Haleellaa Hanaawu, Jarmanii keessatti raawwateen namoonni saddeet du'an

Hanaawu

Madda suuraa, Kevin Elsaesser

Jarmanii gara Dhihaa magaalaa Hanaawu jedhamu keessatti haleellaa hoteela tokko irra ga'een namoonni saddeet ajjeefaman.

Akka poolisiin BBCtti himetti namoonni shan madaa'anii jiru.

Namni haleellaa raawwachuunsaa shakkamaa ture yeroo xiqqoo booda manasaa keessatti of ajjeesee argamuu tuwiitara isaarratti kan barreesse poolsiin Jarmanii nama kana malee kan biraa namni shakkamu hin jiru jedheera.

Poolisiin nama dhukaasa uummata hoteela keessa jirurratti banee ture kana sa'aatii torbaaf adamsaa turan.

Namni kun jalqaba hoteela Shiishaa jedhamu seenuun namoota sadi ajjeese, achiis darbee Baarii fi Restooraantii Arena jedhamu keessatti namoota shan ajjeese.

Madda suuraa, Reuters

Kaayyoon haleellaa kanaa maal akka ta'e hanga yoonaa ifa miti, poolisiin garuu qorannaasaa itti fufeera.

Naannawa haleellaan itti raawwatame sanaa kiyooskii tokko kan qabu namni Can-Luca Frisenna jedhamu wayita haleellaan raawwatu abbaa fi haatisaa bakkas turuu dubbata.

"Waan akka fiilmiiti malee dhugaa hin fakkaatu. Qoosaa gadhee fakkaata. Namni haala kanaan lubbuu keenyarratti qoosuun qaaniidha. Waan ta'e hunda hubachuu baadhus duuti hiriyoota kiyyaa baay'ee na gaddisiisaa. Isaan akkuma maatii kiyyaa turan.''

Magaalaa guddoo bulchiinsa Hessen kan taate Hanaawu magaalaa Firaankifarti irraa gara bahaatti kiilomeetira 25 fagaattee argamti.

Haleellaan kun kan raawwatame erga haleellaan magaalaa Beliin keessatti raawwatee nama tokko galaafatee guyyaa afur boodadha.