Aadaa Oromoo: Yeroo gaa'elaatti Oromoon milkii akkamii ilaallata?

biqila

Biqila ilaallachuun aadaa fudhaafi heeruma Oromoo Maccaa biratti irra caalaa beekamudha. Yeroo naqannaatti ilmaafi intalli tokko waliin bultoo dhabbachuu danda'u kan jedhu murtessuuf biqilli ilaalama.

Biqilli kan qophaa'u garbuu filatamee soramee utuu mooyyee hin xuqsiisiin dhuubaameeti.

Qophiin biqila kanaa guyyaa torbaa hanga 10 fudhachuu danda'a. Iddoo hedduutti garbuun kun kan uukkamfamee ka'aamu baalaa muka bakkaniisaatiini.

Yeroo gaa'eelaaf qoophaa'an akkamiin milkii biqilaan akka ilaallatan barsiisaa fi qorataa aadaa Yuunivarsiitii Jimmaa Dr Darajjee Fufaa irraa odeeffanneerra.

'Margaa keenya Margituu keessaniif...'

Abbaan ilmaa warra intalaatti erga jaarsolii ergatanii booda warri intalaa biqila ilaallanna jechuun fedhii qabaachuu isaanii agarsiisu.

Biqila ilaallachuuf guyyaa erga qabatanii boodaa biqilli kun biqiluufi dhiisuu isaa irratti hundaa'uun ilmaafi inatallii kun walfuudhuu danda'u ykn hin danda'an kan jedhu murteessu.

Garbuun filatame erga sorameen booda utuu mooyyee hin xuqsiisiin bishaaniin dhuubaamee ukkaamfamee kaa'ama. Iddoo hedduutti garbuun kun kan uukkamfamu baalaa muka bakkaniisaatiini.

Qophiin biqila kanaa guyyaa torbaa hanga 10 fudhachuu danda'a.

Biqilli sun yoo biqileera ta'e milkiin toleera jedhame gammachuun gara gaa'elaatti darbama. Kun kan agarsiisu gara fulduraatti jarri kun wajjiin jiraachuu, biqiluu, horuu marguu danda'u kan jedhudha.

Yeroo tokko tokko jaarsooliin yeroo warra intalaa bira deeman 'margaa keenya margituu keessaniif' jedhanii gaafatu.

Biqilli kun biqiluun isaa ilmaafi intallii kun gara fulduraatti waliin horanii jiraachuu danda'u kan jedhu mul'isa jechuun hiikama.

Aadaa Oromoo keessatti biqilli kun hormaata mul'isa. Hormaataa yeroo jedhamu immoo ilmaan godhachuu qabeenyaa horachuu fi bultoo gaarii qabaachuu argasiisa.

Namootni kun namaafi horiimmoo horanii nagaa waliif keennuu yoo dhaban gidiraa guddaadha. Namootni nagaafi jaalala bultuma qabaachuu danda'u isa jedhu of keessa qaba.

'Milkiin takkaa dhowwatee jennaan dhowwateera'

Yoo biqilli kun hin biqiliin hafe gaa'eelli sun ni hafa. Sababiin isaas biqilli biqiluu hafuun isaa jarri kun, ilmaan godhatanii, horanii, waliin jiraachuu hin danda'an jedhame amanama.

Akka amantaa kanaatti biqilli biqiluu dhiisuun bultoo gaarii qabaachuu dhiisuu danda'u kan jedhu agarsiisa.

Yeroo naqataatti biqilli hafe jedhamee yeroo lammataaf biqilchuu yaaluun hin danda'amu. Sababiin isaas milkii hin jijjiiranii jedhama.

Milkiin takkaa dhowwatee jennaan dhowwateera waan jedhamuuf ga'eela kan biraa ilaallachuuf deemama.

Akkaa amantaa Oromootti kun waa mul'iiftudha jedhama. Jireenya namootni kun gara fulduraatti qabaachuu danda'an mul'isa waan ta'eef milkiin kun ooddatamu ykn eeggatamuu qaba jedhama.

Utuma irraa deebi'amee deemamee biqilli yoo toleyyu milkiin toleera jedhamee hin amanamu.

Intalli naqatamuuf jettu jaarsi ergamuu isaa yoo beekteefi nama ishee ilaallachuuf dhufu sana yoo hin jaallanne ta'e warraa ishee dhoksitee biqila sanatti bishaan danfaa naqxi. Kun biqilli akka hin biqille godha.

Kanaaf bara durii haatiifi abbaan intala jalaa adeemsa kana iccitiiin gaggeessu ture.

'Okkottee qullaa...ibiddaa bule'

Biqilaa ilaallachuun alatti yeroo ga'eelaaf qophaa'an ykn naqannaaf deeman akki itti milkii ilaallatan biroos jira.

Fakkeenyaaf yeroo naqannaaf deemanitti daandii irratti dubartiin okkotee qullaa baattee adeemtu yoo itti dhufte milkiidha jedhama.

Okkotee qullaan kan barbaadaanne itti guuttachuudhaaf karaan nuu ba'eera jechuun akka milkii gaariitti fudhatama. Kun garuu iddoo adda addaatti hiikaa faallaa qabaata.

Daandii irratti nama afaan gaarii ykn eebba walitti haasa'uu arguun milkii gaarii, nama wal lolu arguun ammoo milkii gadheedha jedhamee yaadama.

Milkii yeroo naqannaaf deemanitti ilaallatan keessaa tokkoo yoo dameen mukarraa foxxoqee kufedha. Kun milkii badaa ykn gadheedha jedhama.

Inni biraa mana intalaas ta'ee mana gurbaa ibbiddi buluufi dhiisuun akka milkiitti ilaalama. Yoo ibiddi hin buulle milkiin dhowwateera jedhama.

Yeroo deemanitti maatiiin intalaafi jaarsooliin maal agartan mal dhageessaan jechuun waal gafachuun wal qoratu.

Milkiin tokko tokko hanga isa kaanii dhiibbaa guddaa qabaachuu dhiisuu danda'a garuu wanta arganis ta'e dhagaa'an namoota milkii hiikuu danda'an Ayyaantuu jedhaman dhaqanii ni gaafatu.

Milkii fi Ayyaana

Oromoon fudhaafi heerumaaf yeroo wal ilaallannaatti yoo milkiin hin tolle "ayyanaa jaraatu waliif hin taane" jedhee amana.

Yeroo ammaattii namni hedduun 'ofuumaa carraatti amanuudha' jechuun milkii ilaallachuutti hin amanu.

Yeroo baayyee garuu aadaa Oromoo keessatti namootni boodarra bultoon isaanii hin milkaa'iin yeroo haafuu ykn rakkoon irra gahuu 'milkii kana ykn sana bira darbeeni' jechuun boodatti deebi'anii yemmuu dubbatan ni dhaga'ama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata