Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Hagayya 23 bara 2012 akka gaggeefamu boordiin filannoo biyyaalessaa beeksise

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa
Guyyaan Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Hagayya 23 bara 2012 akka tahu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa konfiransii har'a magaalaa Finfinneetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jirurratti dhiyeesse.
Murtoon kun kan xumuraa tahuu ibsamuu baatus, konfiransii taa'amaa jiru irratti boordiin filannoo dhiyeesseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa guyyaa sagaleen kennamu kanaan dura Hagayya 10 akka tahu yaada dhiyeesse ture fooyyeessee dhiyeessuun gaafa Hagayya 23 bara 2012 akka tahu hirmaattota mariif dhiyeesseera.
Filannoo bara kanaa ilaalchisee qooda fudhattoota garaagaraa waliin konfiransiin gaggeeffamaa jira. Konfiransicharratti hogganaan Komishinii Mirga Namoomaa, hoggantootni paartilee mormitootaa fi qooda fudhattootni kaanis argamaniiru.
FBC'n akka gabaasetti, konfiransicha irratti walitti qabdun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Burtukaan Miidhaksaa guyyaa filannoo ilaalchisee gaaffiiwwan hedduun ka'anis ilaalcha keessa galfamanis bu'uura seeraan garuu guyyichi hagayya 23 tahuu qaba jedhaniiru.
Yeroo gannaa filannichi gaggeeffamuu waliin wal qabatee Ejensii Meetiroloojii Biyyaalessaa waliin hojjenna jedhaniiru.
Guyyaa filannoo kanaan dura Hagayya 10 haa tahu jedhamee dhiyaate irrattis paartileen mormitootaa garaagaraa mormi akka qaban ibsaa turaniiru.
Gama biraan ammoo paartileen akka ABO filannicha dursee miseensotnii fi deeggartootni keenya bakka garaagaraatti hidhamaa jiraachuun yaaddoo nutti uumeera jedhan.