Wantoota haroowwan shaalaa fi Abjaataaf yaaddoo ta'an shan

Haroo Abijaataa dur kana fakkaata

Madda suuraa, EDUARDO PROLS

Paarkiin Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaa ALI bara 1963 wayita hundaa'u haroowwan Shaalaa fi Abjaataa bu'uura turan.

Haroon Shaalaa gadi fageenyaan beekama, Haroon Abiyaataa ammo haroowwan jiran keessaa gadi fageenya xiqqoo kan qabuu fi bineesnota bishaan galanii fi gosa sinbirrootaaf da'oo kan ta'eedha.

Haroowwan kunneen yeroo ammaa faalamuu fi qabiyyeensaanii hirdhachuudhaan tajaajilaan ala ta'aa jiraachuu kan dubbatan Hoogganaan Paarkii Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaa Obbo Baankii Mudaamoo keessattuu haroo Abjaataa waggoota muraasa booda arguun nama dhiba jedhan.

Wantoonni Haroowwan Shaalaa fi Abjaataaf yaaddoo ta'an maal fa'i?

1. Qabiyyeen bishaanii haala nama rifaasisuun hir'ateera

ALI bara 1963 wayita paarkiin Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaa hundaa'u bal'inni Haroo Abjaataa kiilomeetir iskuweerii 174 ture jedhan Obbo Baankiin.

Haata'u malee dhiibbaa irra ga'aa tureen yeroo ammaa gara kiilomeetir iskuweerii 70tti gadi bu'eera jedhan.

Kan baay'ee nama rifaasisu ammoo haroon kun gadi fageenyi isaa kan meetira 14 ture amma meetira 2 qofa ta'uusaati jedhu qondaalli kun.

Haroo shaalaa kan meetira 166 gadi fagaatuu fi bal'ina lafaa kiilomeetir iskuweerii 329 uwwisee jiru irrallee miidhaa hamaan ga'aa jiraachuu dubbatan.

''Naannoo haroo kanaatti qonni ni gaggeeffama, biyyeenis dhiqamaa jira kanaafuu baay'ee nu yaaddesseera,'' jedhan.

Ammatti garuu haroon Shaalaa akka Abjaataa bal'inni isaa dhiphachaa fi gadi fageenyisaa hir'achaa akka hin jirre dubbatan Obbo Baankiin.

2. Lageen haroo kanneen gabbisan gogaa jiru

Lageen xixiqqoon gaarreen Arsii keessaa gara haroowwan shaalaa fi abjaataatti yaa'uun haroowwan kunneen gabbisu.

Lageen kunneen yeroo ammaa hir'ataniiru hedduun isaaniimmoo maddisaaniiyyuu gogeera jedhan Obbo Baankiin.

Kun ammo qabiyeen bishaanii akka hir'atu taasiseera jedhan.

Uummanni naannoo jallisiiwwan xixiqqoo lageen haroowwan kunneenitti yaa'an irratti ni hojjeta, kunis dhiibbaa mataasaa qaba jedhan.

3. Namoonni 70,000 caalan Paarkii Abjaataa Shaalaa keessa jiraatu

Haroowwan Ajaataa fi Shaallaa yaaddoo hamaa keessa kan galchaa jiru kan biraan uummata naannooti.

Akka Obbo Baankiin jedhanitti baay'ina namoota Paarkii Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaa keessa jiraatanii 80,000 caaleera.

Namoonni kunneen lafa qonnaa fi iddoo jireenyaa babal'ifachaa iddoowwan duraan irra jiraachaa hin turre naannawa qara haroo dhuunfachaa jiru jedhan Obbo Baankiin.

Qonnaan bultoonni qarqara haroowwan kunneenii waan qotaniif lolaan biyyoo fuudhee harootti naqa, haroon timaan guutamee badaa jira jedhan.

Kana malees dargaggoonni seeraan ala harootti seenanii qurxummii qabuun sanyii qurximmiiwwanii lafarraa balleessaa jiru jechuun dhiibbaa uummata naannoorraa haroowwan kunneen quunnamaa jiru ibsan.

Qurxummiin haroo kanaa yoo dhuman allaattiiwwan soorata waan dhabaniif dhumuu danda'u.

Kanaaf akka furmaataatti dargaggoota gurmeessinee qurxummiiwwan gurguddatanii soorataaf ga'an qofa akka kiyyeessan gochaa jirra jedhan.

4. Qabiyyeen bishaan haroowwan kunneenii faalameera

Warshaan Ilillii oomishu Sheer Itoophiyaa fi warshaan Soodaa Aash jedhamu handaara haroo Abjaataa kan jiran yoo ta'u haroo kana faaluudhaan yeroo hedduu komatamu.

Warshaan ilillii Sheer Itoophiyaa haroo uumamaan qulqulluu ta'ee fi hawaasi naannoollee itti fayyadamaa ture keemikaalaan faaluun fayyaa namaarraan miidhaa geessisaa ture.

Akka Obbo Baankiin jedhanitti qabiyyeen bishaan haroo Abjaataa sababa warshaalee naannoosaa jiraniin faalameera.

''Warshaan soodaa aash bishaan haroo Abjaataa kallattiidhaan fayyadama. Keemikaalaanis akka faalaa turetu himama.''

Kanan daranuu nama yaaddessummoo erga haroo Abjaataa faalee tajaajilaan ala godhee booda ammallee gara haroo shaalaatti babal'ifachuuf hojjechaa jira jedhu Obbo Baankiin.

''Hojiin kun milkaa'eefii yoo dhuguma haroo shaalaa irrattis banate yaaddoo guddaatu harkaa nu qaba.''

Miidhaa amma haroo Abjaataa mudateef soodaa aash itti gaafatamummaa guddaa qaba kan jedhan Obbo Baankiin sadarkaa biyyaatti irratti dubbachaa jirra jedhan.

''Warshaan soodaa aash bishaan kallattiidhaan ujummoodhaan haroo Abjaataarraa fudhachaa ture, waggaa 20 oliif. Kunimmoo qabiyyee bishaanii akkaan hir'iseera. Bishaan qulqulluu kan ture amma faalameera. Dhandhamni isaa gara soogiddaawaatti geeddarameera. Kanarraa kan ka'e amma qurxummiin tokko keessa hin jiru.''

5. Lubbu qabeeyyiin Haroowwan kunneen keessa galan badaa jiru

Paarkiin Biyyaalessaa Shaalaa fi Abjaataa gosoota simbirootaa fi bineesota hedduuf da'oo ture.

Sanyiin allaattiiwwan filaamiingoo haroowwan Abjaataa fi Shaalaa irra jiraatn naannoof bareedina, tuuristoota harkisuun madda galii ta'aa turan amma hin jiran jedhu Obbo Baankiin.

Haroon hirdhachuu fi faalamuun bidoolleerratti dhiibbaa guddaa uumeera kan jedhan Obbo Baankiin miidhaan haroo kana mudate hawaasa naannoos gaaga'eera jedhan.

Madda suuraa, TALY ZION BARISHANSKY

Maaltu furmaata?

Obbo Baankiin rakkoo mudachaa jiru itti dhiyeenyaan beekuurraa kan ka'e waan furmaata jedhanii yaadan akkanaan ibsaniiru.

  • Qubsuma naannoo haroowanii hir'isuu
  • Kunuunsaa fi eegumsa naannoo
  • Hawaasa naannoo gurmeessuun akka haroowwan kunneen kunuunsaa irraas fayyadaman gochuu
  • Investeroonni miidhaa naannoorraan ga'uu irraa of qusachuu, keessattuu warshaa soodaa aash dabalatee warshaaleen handaara haroowwan abjaataa fi shaalaa badii qaqqabsiisaa jiran irraa of qusachuu qabu
  • Yuuniverstiiwwanii fi giddu galoonni qorannoo akkaataa qabeenyota uumamaa kunneen baraaruun danda'amurratti qorannoo gaggeessssuu qabu.
  • Xiyyeeffannoon mootummaa cimuu qaba, naannoon haroowwanii misoomuun tuuristoonni akka daawwatan gochuu qaba mootummaan.