Hundeessaa dhaabbata gargaarsaa 'L'Arche' qoccollaa saalaa hedduu raawwatan

Jean Vanier bara 1964 dhaabbata L'Arche hundeessan

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli gameessi amantii fi hundeessaan dhaabbata gargaarsaa 'L'Arche' Jean Vanier Firaansi keessatti dubartoota ja'a gudeedanii akka turan dhaabbatichi gabaase.

Hoogganaan amantii kun dhaabbata namoota mudoo dandeettii waa baruu qaban gargaaru kan hundeessan bara 1964 Firaansi keessatti ture.

Lammiin Kanaadaa Jean Vanier bara darbe umurii waggaa 90ffaasaaniitti du'an.

Waggoota kurna hedduuf dubartootarraan qoccollaa saalaa geessisaa kan turan Jean Vanier dubartoonni gudeedaman jedhaman tokkollee kanneen rakkoo barachuu qaban miti.

Hojii Jean Vanier qorachuu keessatti tumsa kan taasise dhaabbatumasaan hoogganaa turan L'Arche kan jedhamudha.

Dhaabatichi oqrannaa kan eegale erga Jean Vanier qoccollaa saalaa dubartootarratti raawwataniiru shakkiin jedhu dhagahamuu jalqabeeti.

Yeroo ammaa dhaabbata gargaarsaa L'Arche hoogganaa kan jiran Stephan Posner fi Stacy Cates Carney gochi akkanaan naamusa hojii kanarraa kan hin eegamnee fi kabaja namaa kan gadi buusuudha waan ta'eef sirrii miti jedhan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Jean Vanier waa'ee qaama miidhamtootaarratti kitaaba barreessaniiru

Namoota hacuucaman, kan hanga yoonaatti rakkoo irra ga'e hin dubbanne dhiifama gaafanna jedhan qondaaltonni kunneen.

Maqaa dhaabbata gargaarsaa L'Arche'n yakki qaanessaan akkasii raawwatamuunsaa baay'ee nama gaddisiisa jedhan.

Dhaabbati gargaarsaa L'Arche namoota rakkoo barachuu qabanii fi kan hin qabneefis da'oo ta'ee jiraachisa.

Biyyoota 38 keessatti hojjetaa kan jiru dhaabbati kun miseensota 10,000 qaba.

Dhaabbati gargaarsaa L'Arche yeroo ammaa addunyaa guutuurraa giddu gala 154 qaba.