Wayita intarneetiin badu maaltu ta'a?

A silhouetted man types on his phone in low light conditions Image copyright Reuters

Hundeessaa jiddugala kalaqaa 'IceAddis' kan ta'e Maarqoos Lammaa waajjirri isaa magaalaa Finfinnee jiru yeroo mara sochiin keessaa hin dhabamu.

Dargaggooti abjuu gurguddaa qabaniifi waa kalaquuf carraaqan kan keessatti oliif gadi jedhanidha.

Garuu guyyaa intarneetiin badu sochiin hundi waliin bada, waajjirri Maarqoos duwwaa ta'a.

Ragaaleen BBC'n garee mirgoota dijitaalaaf falmu 'Access Now' jedhamurraa argate akka mul'isanitti, bara darbe qofa tajaajilli intarneetii biyyoota 33 keessatti yeroo 200 ol itti yaadamee cufame.

"Sochiin hundi ni dhaabbata. Namni tokkoyyuu hin dhufu, yoo dhufaniis yeroo dheeraaf hin turan, sababni isaas yoo intarneetiin hin jirre maal hojjetuuf as taa'u?" jedha Maarqoos.

"Waliigaltee kontiraataa sooftiweerii tolchuu qabna turre. Intarneetiin adda citee, yeroon qaqqabsiisuu waan hin dandeenyeef nu jalaa haqame. Yeroon sababa kanaan maamiloota keenya idil-addunyaa dhabnes jira, homaa gochuu hin dandeenye."

Image copyright Marqoos Lammaa
Goodayyaa suuraa Maarqoos Lammaa loogoo waajjira isaa IceAddis waliin

Namoonni doqdoqqee oofan, kanneen intarneetii fayyadamuun nyaata namaaf dhiyeessan hojii hiikanii dhaabbachaa oolu jedha Maarqoos.

"Intaneetiin adda cituun hojii namoota hedduu as jiranii irratti dhiibbaa kallattii guddaa qaba" jedha.

Intarneetii adda kutuu...

Rakkoon kun kan Itoophiyaa qofa miti. Dhiibbaan intarneetii balleessuun fidus diinagdee qofarratti miti.

Namootni firootaa fi hiriyoota isaaniirraa adda bahuu, akkasumas mirga odeeffannoo gahaa argachuu isaanii dhabu.

Akka ragaan 'Access Now' mul'isutti, intarneetii balleessuun addunyaarratti jiruufi jireenya namoota miliyoonotaan lakkaa'amanii irratti dhiibbaa qaba.

Gareeleen mirga namoomaaf falman intarneetii balleessuun tooftaa ittiin mootummoonni lammilee isaanii ukkaamsan ta'aa jira yaaddoo jedhu qabu.

Ragaaleen akka agarsiisanitti yeroo baay'ee intarneetiin kan cufamu wayita mormiin adda addaa jirutti.

Bara 2019 mormiiwwan biyyoota adda addaa keessatti taasifaman 60 irratti intarneetiin cufame ture. Yeroo 12 ammoo wayita filannooti kan cufame.

Intarneetii cufuun yeroo mara nageenya uummataa eeguufi tamsa'ina odeeffannoowwan soba to'achuufi jedhu mootummoonni.

Haa ta'u male qeeqxonni mootummoonni salphaatti odeeffannoo to'achuufi mormitoota irratti tarkaanfii fudhachuuf intarneetii balleessu jedhu.

Intarneetii argachuun mirga namaa akka ta'e Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 2016 labse.

Guutuu addunyaa intarneetii waliin gahuun ammoo Galmawwan Misoomaa Itti-fufiinsa qabu (SDG) dhaabbatichi qabate keessaa tokko.

Hogganoonni biyyoota miseensa dhaabbatichaa hundi garuu yaada kana waan fudhatan hin fakkaatu.

Ajajaan itti-aanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jeneraal Birhaanuu Juulaa, intarneetii ugguruun oppireeshinii waraanni isaanii Lixa biyyattiitti gaggeessaa jiruuf akka isaan gargaare BBC'tti himanii turan.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
"Gatiin kafalluufi tajaajilli argannu wal hin madaalu"

Hagayya 2019, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, intarneetiin "bishaan ykn qilleensa miti" jedhanii ture. Intarneetii balleessuunis tooftaa ittiin nagaafi tasgabbii tiksan keessaa tokko ta'uu dubbatanii turan.

Maarqoos Lammaa yaada MM Abiy kanarraa muffii qaba.

"Mootummaan intarneetiin akka waan faayidaa qabuutti hin ilaalu. Intarneetiin waa'edhuma marsaalee hawaasaa qofa itti fakkaatan seha. Faayida inni diinagdeef qabuufi cufamuun akkamiin diinagdee akka miidhu waan hubatan natti hin fakkaatu."

Intarneetii ugguruun biyya kamtu dursa?

Ragaaleen akka mul'isanitti bara 2019 Indiyaan biyyoota kaan caalaa yeroo hedduu intarneetii uggurte.

'Mobile data' fi tajaajilli biroodbaandii kutaalee biyyattii adda adda keessatti yeroo 121 ol adda citeera. Kana keessaa dhibbeentaa 67 kan ta'uu iddoo wal-dhabdeen jiru Kashmir jedhamu keessatti.

Yeroo dheeraaf walitti fufiinsaan kan intarneetii adda kute ammoo biyya jiddugaleessa Afrikaa Chaad yoo taatu, jalqaba bara 2018 irraa eegalee baatilee 15'f intarneetiin adda citee ture.

Sudaan fi Iraaq keessatti mormitoonni hiriira qindeessuuf intarneetiin waan jalaa cufameef waan hunda intarneetii malee dalaguuf dirqamanii turan.

Haguma yeroon isaa dheeratu dhiibbaan intarneetii cufuun qabu dabalaa adeema.

Biyyoota tokko tokko keessatti mootummoonni guutummaatti intarneetii cufuu caala tooftaa 'Throttling' jedhamu fayyadamu.

Kana jechuun humna intarneetii daran xiqqeessanii akka waa walif erguun hin danda'amne gochuu jechuudha.

Intarneetiin toftaa akkanaan yoo balleeffamu salphaatti arguun nama rakkisa.

Biyyoonni akka Raashiyaa fi Iraan ammoo tooftaa mataa isaanii ittiin intarneetii guutuu biyyaatti cufuu danda'an tolfatanii yaaluutti jiru.

Gareeleen mirga namoomaaf falman biyyoonni haala itti intarneetii ugguran wal jalaa baratanii mormitootaa ukkaamsaa jiraachuun dabalaa jiraachuun akka isaan yaaddessu himu.

Odeessa kana irratti dabalata