Itoophiyaatti weerarri gifiraa aanaalee 30 keessatti mudate

Mucaa talaallii fudhataa jiru Image copyright Getty Images

Weerara gifiraa dhiheenya Naannoo Oromiyaatti mudateeen lubbuun namootaa darbuu Insititiyutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ibse.

Haanga ammaattis dhibee kanaan lubbuun namoota shan darbeera.

Akka ibsa Insititiyutichaatti sadarkaa biyyaatti dhibeen kun aanaalee 13 keessatti mullateera.

Weerarri gifiraa kun baatii Fulbaana dura akka jalqabe kan dubbatan Daarektarri Hospitaala Riferaalaa Shaashamannee Dr. Kadiir Buudee, yeroo sanatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii gara hospitaalaa dhufan xiqqaa turullee yeroo ammaa garuu humna hospitaalichi keessumeessuu danda'uun ol waan ta'eef qaamni dhimmi ilaalu birmachuun akka fala barbaadu qabu himu.

Baatii sadan darban keessa giddu-galeessaan dhibee gifiraan qabamanii wallaansaaf gara hospitaalaa namoonni dhufan 15 yommuu ta'u daa'ima tokko osoo hospitaala hin qaqqabiin irraa kan hafe hanga ammaatti lubbuun darbe akka hin jirre himan Dr. Kadiir.

Daarektarichi dhukkubni kun barana akka addaatti maaliif hammaate gaaffii jedhu yeroo deebisan, "Sirriitti adda baafachuuf qorannoon barbaachisullee, haalli keeniinsa talaallii sirriitti akka hojjechaa hin jirredha kan agarsiisu," jedhan.

Dhibeen gifiraa vaayirasiirraa kan dhufu yoo ta'u daa'imni tokko dhalattee hanga ji'a ja'aatti dandeettii dhibee kana ofirraa ittisuu haadha irraa waan fudhattuuf ji'a sagal irraa kaastee garuu talaallii dhibee kanaa argachuun dirqama jedha Dr. Kadiir.

Namoonni yeroo hedduu erga dhibeen kun irra turee sadarkaa hamaarra ga'ee waan gara wallaansaa dhufaniif salphaatti wallaanuuf rakkisuu mala kan jedhan Daarektarichi, dhibeen gifiraa kun mallattoowwan akka fuula irratti xaaxa'uu ykn shiffiitaan argamuu, iji diddiimachuu, funyaan keessaa dhngala'aan bahuufi yeroo sadarkaan isaa hammaataa deemu qufaasisaafi nafa madeessuudha.

Dr. Kadiir akka jedhanitti dhukubsatoonni %95 ta'an gara hospitaala isaanii dhufan daa'imman yoo ta'an ga'eessonnis ni jiru.

Sababiin dhibeen kun daa'imman irratti heddummaatu yeroo ibsanis dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu isaanii gadi-aanaa waan ta'eef akkasumas yeroo hedduu daa'imman qulqullina isaanii sirriitti waan hin eegganneef jedhu.

"Ta'us garuu sirriitti maaliif akka daa'iman irratti cime beekuudhaaf qorannoon ni barbaachisa."

Ragaan akka agrsiisutti namoonni dhibee kanaan qabamanii wallaansaaf dhufan dabalaa waan jiruuf, akkasumallee namoonni erga dhibeen kun itti cimee sadarkaa fayyaa walxaxaa ta'e keessa galanii waan dhufaniif qaama dhimmi ilaallatu hunduu xiyyeeffannaa barbaachisu akka kennuuf himan.

Namoonni du'an sadi kanneen aanaalee weerariichi keessatti ka'e 30n keessa kan jiraatan ta'usaaniifi Eeggataa Daareektara Insitiyutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa chaa Obbo Masfin Wasan BBC'tti himaniiru.

Akka Obbo Masfin jedhaniittis, aanaalee 30 kunneen naannoolee jaha; Ormoniyaa, Amaaraa, Ummattoota Kibbaa, Afaar, Somaalee fi Tigraay keessatti argamu.

Kanneen keessaayis irra caalaan aanoolee baadiyaa weerara kanaatiin miidhaman naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Ummattoota Kibbaa ta'usaanii himan.

Obbo Masfin dabaluun akka jedhaniitti, eddoowwan wareerri dhukkuba gifiraa kun keessatti babalates kanneen tamsaasi talaallii baayyinaan hingaggeefamneetti jedhaniiru.

Akka Obbo Masfin jedhaniitti yoo ta'ee, torban kana qofaatti namoonni gifiraan qabaman 228 galmaa'u beekameera.

Ragaan motummoota Gamtomanii akka mul'isuutti ammoo, Itoophiyaatti weerarri gifiraa kan ka'ee ture baatii Sadaasaa keessa ture.

Baatii Eblaa darbee keessa ammoo naannoolee Oromiyaafi Somaaleetti sababii gifiraatiin lubbuun namootaa darbuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tibba sanattis naannoo Oromiyaatti Baalee keessatti dhukkubichi babalataa jiraachu odeeffannoon instiyutii kanarraa argamee mul'ise ture.

Akkasumas naannoo Somaalee godinaalee Shabalee, Liiban fi Jaarar jedhaman keessatti weerarich ka'u himmee ture.

Sadarkaadhuma addunyaattis lakkoofsi namoota gifiraan qabamanii dabalaa dhufuusaatiin wal qabatee bara 2018'tti qofa namoonni kuma 140 olii du'usaanii qorannoon muliseera.

Namoota sababii weerara kanaatiin lubbunsaanii darbe keessaayis irra caalaan isaanii daa'imman umuriisaanii waggaa shanii gadii ta'u himama.

Oggeeyyiin fayyaas dhukkuba akka salphaatti talaalliin ittisuun danda'amuun lubbuun namootaa baduunsaa baayyee yachiisaadha jechuun haalicha ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata