhu. Yeroo biyyattiin Sunaamiidhaan rukkutamtullee wanta qaban yeroo namoota biroof qoodan argamaniiru.

Kabaja Jaappaanonni aadaa isaaniitiif qaban kanaaf akka ga'ee qabu ni amanama. Yaadawwan kan koo kan dhuunfaa koo jedhaman caalaawaliin ta'uun bakka guddaatu kennamaaf.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata