Koroonaavaayirasii: Kooriyaa Kaabaatti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin hubaman guyyaatti dachaan dabale

Hakiimota dhukkubsataa konkolaataa keessa galachaa jiran Image copyright AFP

Kooriyaan Kibbaa lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan qabamnii guyyaa tokkotti dachaan dabale jette.

Akka qondaaloti biyyattii jedhanitti gaafa Jimaataa qabee namoonni 229 kan qabaman yoo tahu, lakkoofsi kun amma 433tti ol guddateera.

Hogganaan Itti aanaa Ministeera Fayyaa biyyattii Gaang Liip weerarri kun, 'sadarkaa hamaarra gahaa jira,'' jedhan.

Namoonnn vaayirasii kanaan hubaman hospitaalaafi gareewwan amantii naannoo kibba baha magaalaa Deeguu jiranitti geeffamaa jiru.

Hanga yoonaa Kooriyaa Kibbaatti namoonni lama dhukkuba kanaan du'aniiru. Lakkoofsi kun ni dabala yaaddoon jedhu jira.

Chaayinaatiin alatti Kooriyaan Kibba lakkoofsa hubamtootaa guddaa qabdi.

Chaayinaatti namoonni vaayirasii kanaan qabaman 76,288 yoo tahan, 2,345 immoo du'aniiru.

Waan Kooriyaa Kibbaatti mudate erga Chaayinaan namoonni vaayirasichaan qabaman hir'isaa jira jetteen booda dhagahame.

Hoggannaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom Gabirayyasuus, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman dabaluun isaan yaaddessuu himuun, keesumaa biyyooti Afrikaa sirna fayyaa laafaa tahe qaban xiyyeeffannoo guddaa barbaadu jedhan.

Chaayinaan alatti namootni vaayirasichaan hubaman 1200 yoo tahan, biyyoti 26 immoo vaayirasichi namoota qabaman mirkaneessaniiru.

Aangoo'tni fayyaa Kooriyaa Kibbaatti namoonni 142 qabamuu gaafa Sanbataa himan, sa'aatii muraasa booda 87'n dabaleera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata