Fayyaa walhormaataa: Itoophiyaatti maatiin kuma 68 ol dhibee maseenummaaf wallaansa argachaa jiru

Deessuu ilmoo argatte

Madda suuraa, St. PAUL'S HOSPITAL

Yeroo baayyee dhala dhabuun ykn maseenummaan (infertility) walqabatee gaa'ila keessatti taateewwan gaddisisaan ni dhagahamu. Oddeessa keenya har'aa kana keessattis haatii maqaanshee akka hin eeramne gaaffattee tokko attamiin daa'ima barbaachaa aarsaa olaanaa akka kanfalte seenaashee nuuf qoddee jirti. Dubbifadhaa.

''Dubartii biraa akka fudhuun hayyameef''

''Naman waliin guddadheefi jaaladhutti cidhi erga dagafameen booda gaa'ila dhaabbadhe. Baayyees gammadoos turre. Jireenyi keenyas gaa'ila keenya ta'e. Waggoota dheeraas waliin jiraanne. Jireenyiifi jaalalli jidduu keenya tures baayyee gaarii ture.

Haata'u malee, daa'ima argachu hindandeenye. Jalqabarratti naasuufi bitaan nuti galee ture. Boodara ammo wallaansa garaa garaa yaalle. Amantaa kenyaanis 'ilmoo nuuf kenne' jechuun kadhachuun gocha guyyaa guyyaa nuuf ta'e. Ta'us ilmo argachu hindandeenye.''

Nuti kan beekaa turree se'anii maatiifi namoonni naannoo kenya jiran hundi 'daa'ima godhadhaa malee' jechuu itti fufan. Nutis qaanneeffachuu eegalle. Dhiiphaan tures akka jedhamutti salphaa hin turre. Haala akkasiin waggoota muraasaaf itti fufne.

Bu'aan wallaansa fayyaa rakkoon kan jiru ana bira ta'uu wayitan hubadhu ammoo caalaa akka balleensaan kan kiyya ta'eetti natti dhagahamuu eegale. Abbaan warraa kiyya garuu na jajabeessuun alatti omaa hin jedhu ture. ''Kan Waaqni jedhetu ta'a'' jedha ture.

Ani agruu ''Ana jettee ilmoo malee hafuu hin qabdu. Kan biraa fudhii dhalfadhu'' jechuun yaada dhiyeesseefin ture. Kunis onnee kiyyarraa ture. Inni garuu ''Jaalallee kiyyaa kan bara ijoollummaa ilmoof jecha dhiisee deemuu sammuun kiyya naaf hin hayyamu'' jechuun yaada kiyya fudhachu dide. Kanaanis jidduu keenyatti wal dhabdeen umamee ture.

Booda keessa garuu fuudhee erga mucaa godhateen booda mucaasaa fudhatee akka gara kiyyatti deebii'uuf tole naaf jedhe. Innis kan biraa fuudhe. Anis qofaa kiyya isa eeguu eegale. Osoo waggaa lama hin guutinis abbaa inatalaa ta'e. Anas gammachuun natti dhagahame.

Innis qalbiinsaa ana waliin waan tureef intalli deesseef osoo mana deessuutii hin bahiin ''si waliin nagaha. Mucaa tiyya naaf kenniitii nan deema'' jechuun gaaffii dhiyeesseef.

Odeessaaleen biroo kanatti dhiyaatan filadhaa:

Isheenis garaa dhale waan ta'eef, ati yoo brbaadde deemi malee mucaa tiyya akkuma ta'eettin guddisa malee siif hin kennu'' jetteen. Nutis duraan kana attamiin akka hin yaadiin hin beeku. Baayyee of jaalattoottaa taane turre. Kanaafuu kan yaadne osoo nuuf hin ta'iin hafe.

Innis narraa kan isa baasee daa'ima waan tureef ana dhiisee haadha mucaasaa waliin gaa'iilasaa cimsate. Anis isatti murteessine. Anis manaafi qabeenya kiyya qabadhee qofaatti hafe. Abbaa warraa kiyya kanan jaaladhuus sababii daa'imaatiin dhabe…'' jechuun haala keessa dabarte nuuf qoodde.

Haata'u malee, teknolojiin akka dubartii kanaa dhala dhabuun bu'aa bahii hedduu dabarsaniif furmaata kennu eegale tokko biyyattiitti eegalamuutu dhagahame.

Hospitaala Phaawuloositti Kolleejjiin Miliniyamii ammoo rakkina akkanaa kana furuuf A. L .I Ebla 2011 irraa kaasee tajaajila wallaansa daa'ima dhabuu kennuu eegale.

Tajaajilicha eegalee osoo waggaa tokko hin guutinis haatiifi abbaan warraa kuma 60 ol ta'an wallaansa dhala dhabuu kana hordofaa jiraachusaanii, hospitaalichatti Hojii gaggeessaan Jiddugala Walhormaata Fayyaa kan ta'an Dr Tomaas Makuriyaa BBC'tti himan.

Isaan keessaayis 1,400 wallaansa dhala dhabuu teknolojiin degarame argachuuf galmaa'aniiru. Kanneen hafan ammoo gara wallaansa kanaatti galuun dura wallaansa biraa hordoofurratti kan argamaniidha jedhan.

Cimdiiwwan kunneenis kan sadarkaa jireenyaaf barnoota adda addaa irratti argaman yoo ta'an, kan biyyattii bakka garaa garaarraa dhufanis jedhameera.

Akka itti gaafatamaa kanaattis dubartoota wallaansa teknolojiin deegarame argataa jiran keessaa harka 70 kan ta'an garaatti baachuun baatii adda addaa irratti argamu.

Maatiiwwan jaha daa'ima argachuun hammataniiru. Isaan keessaayis haati tokkoo al tokkichaan ijoollee sadii deessee tokko jalaa haa baddalamu malee lama haala gaariirratti argamu jedhaniiru.

Maatiiwwan amma ijoollee argatan kunneenis kan waggoota 4-18 gaa'iila keessa turan jedhame.

''Haadhooliin haala kanaan daa'ima argatanis gammachuun boo'u. Daa'ima argachuuf baayyee waan hawwaa turaniifuu, bu'aa bahii hedduu dabarsanii jiru.

Dhiibbaan hawaasaan irra gahus salphaa miti. Kana hunda keessa darbuun amma daa'ima yoo argatan baayyee gammadu,'' jedha Daarektarri Komunikeshinii hospitaalichaa Obbo Niwaay Tsagaayee.

Dhala dhabdummaan (infertility) maali?

Haatiifi abbaan warraa osoo mala ittisa ulfaa hin fayyadamiin yoo xiqqaate torbaniitti yeroo lamaafi isaanii ol quunnamtii saalaa raawwachaa dubartittiin garaatti baachuu yoo dadhabde kun dhabduu jedhama jedhu Dr Tomaas.

Akkasumas, umuriin dubartittii waggaa 35 ol ta'ee baatii jaha keessatti mala ulfa ittisuu tokko malee garaatti baachuu yoo hin dandeenye, rakkina dhala dhabuu qabdi jedhamee yaadamuu akka danda'u himu.

Abbaan warraafi haati warraa lama osoo adda hin bahiin mala ittisaa tokko malee quunamtii saalaa raawwataa garaatti baachuu dadhabnaanis akkasuma rakkinichi ni shakkama jedhu.

Dhala dhabuun ammoo kan dubartootaa qofa miti. Dhiiras mudachu danda'a. Dubartoota sababii umuriinis ta'e umuriin ala yoo killeen sanyii dhume, sababii ujummoon cufamutiin, sababa dhukkuba gadaameessanii miidhamu fi sababii gara biraatiin mudachu danda'a.

Madda rakkoolee kanaas qorannoo wallaansaatiin hubatamuun kan danda'amu ta'u Dr Tomaas ni dubbatu.

Yeroo tokko tokkoos wanti hudi fayyaa ta'e ulfaa'uu dadhabuun ni jiraata. Kunis dhala dhubu hinibsamne (unexplained infertility) jedhama jedhu oggeessi kun. Kana jechuunis rakkooleen teknolojiin bira hingahiin jira jechuudha. Cimdiiwwan %20 ta'anis rakkina akkasiitu madata, kanaafu deegarsi tekinolojiin deegarame taasifamuufii hindanda'amu jedhu.

Dhala dhabuun afriikaa keessatti rakkoo baramedha kan jedhan Dr Tomaas, kanaafis dhukkuboota qunnamtii saalaan darbaniifi infekshiin akka maddaatti caqasu. Itoophiyaa keessatti cimdiiwwan parsantaa 15-20 ta'an kanaan kan miidhaman ta'u gabaasa WHO eeruun dubbatu.

Wallaansi teknoloojiin deegarame (IVF) maaliidhaa?

Dr Tomaas akka ibsaniitti wallaansichi kan gaggeeffamu dubartiittii irraa killee sanyii, abbaa warraa irraa ammo dhagala'aa sanyii fudhuun kutaa qorannoo keessatti walitti fiduun akka lubbuun umamu erga taasifameen booda deebiifamee gadaameessa keessa galfama. Kunis wallansa dhala dhabu teknolojiin degarame jedhama.

Wallaansi kunis haaluma namootaatiin garaagari ta'ulleen adeemsa parsantaa 40-50 fiixaan bahuudha jedhu.

Hanga ammaattis cimdiiwwan tajaajilicha barbaacha gara hospitaalichaa dhaqan keessaa 200 kan ta'aniif tajaajilchi kennameera. Isaan keessaa %95 ulfaa'aniiru.

Dubartoota jalqaba tajaajilicha fudhatan saddeetti keessaa shan ulfa yoo ta'an sadii dahaniiru. Lamma garuu ulfi irraa bahe jedhu. Ta'us fiixaan bahiinis wallansichaa %50 ta'u agarsiisa jedhu.

Madda suuraa, DR. TOMAS MEKURIA

Haala akkasiin dahuun kan uumamaatiin maaliin adda ta'aa?

Haalawwan adeemsichi kan umamaatiin adda itti ta'u keessaa tokko Killeen sanyii dubartiifi dhagala'aan dhiiraa kan wal qunnamsiisan lafa qorannoo keessatti gadaameessa dubartiin ala ta'usaati. Erga akka wal quunaman taasifameen guyyota shaniin booda ammo deebiifamee gadaameessa haadha keessatti akka guddatuuf deebifama.

Kana malees adeemsa kana keessa haala umamaatiin caalaa balaa qabaachuun kan biraati. Kanaafuu qorichi tibba ulfa umamaa udhatamaniin ala dabalataan fudhatamu ni jira jedhu oggeessi kun.

Akkasumas daa'imman erga dhalataniin booda kanneen umamaan dhalatan caalaa kunuunsa barbaachisuun alatti, keessattu umuriin dubartittii waggaa 40 ol yoo ta'e carraan fiixaan bahusaa ni hir'ata jedhu.

Tajaajilicha kennuuf daangaan umurii jiraachu baatulleen, dubartoota waggaa 42 ol ta'aniif osoo hinkennamneef ni filatama jedhu.

Kan dahamu ammo akkuma warra umamaan ulfaa'uutti ciniinsuun ykn wallaansa baqaqsanii wallaanamuun dahu danda'u.

Hospitaalli Kidus Phaawulos kunis tajaajila kana yoo kennu dhaabbata motummaa kan jalqabaa yoo ta'u, kana dura dhaabbanni dhunfaa Aliikimaa jedhamu tokko tajaajila kana kennaa turu Dr Tomaas ni dubbatu.

''Hawwasa keesatti dhala argachuun akka qaama jireenyaa tokkotti waan ilaalamuuf, dhiibbaan hawaasunnaa, dinagdeefi siyaasaa dhala dhabuun qaqabsiisu olaanaadha'' jedhu Dr Tomaas. Kanaafi wallansi teknolojiin kanaan deegaramee kennamu kunis cimdiiwwaniif gammachu umusaa dubbatu.

Haa ta'u malee hir'ina oggeessaafi dandeettii dhaabbatichaa jiruun namoota tajaajilicha barbaadan hunda qaqabuun akka hindanda'amne himu. Yeroo waggaa tokko hingunnee keessattis cimdiiwwan kuma 68 ol gara hospitaalichaa tajaajila kanaaf dhaqu himanii, kanneen beellamni kiyya dheerate jechuun komatan hedduu ta'u himu.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

BBC Africa Eye: Muka firii hinqabne