Aadaa Oromoo: Gatiin gabbaraa dabaluun gaa'ilarratti dhiibbaa akkamii qabaata?

Meeshaa gabbaraaf kennamu Image copyright Miidiyaa hawaasaa

Gosa Oromoo Sikkoo Mandoo biratti gabbarri yeroo dhiirri tokko dubartii fuudhuuf jedhutti warra intalaatiif kennaa maallaqaa fi uffataan kennamuudha.

Gabbarri duraan hariiroo fi kabaja warra soddaa sanaaf qaban agarsiisuuf jecha kennaa kennuudhaan eegalamus, yeroo ammaa kanatti gatiin gabbaraa kuni hanga birrii kuma 50 fi isaa ol akkasumas hawusaa (uffata qorraa) 10 fi isaa ol kennuurra gaheera jedhu miseensoonni hawaasa kanaa.

Jiraataa magaala Asallaa kan ta'e qeerroo Abdii Huseen, gabbarri warra intalaatiif kaffalamu kun miidhaa isaatu caalaa dhufeera jedha.

"Yeroo ammaa gabbarri humnaa ol ta'aa waan jiruuf namni nama jaalate fuudhuuf ni rakkata. Kennaan gabbaraa kunis dorgommii ta'aa waan dhufeef baasii humnaa olii ta'aa jira. Hamma liqeeffatanii liqiidhaan fuudhaniitti nama geessisa" jedha.

Keessumaa gatiin gabbaraa waalta'aa ta'uu dhabuun isaa dhiibbaa guddaa fidaa jiraachuus eera.

"Namni hammuma qabu gabbara osoo ta'ee gaariidha. Amma wanti jiru 'ebelu birrii kuma 50, kuma 100 gabbare, tiyyas intalli kan ebeluutiin gadi miti' jechuudhaan humnaa ol nama gaafatu," jedha.

Akka Abdiin jedhutti, gabbarri kuni bultii ijaaruudhaaf warra dhiiraa irratti qofa dhiibbaa kan uumu waan ta'eef jaalala gaa'ila booda qabaatanirrattillee dhiibbaa qabaachuu mala jedha.

"Mucaan gabbaratti waan qabu yoo fixate gaafa walfuudhan waan ittiin jiraatan dhaban, jaalalli isaanii ni rakkoo keessa gala. Mucichi intala kana akka waan biteetti yaaduu eegala. 'Birrii hammanaa baasetan sibite' jechuutti waan cehuuf jaalalli isaanii rakkoo keessa gala" jedha.

Naannoo isaaniitti namoonni dureeyyii ta'anii fi kanneen biyya alaatii dhufan gabbara dubartii olkaasanii waan kennaniif gatiin gabbaraas dabalaa deemuus eera.

Bara 2009 gabbaraan heerumuu kan himtu Aadde Siifan Furoo, yeroo sana abbaan warraa ishee ammaa kun waan gabbare akkasiin himu.

"Yeroo sana abbaan warraa kiyya kuni maatii kiyyaaf uffata qorraa (birdilibsii) 10, fi birrii kuma 50 kennuun na fuudhuuf gabbare.

Maatiin ishee ammoo gatii gabbara kanaa deebisuuf misirroota mana bahan kanaaf meeshaalee manaa fi loon 20 kennuus ni yaadatu Aaddee Siifan. Kana ta'ees garuu gabbarri miidhaa qabaachuu isaatan hubadhe jetti Aadde Siifan.

"Gabbarrii miidhaa qaba. Miidhaan isaatis, qarshii kana hunda kennuu hin qabnu ture. Birriin suni silaa amma waan baayyeef nuuf taha ture. Gabaabumatti gabbarri faayidaa hin qabun jedha" jette.

Abbaan Gadaa Godina Arsii Haaji Hasoo Guddatoo ammoo gabbarri barsiifata aad-maleedha malee waan aadaa miti jedhu.

"Namni barsiifata godhateetuma birrii fi uffata wal bichisiisanii, intala heeruma dhoowwanii aad-malee kanaan walmiidhaa jiru," jedhu.

Akka Gadaa godinichaatti, gatiin gabbaraa olka'uu akka hin qabneefi hafuullee akka qabutti tumaa tumanis garuu hojiirra akka hin oolle jedhan.

"Cidha yoo godhan abbaa fi haadhatti haa uwwisu, intalattis uffata gahaa haa uwwisu. Kanumaan yaa heerumsiisan malee akka gabbara hin nyaanne, gabbarri aad-maleedha. Hafuu qaba. Aadaa teenyatti haa deebinu jennee murree turre. Hojjiirra nuuf hin oolle malee murteessinee lafa jira" jedhan.Gatiin gabbaraa olka'uun namni humna hin qabne bultii akka hin ijaarranne dhiibbaa waan fidaa jiruuf, buttaan deebi'ee akka babal'atu gochaa jiraachuus eeran.

"Kan ijoollee buttaatti darbu, kan ijoolleen durbaas 'fedha kiyya' jettee akka jala kaattee wajjin galtu godhu gabbaruma kana. Ijoolluma gabbara jalaa olfageessanii rakkisan kanatu gara yakkaatitti seenaa jira. Buttaanimmoo seera hundaanuu dhorkamaadha," jedhan.Kanaafuu gabbarri hafee, ijoolleen akka aadaa duriitti nagaan walfuudhuu akka qabu jedhan Abbaa Gadaa Haaji Hasoo Guddatoo.

Sababa gabbara kaffaluu sodaaf buttaan babal'achaa jirus gocha yakkaa ta'uunsaa hubatamee dhaabbachuu qaba jedhan.

Image copyright DEA / C. SAPPA

Bakka hedduutti, maatiin intalaa erga gabbara fudhataniin booda ijoollee walfuudhaniif meeshaa manaa fi kennaawwan biraa kan kennan jiraatanis, kanneen gabbara fudhatanii harkuma duwwaa intala heerumsiisanis akka jiran himu.

"Nama tokko tokkotu meeshaafaa bitee kennaaf malee kaan irrumaa quncisee fudhateetuma gadhiisa. Homaa hin godhaniif. Boodas ijoollee walfuudhaniif homaa bu'aa buusu hin qabu" jedhan.

Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Arsii kan tahan Aadde Zamzam Kadir, gabbarri olka'ee ijoolleen gara buttaa akka yaadan gochuun dhugaadha jedhanilleen, gabbarri hariiroo hawaasummaa cimsuuf garuu faayidaa inuma qabaata jedhu.

"Qorattoonni seenaa gabbarri akka aadaa waliin hidhata hin qabne ni kaasu. Garuu soddaan kennaa walii kennuun kabajaa fi waljaalala cimsuuf gahee qaba. Keessumaa Arsii biratti kennaa warra mucaa sanaaf bakka guddaatu kennamaafi. Dura akkuma kennaatti ilaalamaa ture, garuu amma gatiin isaa baayyee olka'eera" jedhan.

Maallaqni kaffalamu dabaluusaatiin 'Gabbarri akka sababa ka'umsa buttaa' ta'aa dhufuus himu.

Gadaan Arsii gabbarri akka hafuuf tumaa tumuu quba qabaachuu himanis, hamma uummanni jaalalaan kennaa walii kennetti dirqiidhaan yaa hafu jechuu hin qabnu jedhu.

"Gabbarri fedhii fi jaalalaan kennama malee seerri irratti bahee dirqama hammana kaffaluu qabda kan jedhu hin jiru. Warruma tumaa tumetu deebi'ee gabbara kana gabbarsiisaa jira waan ta'eef, gama abbootii Gadaatiin tumaa walirratti tumuun jijjiirama fiduun ni ulfaata," jedhu.

Furmaanni waaraan garuu uumanni waliigalee kan qabuu fi kan hin qabneefis akka ta'utti waan mana dhiiraatii gabbaraaf bahu kana akka jiruu isaanii itti utubataniif mariidhaan murteeffachuu wayya jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata