Fergal Keane: Gulaalaan BBC Afrikaa sababa 'PTSD'n hojiisaa gadhiise

Fergal Keane
Goodayyaa suuraa Fergal Keane sagantaawwan kanneen akka The Andrew Marr show gubbaa gabaasaa ture

Gaazexeessaan BBC Fergal Keane hojiisaa gulaalaa BBC Afrikaa irraa sababa dhibee sammuu PTSD'n gadhiiseera.

PTSD-post-traumatic stress disorder - erga muuxannoo gaarii hin taane yookaan taateen suukanneessaan tokko nu mudatee, achii booda jeeqamuu yookaan garmalee cinqamuudha.

Rakkoon kun kan isa mudate ''zoonota waraanaa addunyaa keessa naanna'uun waggoota dheeraaf hojjechuun,'' kan dhufe tahuu aanga'aan BBC keessaa Jonaataan Munroo dubbataniiru.

Itti dabaluunis Keane ''rakkina PTSD itti fide waliin yeroo dheeraaf kophaasaatti cinqamaa ture,'' jedheera.

Keane ALA 1996tti badhaasa olaanaa biyyattiitti kennamu OBE (Order of the British Empire), hojii gaazexeessummaa hojjeteef badhaafameera.

'Keane' hojiisaa gulaalaa kana haa gadhiisu malee, BBC keessa hojii biraan itti fufa.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Keane 2016 keessa

Aabba Munroo hojjettoota BBCtti akka himanitti, ''Keane hiriyootaafi waahillan dhaabbaticha keessa jiraniin qarqaarsa argateera. Kana malees, gorsi fayyaas ogeessyyiin taasifameeraaf''.

''Haa tahu malee, rakkoo kanarraa kana caalaa dandamachuuf, hojiisaa geeddaruu barbaadeera.

Waahee rakkoo PTSD ofii ifatti bahee dubbachuun isaa jabina isaa agarsiisa,'' jedhan.

Keane ALA bara 1989tti gabaasaa Ayarlaand Kaabaa tahuun BBCtti makame. Gulaalaa BBC Afrikaa tahuun dura, Afrikaa Kibbaa fi Eeshiyaarraa yeroo dheeraaf gabaaseera.

Bara 1994tti hojiisaa Duguuggaa sanyii Ruwaandaaf Badhaasa Televizhinii Amnestii mo'ateera.


PTSD'n maali?

  • Taatee suukanneessaa yookaan naasisaa keessatti argamuun, sammuu namaa olitti taha, naasuu guddaa uuma, lubbuufillee yaaddeessuun PTSDtti geessa
  • Mallattooleen rakkoo kanaa, yeroo hedduu erga taateen kun mudatee torban muraasa keessatti mul'atu - turanis mul'achuu danda'u
  • Taatee suukanneessaa booda, namoonni gadda garmalee keessa seenu, ni cinqamu, ni dhiphatu, miira 'waa balleesseera' jedhu keessa galu, akkasumas ni aaru
  • Qaajja'uu fi irra deddeebiin wa'ee sanaa yaaduu keessa galu
  • Yeroo hunda 'dammaqanii eegu'
  • Mallattoon qaama irrattis ni mul'ata: dhibee qamarraa, garaa kaasaa, dhahanaa onnee wal hin fakkaanne, mataa bowwoo, miira sodaa fi cinqamuu
  • Namoonni alkoolii heddummeessanii dhuguu yookaan ammoo qorichoota fayyadamuu eegaluu danda'u (qorichoota dhukkuba hir'isan dabalatee).

Maddi: Royal College of Psychiatrists

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata