Lammii Itoophiyaa asiidiidhaan miidhaan irra gahe xalayaa gargaarsaa Tiraamp barreeffameen gara Ameerikaa imalte

Dubartii miidhaan irra gahe Image copyright MENBERE AKLILU FB

Magaalaa Adigiraattitti dhalattee kan guddatte Atsada Nugusee barnoota sadarkaa tokkoffaashee Yalim Birhaanitti kan baratte yoo ta'u sadarkaa lammaffaa immoo mana barnootaa Agi'aziitti barattee xumurte.

Barnootashee itti hin fuufne malee qabxii yuunivarsiitii ishee galchu galmeessisuudhaan digiriishee jalqabaa yuunivarsiitii Hawaasaatti hordofaa turte.

Ta'us garuu waggaa lama miidhaa abbaa warraasheetiin irra gaheen kallattiin jireenyashee guutummaatti jijjiirameera.

"Haati tiyya kophaashee na guddifte; abbaan kiyya qabsaa'aa ture. Gara magaalaa Jigjigaa kan deeme jireenya injifachuuf jecha. Gamoo yuunivarsiitiin Jigjigaa tokkotti hojii argadhe," jetti.

Atsada yeroo kana ture abbaa warraashee kallattii jireenyashee akka jijjiiramu taasise waliin kan wal baratte.

"Ani miseensa poolisii federaalaati.Yeroo sanitti poolisii Jigjigaarratti waan fedhe godha waan tureef baay'ee sodaadha ture," jetti yeroo waan yero sanitti uumame yaadattu.

Gaaffii waliin jiraannaa abbaa warraashee dhiheesseef jaalattee osoo hin taane sodaattee akka fudhatte dubbatti.

Yeroo murtaa'eef Jigjigaa eega turan booda gara Gambeellaa akka deeman itti hime.

Magaalaa Gambeellatti inni konkonlaachisaa baajaajii ta'ee isheen immoo hojii konistiraakshinii hojjachaa waliin jiraachuu jalqaban.

Baruma sana jechuunis bara 2004 ilma tokko deette.

Turtii booda garuu Atsadan "jireenyi gaa'ilaa jireenya waliin qooddataniin waliin jiraachuudha" isa jedhu san dhugaa ta'ee itti hin mul'anne.

"Amalli abbaa warraa kiyyaa ni ulfaata. Waan hundumatti na reeba. Namoonni mana nuu kireessan haalasaa kanatti ni raajeffamu ture."

Hammam reebichi itti hammaatus akka isheen itti guddattee waan beektuuf ilmashee abbaa malee guddisuu hin barbaanne.

"Eega dahe booda abbaan kiyya waan hin jirref haati keenya akka itti rakkattee nu guddifte beeka waan ta'eef waan hunda obsee jiraadha ture. Akkasitti osoma na arrabsu guyyaa tokkollee haadha tiyyafis ta'ee obboleettii tiyyatti himee hin beeku," jechuun BBC'tti himteetti.

"Mucaa kiyya waliin waan hunda dandeenyee jiraachuun keenya boodarra rakkoo qabatee dhufe. Firoonni rakkoo nuti keessa jirru beekan nutti itti himna naan jennaan 'lakkaa! Abbaa mucaa kiyyaati bar' jedhee jireenya kiyya ofii kiyyaan balleesse."

Jireenyisaanii haala kanaan itti fufe. Bara 2007 mucaashee haadhashee Adigiraat jirtu bira keessee isheen gara hojii dura hojjachaa turtetti akka deebitu yaada dhiheesseef. Ta'us garuu maallaqni kenneef hin jiru.

Mucaashee malee jireenyi akkasheen yaadde ta'uufi dide.

Guyyaa tokko "hojii oole galgala mucaa kiyya waliin wal hin argu yoo ta'e maal wayya?" jettee gaafatteen. Inni agruu yaaddooshee ilaalcha keessa galchuu diduun waan maallaqa jedhamu hin qabu; wanni beekus hin jiru jechuun akka deebiseef ni dubbatti.

Firoonni ishee Gambeellaa jiran walii galiin waliin jiraachuu akka hin dandeenyee hubachuun adda bahanii isheen gara biyyashee deemtee hojii akka hojjattu ni mari'atu.

Kanarratti walii galuun qarshii 10,000 kenneefi gargar nu baasan jetti.

Eega gara biyyasheetti deemte booda obboleettiin ishee biyya Arabaa jirtuufi haatishee gargaaraniin mana bareedinnaa xiqqoo banattee haala gaariin socho'as turte.

Abbaa warraashee gara Addigiraat deemuunsaatiin dhiibbaa maatiitiin irra deebiin waliin jiraachuu jalqaban.

Haa ta'u malee ammas walii galuu hin dandeenye. Sirumaayyuu iddoo hojiisheetti "Eenyutu dhufe? Eenyutu deema? jedhaa gaafachuu jalqabe.

Turtii booda garuu abbaa warraashee osoo itti hin himne gara biyya Arabaa deeme. Daangaa Jiibuutiirraa bilbileefi dalaalotatti birrii 8,000 naa ergi jedheen. Taatee uumameen naatee asiifi achi jettee ergiteef.

Yeman irraa eega gara Sawudii ce'e booda obboleettiishee biyya Arabaa jiraaturraa birrii 15,000 isaaf akka ergisiiftu itti hime. Eega Sawudii gale booda bilbilee akka hin beekneefi walirraa akka fagaatan dubbatti.

Osoo deeme jedhee isheetti hin himne deemee, dhufe jedhee osoo hin dubbatiin deebi'ee gara Addigiraat deebi'e.

"Asiidii argee hin beeku

Adoolessa 8 bara 2009 gaafa Sanbataa.

Atsaden mana bareedinnaasheetti hiriyyootashee faana irbaata eega nyaatan booda ni taphatu ture.

Jidduu taphasaanitti abbaa warraashee tasa argite. Naannoo sanitti inni ishee arguunsaa waan ishee hin gammachiifneen hirriyootashee achumatti dhiiftee gara manashee deemuu ni yaadatti.

Imallishee hamma balbala manasaanii geettuuf naga qaba ture.

"Mooraan mana keenyaa meexxiifi baargamoo qaba. Achi keessatti dhokatee tasa natti gadhiise. Qaruuraa pilaastikiitti asiidii qabatee ture."

Yeroo sanitti qaamasheetti maaltu akka itti jige hin beektu ture.

"Wanni natti jigse gaazii natti fakkaatee ture. Ibiddaan na gubuu waan yaade natti fakkaatee ture," jetti.

"Takka turee garuu qaamni kiyya miirri gaarii itti dhagahamuu dide. Namoonni akka na gargaaraniif iyyuus inni dursee baajaajii qopheefatee waan tureef ni miliqe. Haatiifi obboleettiin tiyya baajaajii faana fiiganis dhaqqabuu garuu hin dandeenye."

Asiidiin itti jigfame qaama guutuushee jijjiireera. Ijjishees arguu hin danda'u.

Atsadan jireenyasheetti asiidii argitee hin beektu.

"Jecha asiidii jedhu yeroo keemistirii barannudha kan beeku. Tasuma argee hin beeku. Doktorichis bitaa itti galee waan tureef saffisaan yaala argachuu hin dandeeye ture" jetti.

Dura dura yaala taasifameef ijjishee xiqqoo ni arga ture.

Miidhaa asiidii kanaan ijasheetiin dabalatatti miillishee tokko, harkishee lameenuu, fuullishee guutuun, rifeensishee akkasumas gurrishee miidhaan irra gaheera.

Guyyoota afurtamaaf hospitaala riiferaalaa Ayidaritti baay'ee yaala akka hin arganne dubbatti.

Yaala fooyyee qabuuf gara hospitaala Yekkaatit 12'tti eega geeffamte booda yaalli argattes miidhaa isheerra gahe guutummaatti fayyisuun akka hin danda'amne ni yaadatti.

Ta'us garuu boodarra doktora ani si gargaara jedhu argatte.

''Iji kee bahuu qaba''

Atsadan bara 2010tti wal'aansa olaanaaf Taayilaand deemtee turte. Yaalii baatii sadii fudhateef qarshiin kuma dhibba sadii ishee barbaachisee ture.

Baasii kanaaf humna ijaa hin qabneef deeggarsa lammiilee Itoophiyaa fi biroo irraa argatteen wal'aansa jalqabde.

Wal'aansi argatte garuu akka yaadde hin taaneefi. Dhimmi qaroo ishee oduu gaddaa fideefii dhufe.

Obboleettiinshee hangafti icciitii ofii qabattee turte Sanbata tokko itti himte.

''Iji kee infeekshiinii godhachaa waan jiruuf keessaa bahuu qaba,'' guyyaa sana gadda guddaa dhaan yaadatti.

Yeroo hunda gaafa Dilbataa bataskaana waanin deemuf, ''ija koo Sanbataan hin baasani, biyya kootti na deebisin,'' jedhe obboleettii koo jetti.

Atsadan wal'aansashee addaan kuttee Waldaa dubartoota miidhaan saalaa irra gahe bayyannachiisu(AWSAD) keessa ji'a saddeetiif akk turtu taasifame.

''Nama tokko gaafa gargaartu madaan kee immoo ni qoora.'' Aadde Manbara Akliiluu

Aadde Manbara Akliiluun dubartii yeroo isheen waldicha keessa turte kan ishee gargaaraa turte dha.

Kutaa biyya Ameerikaa Kaalifoorniyaa kan jiraattu yoo tahu dubartoota miidhaan saalaa irra gahe nama gargaartu dha.

Dubartoota dhiirootaan miidhamaniif kan daftee qaqqabdu, abbaan warraa ijoollumaatti ishee fuudhe gidiraa isheerraan gahe yaadachuun akka tahe himti.

''Tamboo isaa xuuxee fuula koorratti dhaamsa ture. Funyaan koo hanga cabsutti miidhaa narraan gaha ture. Ala afur caalaa na ajjeesuuf yaaluu isaa irraan kan ka'e mana dhiiseen bade. Sababii kanaan karaarra bulee beeka jetti Aadde Manbaran.

Amma yeroon sun dabree bultii gaarii keessan jira.

Waa'ee miidhaa Atsada karaa miidiya hawaasummaa akka dhageesseefi abbaa warraa ishee waliin ishee gargaaruuf akka murtessan BBCtti himteetti.

Manbaran dubartii Masarat jedhamtu jaalallee isheetiin haleellaan asiidii irra gahe bara 2017tti Ameerikaatti ishee yaalsifteetti. Amma isheen fayyummaa gaarii irra jirti.

Yeroo Atsadadhaan Ameerikaatti fudhachuuf murteessite warra embaasii irra fudhatama argachuu dhabbdee pireezidant Tiraampiif xalayaa barreessitee, ajaja isaaniitiin milkaa'uu akka danda'e himti.

''Atsadan amma qarooshee dhabdee jirti dhiyeenyatti arguu akka dandeessu garuu abdiin qaba,'' jetti.

''Ani kanan ishee gargaaru ijaan of jaaladhu dha. Sababiin isaa yeroo nama gargaartu madaa ofii qorfatta. Namoonni kaanis waanin godhe arganii nama gargaaruu jalqabu taha,'' jetti Manbaran.

Amma Atsadan Manbara waliin jiraachaa jirti. Waa'ee ishee dubbachuuf jechatu na hanqata jetteetu imimmaaniin buufti waa'ee Manbara gaafa odeessitu

'Duuniyaan kan hunda keenyaati'

Atsadan wal'aansa Ameerikaatti akka jaalatte dubbatti. Baqaqsani hodhuu ija ishee dhaaf taasifameen qadaadni ijaa akka kaa'ameef dubbatti.

Asiidiin irratti dhagala'e qaroo ishee qofa osoo hin taane qadaada ijasheellee balleessee akka ture dubbatti.

Dhihoo kana immoo hayyama Ameerikaa jiraachuu argatteetti. Kunimmoo daa'ima ishee gamasitti akka fudhattu ishee gargaara.

''Miidhaan irra gahe of akka jibbitu akka ishee hin gooneefi inumaayyuu jireenyaaf ilaalcha gaaarii akka qabaattu ishee godheera.'' Fuulakoo amma qabu hin beeku, ani ishee fuula fayyaa ishee qabdu dha,'' jetti.

''Addunyaan kuni kan hunda keenyaati. Akkuma namoonni hamoon jiran, namoonni gaariinis jiru. Rabbiinis namoota gaarii akka hubannuu warra hamoo nutti fida,'' jetti.

Atsadan wal'aansasheen dabalata barnoota barachaa jirti. Namoonni arguu hin dandeenye barrefama itti fayyadam Bireelii baratteetti. Amma immo kompiitara barachaaa jirti.

''Baradhee iddoo guddaa akkan gahu nan beeka. Kaayyoon koos isa dha. Dhimmi na gaabbisisu hin jiru jetti.

'Isheen haadha koo miti, haati koo bareeduu dha'

Ilmi Atsada Haanii jedhama.

Waan kaleessa irra gahe kan irranfachiise isa dha. Amma qaroonshee ilmasheeti.

''Umuriinsaa 7 dha. Sababiin jiraachuu koo isa dha,'' jetti.

Yeroo balaan kun irra gahe inni daa'ima ganna shanii ture. Fuulashee akka malee geeddarame ilaaluu hin dandeenye ture.

''Jalqaba baayyee soadaatee ture. Haadha keetii yeroo ittiin jedhan, lakki lakki isheen haadha koo miti. Haati koo bareedduu dha jechuusaa yaadatti.

''Amma garuu dubbii waan hubachaa dhufeef jabaadhu naan jedha,'' jetti.

Amma mucaanshee abbaa isaa haaloo akka bahu hin barbaadu jetti

''Mucaan koo nama dhiifama namaa godhu akka tahun fedha, anis akkasuma,'' jetti.

''Ana otoo hin taane daa'imasaa miidhee ba'aa humnasaa olii baatee jira,'' jetti.

Haqa barfate

Namni Atsadadhaan miidhe ammallee haqaaf hin dhiyaanne. Yeroos qaamoti isaan ilaallatu isa barbaadanii to'annoo jala oolchuuf itti gaafatamummaa isaanii akka hin bahanne dubbatti.

Seerri warra yakkamtoota adabbii isaaniif malu akka argatan godhu akka hin jirre dubbatti.

Manabaranis hawaasa bariisuun alatti adabuun yakki akkasii akka irra hin deebi'amneef gargaara, jetti.

Dhimma kana ilaalchisuun Itti Gaafatamaa Biiroo Haqaa Naannoo Tigraay Obbo Amaanu'el Asaffaadhaan gaafannee turre.

Nama yakka kana raawwate jedhame irratti yeroo duraa ragaa argachuun rakkisaa akka tureefi boodammoo biyyaa bahe. Biyyatti yeroo deebi'e immoo sababii muddama siyaasaa yeroos tureen to'annoo jala oolchuuf akka hin danda'amne himu.

Abbaan alangaa immoo jalqaba rakkoon kuni kan dhufe,lubbuudhaan turuushee tilmaamuun waan rakkisaa tureef jedha.

''Qaama hir'isuu erga irratti murtaa'een booda deebistee nama ajjeesuu dhaan irratti murteessuun waan hin danda'ameef,'' jedhaniiru.

Booda garuu haallishee yaaliidhaan yoo mirkanaa'u, yaalii ajjeechaatiin himatameera. Sana boodas jechi ishee fudhatamee, qorannoon erga adeemsifameen booda himannaan irratti banamee hidhaa umrii guutuudhaan adabameera.

Yakkamaan kun Intarpooliidhaan barbaadamee biyyatti yoo deebi'uu adabbiin kun akkairratti raawwatamu taha jedhu Obbo Amaanu'el.

'Maal balleesseeni'

Guyyaa sanaa qabee abbaa warraashee argitee hin beektu waa'ee isaas hin dhageessu. Qaamaan otoo argitee maal si godheeni jettee gaafachuu akka barbaaddu dubbatti Atsadan.

Odeessa kana irratti dabalata