Koroonaavaayiras: Itoophiyaan imaltoota Chaayinaarraa dhufan koronaavaayiras ittisuuf sakatta'uu eegalte

Koronavaayiras Image copyright Getty Images

Vaayirasiin haarayaa biyya Chaayinaatti eegale koronaavaayiras, haga ammaa lubbuu namootaa 41 galaafateera.

Addunyaanis waahee vaayirasii kanaa yaaddoo keessa seenuun, biyyoonni garagaraa ofeeggannoo taasisaa jiru.

Itoophiyaattis imaltoota biyya Chaayinaarraa dhufan irratti Buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Booletti qorannoon taasifamu guyyootaan dura - Amajjii 13 bara 2012 eegaluusaa mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhimma vaayirasichaarratti ibsa Jimaata kenneen, "Dhimmicha of eeggannoon hordofaa turuu ibse. 'Biyya keenyaaf haalli sodaachisaan tahe hin jiru,'' jedheera.

Daayrektarri olaanaa Institiyuutichaa Dr Eebbaa Abaata, ''Namootni dhimmicharratti odeeffannoo barbaadan sarara bilbilaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu danda'u," jedhaniiru.

Guyyootaan dura magaalonni Chaayinaa lama vaayirasii haaraa tamsa'aa jiru kana to'achuuf jecha guutummatti cufamaniiru.

Biyyattii keessatti vaayiraasiin kun haga ammaa lubbuu namoota 17 galaafateera.

Akka daarektarri kun jedhanitti, ''Walitti dhufeenyi Itoophiyaa fi Chaayinaa akkasumas geejibni qilleensarraa Itoophiyaa fi Chaayinaa hedduu ta'uusaatin, sakatta'insi taasifamu cimaa ta'uu dubbatan.

"Rakkinichi yeroo gabaabaatti biyya tokko biyya biraatti waan deemuufi sochiin namootaa olaanaan waan jiruuf, dursanii ittisuu barbaada," jedhan Dr Eebbaan.

Hanga ammaattis wanti mudate akka hin jirre fi tarii yoo rakkoon cimaa uumamellee, hospitaalootni lama, Xiqur Anbassaa fi Phaawulos qophaa'aniiru jedhan.

Hojiin of-eeggannoo dursaa kun qindeessummaa ministeera fayyaatin hojjetamaa akka jiruufi meeshaalen hoo'a qaamaa safaran qophaa'anii sakatta'insi taasifamaa akka jirus himan.

Sakatta'iinsi Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Booletti taasifamu (dhibee Iiboolaatif) waggaa tokkoo ol lakkoofsisuu isaa kan dubbatan Dr Eebbaa Abaata, meeshaalee sakatta'iinsa Iiboolaaf faayidaarra oolaa turan sakatta'insa vaaryirasii 'Coronavirus' jedhamu kanaaf fayyadamaa akka jiranis dubbataniiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Pharmacy have been wearing protective clothes and masks serve customers in Wuhan

Meeshaalen kunneen hoo'a qaama namaa safaruu kan dandeessisanidha.

Akka daayrektarri olaanaa kun jedhanitti imaltootni Chaayinaadhaa dhufan hundi sakatta'iinsichi kan irratti adeemsifamu yemmuu ta'u, kunneen iddoo vaayirasichi itti mul'atee dhufan ammoo hordoffiin torbee lamaaf turu irratti adeemsifama.

Gorsaafi ibsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa (WHO) kennaman hordofaa akka jiraniifi Giddugala to'annoo dhibee Afrikaa (Africa CDC) waliinis dhiyeenyaan hojjechaa akka jiranis Dr Eebbaan himaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa torbeetti balalliiwwan 36 gara Chaayinaatti akka taasisus dubbatan.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Buufataalee geejibaa garagaraatti imaltoonni sakatta'amaa jiru

Waa'ee vaayirasichaa maal beekna?

Ammatti 2019-nCoV jedhame beekama. Gartuu koronoovaayirasii duraan namarratti mul'atee hin beeknedha.

Jalqaba bara 2000tti sirna hargansuu miidhuun lubbuu namoota 800 olii addunyaarratti dabarsees gosa koronoovaayirasii utaalloo ta'uun isaa beekamuudha.

Aanga'oonni akka jedhanitti gosti vaayirasii haaraan kun gabaa qurxummiin itti gurguramu Wuhaan keessatti argamanirratti mul'ate.

Gabaan sun jalqaba bara kanarraa eegalee cufameera.

Qorattoonni muraasni dhukkubni kun bofarraa dhufee jedhanii yaada dhiyeessan.

Qorannoon barruu dhimma fayyaa Medical Virology irratti Roobii maxxanfame akka agarsiisuutti, xiinxallii qorannoo maddisaa bofa ta'uu ta'uu hin hafne akeeke.

Kana malees, namoota vayirasichi qabeerraa gara miseensota maatiisaanitti fi hojjattoota eegumsa fayyaarratti bobba'anitti darbuun isaas namarraa gara nama biraatti akka darbu danda'uuf ragaadha.

Kun otoo haal kanaan jiruu Dhaabbata Fayyaa addunyaatti koreen yeroo muddamaa tamsa'ina dhibichaan walqabatee labsii yeroo muddamaa labsuuf dhiisuurratti walfalmuutti jiraachuun ibsameera.

Mallattoolee vaayirasichaa

Image copyright Getty

Vaayirasiin kun yommuu nama qabu qaamolee hargansuu keenya irratti dhukkubbii salphaatii hanga cimaatti fiduu danda'a.

Mallattoo inni agarsiisu keessaas hoo'i qaamaa dabaluu, mataa bowwoo, qufa'uufi afuurri addaan ciccituu fa'aadha.

Namootni vaayirsaii kanaan hubaman irratti ammoo kaleen hojii dhaabuu, daranyoo sombaa fi dhukkubbii guddaan qaamolee hargansuu irratti dhagahamuudha.

Kun ammoo hamma du'aatti geessuu danda'a.

Namootni mallattoowwan kanneen of irratti argan gara mana yaalaa deemanii yaalamun barbaachisa.

Shakkii yoo qabaatanii fi dabalataan gara biyyoota vaayirasichi mul'ate jedhamanii namni deemes fayyaa isaaf jecha guyyota 14 keessatti sakatta'insa gaggeessuun barbaachisaadha.

Vaayirasichi osoo hin gabaafamiin dura guyyoota 14'f namni naannicha tures akkasuma sakkatta'insa gaggeessuun barbaachisaa akka tahe himameera.

Lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan du'anii Chaayinaatti dabalaa jira. Kutaa bulchiinsa Hubeey [Hubei,] jedhamtukeessatti namootni 15 dabalatan du'aniiru.

Chaayinaatti qofa namootni 1287 vaayirasichaan kan qabaman yoo tahu isaan keessaa 41 kan tahan du'aniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata