"Dantaa ummataa kabachiifna jechaa hattuu bilisa baasuun qaaniidha" Obbo Yohaannis Waldagabreel

Obbo Yohaannis Waldagabreel

Abbaan Alangaa Federaalaa aanga'oota yakka malaammaltummaa fi dhiittaa mirga namoomaan shakkamanii to'annoo seeraa jala turan 63 himatisaanii adda citee akka gadi dhiifaman murteessee ture.

Mootummaan dirree siyaasaa bal'isuuf jedhee akka tarkaanfii kana fudhate ibsa, garuu murteen kun haqa mirkaneessuu waliin akkamiin deema? Dirree siyaasaa bal'isuuf jecha namoota hidhaman hiikaa gama biraan ammoo paartileen siyaasaa biyyattii hedduun miseensonni isaanii jalaa hidhamaa jiraachuu komataniiru.

Namoonni gadi dhiifamu jedhaman hedduunsaanii kanneen malaammaltummaadhaan himatamaniidha, isaan kanneen walaba gochuudhaan akkamiin dirree siyaasaa bal'isuun danda'ama kan jedhanii fi gaaffilee biroon murtee Abbaa Alangaa kana mudataniiru.

Dhimma kanarratti kan dubbisne Abbaa Taayitaa Gumruukii Itoophiyaa keessatti damee seeraa hoogganaa kan turan Obbo Yohannis Waldagabreel jalqabumarraa adeemsa isaarratti wayita yaada kennan,''Yakka kan qoratu poolisiidha, poolisiin qoratee waan qulqulleesse Abbaa Alangaatti dabarsa, isa booda abbaan alangaa odeeffannoo poolisiirraa argate qabatee gara Mana Murtii deema.

Manni Murtiis bitaa mirga ilaalee madaalee murtii itti kenna.''

Adeemsi himata yakkaa waggoota shantamman darbaniif harka qaamolee kanneenii keessaa ba'eera jedheen amana jedhan Obbo Yohaannis.

Aanga'oonni mootummaa yakka malaammaltummaatiin himataman dhimmi isaanii akka dhimma siyaasaatti ilaalama malee akka seera adaba yakkaatti jalqaba poolisiidhaan isa booda abbaa alangaatiin, abbaa alangaarra darbeemmoo mana murtiitiin ilaalamaa hin jiru jedhu Obbo Yohaannis.

Waa'ee qondaaltota 63 himatisaanii adda citeerratti Abbaan Alangaa wayita ibsa kennu sababa biraa tuuluun aangoosaa miti kan jedhan Obbo Yohaannis murtee akkasii dabarsuu kan danda'u Ministira Muummee yookiin miseensa hoji raawwachiistuuti jedhan.

Ibsuun yoo irra jiraate, galmeen akkamiin akka baname, ragaa qabatamaan maalii fi gaaffilee kanaa walfakkaatan deebisuudha jedhan.

Mootummaan qaama yakkaan himate tokko itti murteessee adabuu caalaa gadi dhiisuutu irra bu'aa qaba jedhee yoo amane gadi lakkisuuf mirga qaba kan jedhan Obbo Yohaannis tarkaanfii akkanaa fudhachuurratti aangoon mootummaa daangaa hin qabu jedhan.

''Himati tokko haa citu ajaji jedhu yoo darbe ni raawwatama jedha seerri. Aangoo daangaa hin qabneedha. Dantaa uummataaf waan jedhu garuu of keessaa qaba.

Kun biyya keenya keessa qofa osoo hin taane biyyoota addunyaa hedduu keessatti waan ta'uudha. Sirna haqaa kan sarbu miti. Haata'u malee murteen akkanaa of eeggannoo cimaa barbaada.

Abbaan Alangaa Walii galaa calliseetuma waan ajajame raawwata jechuu miti.

Ajaji dhaabbaticha maqaa balleessuufi tuffachiisu qaama mootummaarraa itti dhufuu danda'a.'' jedhan.

Kanaafuu Abbaan Alangaas akkuma mootummaa uummataaf waan dhaabbateef faayidaa uummataa eegsisuu qaba. Hojiin isaas ogummaa fi beekumsarratti hundaa'uu qaba.

Tibba mootummaan murtee akkasii dabarsu gidduu dhabatee gorsuun dogoggora mudachuu malu hambisuu qaba.

Abbaan Alangaa gorsaa seeraa mootummaati malee jala deemtuu waan jedhame qofa raawwatu miti.'' jedhan Obbo Yohaannis.

Akka Obbo Yohaannis jedhanitti abbaan alangaa gahumsaafi sadarkaa dandeettii isaatiin mudamee bakka jiruutti murteewwan motummaan himannaa kaasuuf taasisuu dura dhaabbachu ni danda'a.

Adeemsi akkasii kunis kan hojjatu yoo waajjirii abbaa alangaa kan hojimaata ifaa ta'eerratti kan hundaa'uun ta'edhan kan jedhan Obbo Yoyaannis, haalliifi hidhamtoonni gadhiifaman kan wal hinfakkaannee yo ta'u ammoo rakkinni adeemsaa jiraachu mul'isa jedhan.

Fakkeenyaaf dhimma dirree siyaasaa bal'isuufi dantaa ummataatiif jedhu kanaan, dhugaatti namoota akkamii yoo gadhiifaman dirreen siyaasaa bal'achu danda'a? Himannaawwan siyaasaa akkamiitti hiyeessineera? Eenyuun fa'ii gadhiisu qabaanna dhimmoonni jedhan sirriin itti yaadamu qabaachu hima.

Himannaan tokko hanqinni ragaa teeknikaa yoo mudate motummaan osoo hintaanee aangoo abbaa alangaatiin adda citu ni danda'a jedhu.

Hanqinni jedhame sun himannicha adda kutuuf gahaadha immoo gahaa miti jedhee murteessuun ammoo aangoo abbaa alangaa waliigalaati jedhu.

Walumaa galattis murteen motummaa himannaawwan abbaa alangaa dadhaboo ta'an ykn ragaa gahaan itti hinargamneef haguggii ta'u hinqabaatu jedhu.

Abbaan alangaa himannaa erga saaqeen booda adda kukurra, adeemsawwan himannaa banuu hinqaqabsiifne durse aangoo isaatiin adda kutu danda'an kan jedhan oggeessi kun, kun ammoo yeroo baayyee hojiirra akka hin ollee himu.

Xiyyeeffannaan motummaa ta'u kan qabaatu, himannaawwan dadhaboo mana murteetti dhiyyeessuun dantaa ummataatiif jechuun adda kuturra dhimmoota sirriin adda baasuun dantaa ummataati jedhee yoo mane murte itti kennuudha jedha.

Obbo Yahaannis akka jedhaniitti, himannaawwan amma adda citan kunneenis kan himannaawwan ragaa guutuun jiruufi dhimmoota hin mamsiifne akka ta'an tilmaama.

Haa ta'u malee himannaawwan 63 kenneen irra caallisaanii murteen motummaadhaan taasifamu qabaata jedhanii kan hinamannee ta'u kan dubbatan Obbo Yohaannis, lakkoofsa himatamaa hanga kanaa mataansaa murtee motummaatiin keessumeffama jedhanii akka hinyaanne dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata