Finfinneetii hanga federaalizimii sab-daneessaatti - qabxiilee gurguddoo bu'aa filannoo 2020 murteessuu danda'an

Korojoo filannoo Itoophiyaatti Image copyright Getty Images

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa bara kanaa ji'a Hagayyaa keessa gaggeessuuf qophii irra jirti. Paartileen siyaasaa tokko tokkos deeggartoota isaanii waliin marii gaggeessuun gamanumaan qophii waan jalqabaa jiran fakkaata.

Haa tahu malee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannicha Caamsaa keessa bifa kanaan dura barameen gaggeessuu akka hin dandeenye beeksisun gara waktii gannaa ji'a Hagayyaatti achi buutuu isaa beeksisuun paartilee dorgomtootaa waliin irratti mari'ataniiru.

Wixinee yeroo filannoo kenname kana irratti garuu paartileen siyaasaa hedduun akka walii hin galle ibsaa turan.

Yeroo rooba cimaa biyyattiin argattuu fi waktii oomishaa waan taheef filannoo gaggeessuun ulfaataadha jechuun qeeqan paartileen tokko tokko.

Gama biraan ammoo boordiin filannoo qophii barbaachisaa tahe xumuruufi jaarmiyaaleen siyaasaa wantoota guuttachuu qaban xumuruuf yeroon isaan barbaachisa jechuun wixinee yeroo filannooboordichi dhiyeesse kan deeggaranis jiru.

Haala siyaasaa fi sochii paartilee amma biyya keessatti mula'chaa jiruun bu'aan filannoo kanaa qabxiileen murteessuu danda'an maal fa'aa tahuu danda'u?

Odeessaalee kana waliin walitti siqan biraa dubbisuuf

Qabxiilee ijoo bu'aa filannichaaf murteessoo tahan

Gaaffii eenyummaa

Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammii taatus haalli ittiin saboonni waliin bulaa turan hunda wal qixa kan hirmaachisee fi kan fayyade miti jedhu xiinxaltootni.

Biyyattiin kan ijaaramte eenyummaa, aadaa fi siyaasa sabaa fi sablammoota hunda gidduu galeessa karaa godhateen miti jedhamuun qeeqamaa ture.

Paartileen siyaasaa hedduun biyyattiis sabummaa irratti xiyyeeffachuun kan ijaaramnidha. Filannoo dhufu irrattis bifuma kanaan kan dorgoman taha jedhamee eegama.

Gama biraan bulchiinsa MM Abiy Ahmad jalatti walitti bu'insi sabummaa irratti xiyyeeffate babal'ateera jedhamuun qeeqamu. Kana irraa kan ka'es bakkeewwan garaagaraatti namootni sababa gosa ykn sabummaa isaaniif yeroo ajjeefaman ni dhagahama.

Ogeessi seeraa, siyaasa Itoophiyaa dhiyeenyaan hordofu Dr.Heenook Gabbisaa, gaaffii belbeltuun amma Itoophiyaa keessa jirtuu fi baroota dheeraaf turte gaaffii eenyummaa fi mirga sabaa fi sab-lammootaati jedhan.

Gaaffii kana ammoo jaarmiyaa siyaasaa federaalizimii sab-daneessaa irratti cimsee hojjetutu deebisuu danda'a jedhan.

Heenook akkuma uummata Sidaamaa sab-lammootni kaanis gaaffii eenyummaa akka qaban kaasa. Uummata Qimaanti, Agaw, Kambaataa, Gediyoo fi kaanis akka fakkeenyaatti kaasa.

Kun biyyattiin federaalizimii sab-daneessaa irratti guutummaatti ijaaramtee akka hin xumuramne agarsiisa jedhanii filannoo ammaa kana irrattis jaarmiyaalee dhimma kana irratti cimsanii hojjetantu sagalee caalmaa argachuu mala jedhan.

Hayyuun siyaasaa Obbo Moonenus Hundarraa bara 1960 keessa eegaluun siyaasni Itoophiyaa keessa deemaa ture sabummaa irratti kan xiyyeeffatedha jedha.

Kanaaf gama afaan, amantaa fi sabummaan paartiin gaaffii uummatni isaa qabu deebisuu danda'u shakkii malee sagalee argachuu danda'a jedhan.

Rakkoo guddaan garuu paartileen siyaasaa imaammata jabaa biyyaaf tahu osoo hin qabaatiin sabummaa leellisuun qofa sagalee yoo argatan biyya rakkoo keessa galchuu danda'a jedhan.

Image copyright Getty Images

Dr Heenook Gabbisaa naannoo Amaaraa keessatti ammoo siyaasni sabummaa leellisu dabalaa akka dhufee hima. Gama biraan Oromiyaa keessas gaaffiin abbaa biyyummaa yeroo dheeraaf osoo deebii hin argatiin jiru akka jiru dubbata.

Oromiyaa ilaalchisees Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu kan jedhus yeroo dheeraaf kan gaafatamaa turee fi filannoo bara kanaa irrattis paartileen kana deebisuuf dhimmanii hojjetan sagalee caalmaa Oromiyaa keessatti argachuuf carraa qabu jedhan.

Paartileen siyaasaa naannoo isaanii keessatti sabummaa leellisan filannoo kana irratti dhiibbaa uumuu danda'u jedheen amana jedha Dr. Heenook.

Nageenyaa fi filannoo

Naannoleen Itoophiyaa tokko tokko amma bulchiinsa komaandi posti jalatti bulaa jiru. Kun haala jiruuf jireenya uummataa ulfaataa akka taasise komiin ni dhagahama.

Hayyuun siyaasaa Obbo Moonenus Hundarraa naannoleen kaan bilisummaan filannoo irratti hirmaatanii kaan yoo rakkoo nageenyaan hunkuramu tahe akka biyyaatti miidhaan isaa guddaa taha jedhan.

Dr Heenook Gabbisaa naannolee rakkoon nageenyaa jirutti filannoon kun ifaa fi bilisaa tahuu dhiisuu danda'a sodaa jedhu qaba.

Lixa fi Kibba Oromiyaa bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti uummatni ofitti amanamummaan sagalee isaa kennuu dhiisuu danda'a jedhan.

Dabalataan filannoon godinaalee kanneen keessatti gaggeeffamuuyyuu dhiisuu danda'a sodaa jedhus qabu.

Obbo Moonenus Hundarraa ammoo jaarmiyaaleen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa gidduugaleessa godhachuun hojjetan filannicha irratti sagalee caalmaa argachuu danda'u amantaa jedhu qaba.

Dr Heenook ammoo naannoleen akkasii nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate sagalee isaanii jaarmiyaalee nagaa kana deebisuu danda'aniif kennuu danda'u jedhan.

Magaalaa Finfinnee dirree siyaasaa

Magaalaan Finfinnee dirree wal dorgommii siyaasaa cimaa taati jedhamee amanama. Paartileen Oromoo akka ABO, KFO fi PBO Finfinnee irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabatanii dorgomu jedhamee eegama.

ABO'n jalqaba irraa eegaluun ejjennoo Magaalaa Finfinnee irratti qabu akka hin jijjiirre ibsaa ture. Finfinnee akkuma magaalota Oromiyaa kaanii Amboo, Adaamaa fi warra kaaniitti ilalla jedhanii ture.

Gama biraan ammoo paartileen siyaasa lammummaa irratti hundaa'e gaggeessina jedhan EZEMA'n bakka dorgommii cimaa itti gaggeessuufi sagalee argachuu danda'u tokko magaalaa Finfinneedha jedhama.

Paartii haaraa tahuun tibbana kan hundaa'e Baaldaraas, Finfinneen kan uummata magaalichaati jechuun gaaffii paartileen Oromoo qaban karaa faalleessuu danda'uun akka hojjetu ibsaa tureera.

Obbo Moonenus Hundarraa paartileen Oromoo hedduun magaalaa Finfinnee irratti mo'achuu hin danda'an jedha. Akka sababaatti kan kaa'u filatamuuf dadhaboo ykn imaammata jabaa dhabanii osoo hin taane kan si filatu eenyu kan jedhu ilaaluudha jedha.

Ilaalcha siyaasaa Oromoo sabootni kaan magaalaa Finfinnee keessa jiraatan ija sodaan ilaalu jedha.

Waanuma bor achi keessaa ari'aman ykn mana isaanii dhaban waan itti fakkaatuuf sagalee isaanii paartilee kaan ilaalcha isaanii deeggaraniif kennu jedhan Obbo Moonenus.

Ilaalchi siyaasaa paartilee Oromoo saboota kaan waan miidhuuf osoo hin taane ija sodaan waan ilaalaniif qofa jedhan.

''Durumayyuu gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoon magaalaa Finfinnee irratti qabu filannoodhaan hin deebi'u; silas filannoodhaan miti kan deebi'uu qabu.''

Dabalataan magaalaa Finfinnee qofa osoo hin taane magaalota Oromiyaa gurguddoo kaan keessatti paartileen Oromoo injifachuu dhiisuu danda'u jedha.

Keessumaa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa irratti taphni siyaasaa Oromoof bareedaa taha jedhee hin yaadu jedhan.

Image copyright Getty Images

Dr Henook Gabbisaa magaalaa Finfinnee keessatti filannoo kana irratti dorgomtoota cimoo tahuu kan malan paartii Badhaadhinaa, EZEMA fi akkasumas Baaldaraas tahu jedha.

Uummatni Oromoo Finfinnee irratti seeraa fi seenaadhaanis mirga abbaa biyyummaa qaba jedhan. Haa tahu malee uummatni Oromoo yeroo garaagaraatti dhiibamanii bahaa waan turaniif lakkoofsi uummata Oromoo magaalichaa kan nama gammachiisu miti jedhan.

Kanaaf Finfinnee keessatti paartileen Oromoo sagalee gaarii argachuu dhiisuu danda'u jedhan. Obbo Moonenus Hundarraas yaaduma kana deeggaran.

Haa tahu malee Paartii Badhaadhinaa keessaa sagalee argachuuf uummata magaalichaa gammachiisuuf kan hojjetan jedhan. Karaa paartii Badhaadhinaa kun sagalee argachuu danda'a jedhan.

Akka odeeffannootti kantiibaan magaalichaa injiiner Taakkalaa Uumaa dorgomuu danda'a jedhanii sagalee argachuu danda'u jedhees nan amana jedha Heenook.

Imaammata diinagdee jabaa

Hanqina sharafa alaa furuuf deeggarsa garaagaraa waliitti qabuun hoijjetamaa tureera. Mootummaan Itoophiyaa haaromsa dinagdee biyyaaf kan oolu Baankii Addunyaa fi IMF irraas deeggarsa guddaa argateera.

Diyaaspooraan sharafa alaan biyyatti qusannaa akka banatu gochuun hojii gurguddoo bulchiinsa MM Abiy jalatti hojjetaman keessaati. Haa tahu malee jedhu Obbo Moonenus Hundarraa biyyattiin ammayyuu daddaaqama siyaas-dinagdee keessaa bahuu hin dandeenye jedhan.

Kana qofa osoo hin hojii dhabdummaan wagga waggaan akka malee dabalaa akka jirutu himama.

Jijjirama siyaasaa biyyattiitti dhufef kan galateeffamaa ture qeerroo fi qarree biyyaa carraa hojii barbaadu hin argatan yoo tahe ammas siyaasa biyyichaa irratti deebi'un rakkoo uumuun isaa hin hafu jedhan Obbo Moonenus Hundarraa.

Kanaaf Obbo Moonenus Hundarraa jaarmiyaaleen siyaasaa imaammata dinagdee gaarii qaban uummataaf ibsan filannicha irratti dhiibbaa uumuu malu jedhan.

Federaalizimii sab-daneessaa

Gaaffii sabaa fi sab-lammootaa deebisuun kan danda'amu sirna federaalizimii hordofuun qofa jedhu xiinxaltootni dubbisne.

Dr Heenok TPLF waggoota dheeraaf ofii isaanii sirna federaalizimii dhugaa hojii irra oolchuu hin danda'iin iyyuu malee federaalizimiin sab-daneessaa cimee akka itti fufu garuu ni barbaadu jedhan.

Ammas filannoo kana irratti paartileen federaalizimii sabdaneessaa leellisan sagalee guddaa argachuuf carraa qabu jedhan.

Filannoo bara kanaa maaltu adda godha?

Filannoo Itoophiyaan bara kana gaggeesitu waggoota 28 booda wantoota haaraa of keessaa qaba. Filannoon kun erga Abiy Ahimad aangoo qabatee jijjiirama fiduu eegale jedhameen as isa jalqabaati.

Jijjirama jedhaman keessaa tokko dirree siyaasaa bal'isuudha. Lakkoofsi paartilee morkattootaas isa duraan barameen ol dabaleera.

Bara kana ADWUI'n diigamuun Paartii Badhaadhinaa hundaa'eera. Waggoota 27 booda hundeessaan ADWUI, TPLF adda kana keessaa bahuufi walitti baquu paartilee kana diduun filannoof qophaa'uun yeroo jalqabaaf kan mudatedha.

Gama biraan ammoo akka paartiitti seenaa qabsoo Oromoo keessatti isa hangafaati kan jedhamu ABO'n erga 1992 chaartera keessaa baheen as yeroo jalqabaaf karaa nagaa filannoo irratti hirmaachuuf qophaa'aa jira.

Naannoo Somaalee keessa paartilee socho'aa turan keessaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Ogaaden filannoof qophaa'uun seenaa waggoota 27 darban keessaa kunis isa jalqabaati.

Itoophiyaan erga Mangistuu Haayilemaariyaam aangoo irraa kaafameen as yeroo 6ffaaf filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophiitti jirti.

Odeessa kana irratti dabalata