Xalayaa Afrikaa irraa: Hawaasa Armeeniyaa Itoophiyaa keessatti badanii hafan

Inside the church

Madda suuraa, Getty Images

Presentational white space

Xalayaa walitti fufinsaan gaazexeessitoota Afrikaa irraa dhiyaatuuf Ismaa'el Eyinash waa'ee hawaasa duraan turanii yeroo ammaa garuu achi buuteen isaanii dhabamee barbaaduuf gara Itoophiyaatti imaleera.

Barbaachi koo Armeeniyaanota dhumaa Itoophiyaa keessatti hagan ani taasise Piyaassaarraa jalqabe. Piyaasaan ammoo magaalaa guddittii Finfinnee keessaa giddu-gala daldalaafi bakka umurii dheeraa qabudha.

Imala koo kanaan dura gara magaalattiitiin, waa'ee hawaasa Armeeniyaa dhabamaa dhufaniifi seenaa isaan qabaataa turan dhaga'een hedduun ajaa'ibsiifadhe.

Karaa Bataskaana Orotodoksiitiin Itoophiyaafi Armeeniyaa gidduu hidhata dheeraatu ture. Hariiroon ture sun ammoo sadarkaa walitti dhufeenya luboota mana amantaa sanaa qofaarratti kan hafe hin turre, hariiroo dippilomaasiifi daldalwwanii akka jiraatu taasiseera.

Jaarraa 19ffaa keessa, Armeeniyaanonni baayyeen mana murtii mootii Minilik II keessatti ga'ee murteessaa taphachaa turan.

Boodarra ammoo, jaarraa 20 ffaa keessa hawaasni Armeeniyaa biyya sana keessa qubatan kunneen dinagdeefi aadaa biyya keessatti ga'ee qabaachuutti ce'e.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Hanga ammaallee tajaajilli bataskaana keessatti ni jira

Guyyaa tokko waaree booda, Bataskaan Ergama Qulqulluu Goorgisii Armeeniyaa miidhagaa bara 1930n keessa ijaarame alan dhaabbadheen ture.

Waan cufameeru fakkaata garuu itti jedheen "salaam" jedheen Amaariffaan dubbise.

Waardiyyaan umurii maanguddummaa keessa ta'e tokko fuulli isaa waan akka bitaa itti gale fakkaatu tokko gadi bahe. Anis naannoo sana akkan daawwachuun barbaadun itti ibseef.

Waardiyyichis nama Simoon jedhu makaa Armeeniyaa-Itoophiyaa ta'eefi abbaa imaanaa mana sanaa ta'e waamee fiduuf deeme.

Namni callisaafi kabajamaan tokko gadi ba'ee daawwattoota hedduu akka hin qabne natti hime.

Dhiibbaa Hayilesillaasee

Bataskaanichi darbee darbee qofa banama. Sababiin isaas lubuunni hin jiran; hawaasnis hedduu hin jiran. Kanumti jiraniyyu namoota 100 hin caalle yoo ta'an isaaniyyu warra dulloomoodha.

Bataskaanicha keessa, minjaalli miidhageefi hafaan bildiimmaa warra Peershiyaa hafamee jira.

Kun bu'uura hawaasaa bara mootummaa Hayilesillaasee lakkoofsi isaanii dabaluu jalqabedha. Mootichis akka Raas Tafariitti bakka mootii Itoophiyaa kan bara 1916 keessa ture ta'uun bara 1930 hanga 1974 ammoo mootii ta'eera.

Bulchiinsa mootichaa jalattis Itoophiyaan saffisaan ammayyoomuu jalqabdee waan turteef Armeeniyaanonni duuka buutota ta'an, biizinasii hojjetaniifi daldalan yeroo ce'umsaa kana keessatti gahee guddaa taphachaa turan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Keessoo bataskaanichaa

Bara 1924 keessa, Raas Tafariin gadaamii Armeeniyaa Yerusaalem keessa jiru daawwatee ture. Yeroo daawwannaaf deeme sanattis daa'imman 40 sababa ajjeechaa jumlaa waraana Armeeniyaan Otomaan Turkii waliin taasifteen abbaafi haadha malee hafan arge.

Gidiraa isaan keessa jiranirraan kan ka'e, Paatiraarkii Armeeniyaa Yerusaalem gaafachuun gara Itoophiyaa fidee isaan guddisuuf gaafate.

Ijoolleen haadhaafi abbaa dhaban 40, ijoollee arabaa jedhamuun beekaman hundi isaanii muuziqaa baratanii baanii mootii Itoophiyaa hundeessan.

Ismail Einashe
Ismail Einashe
Lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'us hawaasni Armeeniyaa Itoophiyaa ammayyoomsuu keessatti qooda ol-aanaa taphataniiru.
Ismaa'el Eyinaash
Gaazexeessaa

Nama Armeeniyaanii ta'e maqaan isaa Kevoork Nalbaandiyaa jedhamu kan faaruu alaabaa mootichaa qindeesseen gaggeeffamu.

Lakkoofsi hawaasa kanaa sadarkaa guddaarra kan ga'e bara 1960n keessa yeroo 1,200 qaqqaban ture.

Lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'us Itoophiyaan akka ammayooftuuf ga'ee baayyee guddaa taphataniiru. Hojiiwwan addaa akka muuziqaa jazz Itoophiyaa uumuu, huccuu hodhuu, doktorummaa, biizinasiifi mana murtii mootichaa keessatti bal'inaan hirmaatu.

Mootichi aangoorraa bu'uu

Haata'u malee, hawaasni Armeeniyaa kun seenaa mootii biyyattii waliin waan walitti hidhateef, erga takkaa mootichi kufee booda hawaasni kun xiqqaachaa dhufeera.

Hayilesillaaseen bara 1974 Dargiidhaan aangoorraa fonqolchame. Dargiin Hayilesillaasee aangoorraa fonqolchuu qofa osoo hin taane kan warra Armeeniyaa dabalatee biizinasiifi qabeenya isaanii dhaaleera.

Baayyeen isaanii gara Ameerikaafi Awurooppaatti yeroo baqachaa dhufan lakkoofsi isaanii xiqqaachaa dhufeera.

Haata'u malee, muraasni kan hafan jiru. Gariin isaaniis namoota biyyaa waliin gaa'elaan wal keessa makamuun saba addaa aadaafi eenyummaa makaa Armeeniyaafi Itoophiyaa ta'e uuman.

Ammallee tajaajila amantaa addaatiif bataskaanaa keessatti ni argamu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Minjaala afoosha hawaasa

Kilabiin afoosha hawaasummaa Armeeniyaas ni jira. Kun ammoo mana nyaataa dhamdhama biyya isaanii yaadachiisu qaba.

Abbaa imaanaa bataskaanaa kan ta'an Simoon akka ani deemuu daawwachuufi dhamdhamuu qabu natti himeera.

Nyaata baayyee miyaawaa

Kibxata galgala ture, hiriyaa koofi ofii koon alatti, garee miseensa dubartoota Armeeniyaa-Itoophiyaa sadii qabu yeroo keessummaa mana nyaataa isaanii keessatti yeroo argan ni gammadan.

Hawaasichi akka durii akka hin taane amananiiru. Haata'u malee, kilabiin hawaasichaa garuu akka yaadatamuuf jecha isuma ganamaadha.

Galgala sana, nyaataafi dhugaatii akkaan miyaawaafi adda ta'e soorachaa waan tureef Itoophiyaa keessatti akka waanan seenaa Armeeniyaa dhamdhamaa tureetti natti dhaga'amaa ture.