'TPLF' qabsoo hidhannoo hanga 'Tigiraay biyya of-dandeesse...'

MM duraanii Obbo Mallas Zeenaawiifi Haayila Maayimaa Dassaalanyi Image copyright Gettyimages/TONY KARUMBA

Tibbana Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraayi (TPLF) bara hundeeffama isaa waggaa 45ffaa naannoo Tigiraayitti haala adda addaatiin kabajataa ture.

TPLF erga sirna Dargii kuffisuun aangoo mootummaatti dhufeen as waggoota 27'f biiyyattii bulchaa ture.

Isaan booda ammoo erga waggoota lamaan darbanii as aangoo mootummaa jiddugalaa keessaa bahee naannoo ofii qofaa bulchu irratti xiyyeeffataniiru.

Annga'oonni dhaabichaa 'Tigiraay biyya of-dandeesse' akka taatu fedha qabaachuu waltajjiiwwaan adda addaarratti yaada isaanii calaqqisiisaa turan.

'TPLF' eessa kaa'e?

Dadabiit bakka qabsoo hidhannoo TPLF itti eegaleefi dhiigni dargaggoota kumaatama hedduu itti dhagala'eedha.

Bara sanattis dargaggoonni miidhaafi sarbama mirgaa sirna Dargiitiin irra gahaa ture irratti qabsaa'uuf hedduun lubbuu isaanii dhabaniiru.

Sanadootaafi taateewwan adda addaatiin akkuma himamuu kaayyoon qabsoo adda kanaa inni guddaan sirna Dargii tibba sanatti misoomaafi dimokiraasiif gufuudha jedhee amane kuffiisuun Tigiraay bilisa baasuu ture.

Qabsoon isaanii finiinee naannoo Tigiraay bilisa ergabaasaniin booda Dargii kuffisuun Itoophiyaa guutuu bilisa baasuuf qabsoo itti fufan.

Qabsoo Addi Bilisa Baasaa Eeritiraafi Addi Bilisummaa Oromoo qooda keessatti fudhataniin bara 1991 mootummaa dargii aangoorra erga buusaniin booda aangoo mootummaa jiddugaleessaa Itoophiyaa harkatti galfatan.

Humnoota siyaasaa hedduu kan hirmaachise chaartara dhaabuun mootummaa waloo ijaaruuf yaaliin taasifame milkaa'uu dhabee ABO'n akka biyyaa baqatu erga taasifame booda TPLF dhaabbilee siyaasaa sadii- Dhaabbata Dimokiraasummaa Ummata Oromoo (OPDO), Sochii Dimokiraatawa Ummata Amaaraa, Sochii Dimokraatawa Ummattoota Kibbaa waliin ta'uun ADWUI hundeessanii waliin biyyattii bulchuu eegalan.

Jalqabarrattis motummaa ce'umsaa hundessuun waggoota sadiif hogganan. Itti aansee ammoo ALI bara 1987'tti heerri motummaa haaraan raggaasifamuun biyyattii keessatti boqonnaan siyaasaa haaraan eegalame.

TPLF fi Heera mootummaa

Heerri motummaa Itoophiyaa ALI Sadaasa 29 bara 1987 ragaasifames ummattoota biyyattiif mirgoota addaa isaan dura hin turre akka goonfachise himama.

Heerri kun akka yaadaatti ummattoota mirga aangoo ofiin of bulchuu gonfachiisa. Garuu hojiirra olmaa isaatiin qeeqamaa ture.

Mirgoota namoomaa idil-addunyaa heera kanaan beekkamtiin kennameef keessaa, mirgi afaan ofiitiin barachuu, mirga yaada ofii bilisaan ibsachu, mirgoota walgahuufi mormuu, mirgi ofiin ofi bulchu hanga foxxooquutti fa'i kan hammate ture.

Kana malees adeemsi wixinneessuu kaasee hanga raggaasisuu heera kanaa kan yaada qaamoolee adda addaa hirmaachise ta'unsaa jajamee ture.

Xinxalaa siyaasaa fi waa'ee siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan kan hordofan pirofeesar Sheetil Tironvool heerri mootummaa kun kan miira ummataafi haala qabatamaa biyyattii wayita sanaa ibsu ta'uu dubbatu.

Akka oggeessi kun jedhaniitti rakkinni kan jiru heera motummaa biyyattii keessa osoo hin taane qaawwa hojiirra oolchuun wal qabatee jiruudha.

Image copyright Gettyimages/JOSE CENDON

Fiannoo bara 1997 kan ifti dimokiraasii itti calaqee ture

Siyaasa Itoophiyaa keessatti filannoon bara 1997 iddoo olaanaa qaba.

Bara sana keessa waltajjiiwwan mormii paartilee siyaasaa jidduu turan ciccimoo, paartileen waliin ta'uun akka paartii siyaasaatti ijaaramuufi duula na filadhaa turan kan yadatamaniidha.

Keessattuu kutannoon ummanni paartii naaf ta'a jedhe filaachuuf qabu kan yeroo kamuu caalaa jechuun ni danda'ama.

Filannoo isa dura tureen teessoo paarlaamaa 547 ture keessaa ADWUI 481 mo'achuun ture aangoo motumma ce'umsaa irraa kan fudhate.

Bara sanattiis aanga'oonni paartilee mormituu kan akka Dr Mararaa Guddinaa fa'i mana maree keessatti teessoo argachuun yaada isaanii dhageessisuu carraa argatanii turan.

Bara duula na fidhannaa filannoo bara 1997 ammoo dhaabbileen midiyaa fi dhaabbileen sivilii bilisaan socho'uuf carraa argatanii ture.

Tibba sanattis, paartilee mormitootaa waliin ta'uun gamtomanii ADWUI dura dhaabbachuun haala hin eegamneen Finfinneetti mo'achu danda'aniiru.

Haa ta'u malee qabxii filannichaa ADWUI waan hin fudhanneef gara jeequmsaafi hidhaatti geeddaramee ture haallichi filannoon booda.

Hoggantoonni dhaabbilee siyaasaafi gaazexessitoonni himannaa biyya ganuu jedhuun mana hidhaatti darbataman. Kanneen hafan ammoo biyyaa baqatanii ture.

Anga'oonni paartilee siyaasaa sababii sanaan biyyaa bahan kanneen kan yeroo ce'umsaa baqatan kan akka qondaaltoota ABO dabalate amma erga Dr Abiy gara aangootti dhufanii waggoota 27 booda Itoophiyaatti deebii'an.

Haa ta'u malee filannoo bara 1997 boodas haalli ifa dimokiraasii biyyatti keessatti mul'atee ture hir'achuun, seeroonni mirgoota namoommaa sarban kan akka farra shororkessummaa, labsii pireesi fi labsiin dhaabbilee sivilii fa'i raggaasifaman.

Aanga'oota TPLF duraanii keessaa tokko kan ta'an Obbo Gabru Asiraati tarkaanfii tibba sana paartiin biyya bulchu fudhate kan guddina dimokiraasii biyyatti boodatti harkiseedha jechuun ibsaniiru.

Haala adeemsa paartii biyya bulchu qeequun kan beekaman Dr Mararaan tibba tokko "Ummanni waan nyaatu dhabe hogganaa isaa ni nyaata'' jedhanii ture.

Jecha kanas 'Dhumni ADWUI qabsoo ummataa kan biyya keessaa ykn kan biyya alaatiin ta'uun akka danda'u nan beekaa ture'' jechun BBC'tti himanii ture.

Image copyright Gettyimages/AFP

Kana malees dhaabbilee mirgoota ummatta ni kabachisuu jedhamanii eegaman kan akka dhaabilee seera baastootaa, seera hiiktootaafi seera raawwachisaniif dhiibbaa mootummaa biyyattii irraa bilisa waan hin taaneef kan irraa eegamu hojjataa akka hin ture qeeqamu.

Dimokiraasii Warraaqsaaatii [Revolutinary Democracy]

Motummaan ADWUI biyya bulchaa ture tibba filannoo bara 1997 irraa kasee tarkaanfiiwwn ciccimoo fudhachuu eegaluun isaa, bu'aa filannootiin nahaniiti kan jedhan jiraatanillee, Obbo Gabru Asiraat garuu kanaan walii hin galan.

Obbo Gabruudhaaf rakkoon addichaa bu'uraa fi inni guddaan kallattii siyaasaa isaa irraa kan maddeedha.

Yaadi-rimeen Dimokiraasii Warraaqsaa heera biyyattii waliin wal morma kan jedhan Obbo Gabruun, ''sirnichi lammiilee hunda wal qixa hin ilaalu. Firaafi diina jechuun lammiilee bakka lamatti qooda,'' jedhu.

Dhimma dhaabichi akka fakkeenyaatti eeru keessaa, ''Hojjataafi qonnaan buulaafan dhaabbadha jedha. Hayyuun yaada murtaa'aa hin qabu jechuun amana,'' jedhu.

Yaadni kun tibba qabsootti ummata sochoosu TPLF fi ADWUI kan fayyadee ture ta'ulleen, erga qabsoon xumuramee gara aangootti dhufameen booda garuu kallattiin kaa'ame akka hin jire himu Obbo Gabruun.

''Attamiin itti haa fufnu kan jedhurratti waliin hin galle'' jedhu.

Ilaalchi dimikraasii warraaqsaa jedhus Obbo Gabruu qofaan osoo hin taanee xinxaltoota dinagdeefi siyaasaa hedduunis yoo qeeqamu ni dhagahama.

Dr Mararan kitaaba isaanii mata duree ''Qormaatawwan seenaa Itoophiyaa fi Abjuuwwan walmorman, siyaasa Sobaa ADWUI'' jedhuun barreessaniin, qeeqaniiru.

Kanas dhaabichi ''aangoon kan dhufu qaataa qawweetiin" jedhee amana. Kunis waadaa heera mootummaa keessatiin wal faalleessa'' jedhu.

Kanaafuu addichi paartileen siyaasaa akka jiraataniif kan barbadu dhimmoota murtessoo ta'an irratti osoo hin taane, itti fakkeessuufi deegartootaaf jechuun kan qeeqaniis jiru.

Murteessitoota sirnichaa

Waggoota gara soddomaaf dura taa'aa ADWUI fi TPLF ta'uun kan tajaajilan Obbo Mallas Zeenaawii waltajjiiwwan idil-addunyaa hedduurrattis jijjiirama dinagdee fidaniin maqaansaanii gaariin ka'ulleen, hidhaafi ajjeechaa lammileetiin baayyee balaalleefatamaa turan.

Booda keessas sababii dhukkubbii mudateen waggaa 57'n du'aan boqataniiru.

Du'a Obbo Mallasiin booda aangoo biyya bulchuu kan fudhatan Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi ammoo ilaalchuma dura tureen itti fufsiisan.

Haalli hidhaafii dararaa lammiilee cimuun ummattoonni daandiitti bahuun sagalee mormisaanii akka dhageessisaniif ka'umsa ta'e.

Miseensi koree jiuddugala TPLF duraanii Obbo Birhaana Tsigaab kitaaba mata duree ''Imala irraan gadee ADWUI' jedhu du'a Mallasiin booda barreessaniin, "hoggantoonni paartichaa bu'aa ofiisaanii qofa kan eegsiisan ta'aniiru'' jedheera.

Mormiin ummataa keessattuu gama Oromiyaatiin eegales irra jirreessa kan xiyyeeffate TPLF balaalleeffachuurratti ture.

Dhuma Addichaa

Adeemsa TPLF kanatti kan hin gammmadne namoonni akka barsiisaa Yunivarsitii Maqalee Abrihaa Hayilazigii fa'i paarticha keessaa bahuuf baayyee itti hin fudhanne.

''Paartichis uummataaf hooguu keessaa bahuun dantaa namoota dhuunfaatiif wayita itti fayyadaman hubadheera. Paarticha keessa ta'ees bakka qabsaa'uuf na dandeessisu akka hin taane hubadheera,'' jechuun xalayaa galfachuun paarticha keessaa bahuu dubbatu.

Akka Obbo Abirahaatti namni paartii keessa ta'uun mormuuf yaale rakkooleen hojiirraa ari'atamuu, dorsifamuufi kan biroo irra qaqaba ture jedhu.

''Namni gaaffii gaafate akka diinaatti ilaalama. Kana malees jechoota dhiphaa, ofi tultuu jedhuun gadi qabamanii ilaalamu,'' jedha.

Tibba sanattis murtee sirrii akka taasisee kan amanu Obbo Abrihaan, boodaras gamagama gadi fagoo TPLF taasiseen adeemsichi dogongora ta'uu amanee ture jedha.

Haaluma kanaanis walgahii jiddugala koree TPLF bara 2010'tti gaggeesseen mirgoonni heeraa lammiilee cabuufi ukkaamfamuu, sirni farra dimokiraasiifi waliirratti ka'uu kan paartichi ittiin beekamu ta'uu amanuun ummata dhiifama gaafatee ture.

Paartiin TPLF sarara baheef irraa maqeera jedhu Pirofesar Sheetiil Tironvaal.

Dr Mararaan waa'ee ADWUI waan gaarii yaadan yoo jiraate jedhamanii gaafatamanii, ''Sirna Dargi seexana sanarraa bilisa waan nu taasise qofaaf nan galateeffadhaa,'' jedhan.

Erga Dr Abiy gara aangootti dhufanii kaasee ammoo aanga'oonni TPLF motummaa jiddu galaa keessaa dhiibamneera jechuun gara naannoo Tigraayiitti deebii'uun naannoo ofii irratti xiyyaaffachuu eegalaniiru.

Kanneen aangoo motummaa jiddu galaa irraa kaafamanis naannootti muduun aangoo naannichaa kan cimfataa jiran fakkaatu.

Odeessa kana irratti dabalata