'Maqaan namoota qabeenya Yuhudota ajjeefamanii hatan argame'

Meeshaalee jajjaboo saanduuqa keessa jiran.

Madda suuraa, Getty Images

Tarreen maqaa warra Naazii Arjantiinaa keessatti argame tokko qabeenya warra Juush bara ajjeechaa jumlaa saamamee kan agarsiisu ta'u danda'a jedhamuun abdatamaa jira.

Galmeen tarree maqaa warra Naazii kuma 12 kanneen bara 1930 keessa Arjantiin jiraataniifi baayyeensaanii lakkoofsa akkaawuntii baankii Siwiis qabantu argame.

Jidduugalli 'Simon Wiesnthal' Ameerikaatti bu'urreeffatee fi Naaziiwwan hordofuun beekamu tokko Kubaaniyaa 'credit Suisse' akkaawuntiiwwan bara dheeraaf hinsochoofamiin turan akka adda baasuuf gaaffii dhiyeesseera.

''Akkaawintiiwwan osoo hinsochoofamiin bara dheeraaf turan kunneenis kan maallaqa warra Juush hatamee qabatan ta'u ammanna'' jedhe jidduugalichi.

Waraqaan tarree maqaa qabate kunis kutaa kuusaa waajira mummee Naazii durii Boonas Eriis keessatti argame.

Naaziin Jarman erga bara 1935 seera jibba sanyii labsanii booda qabeenyaa warra Juush saamuu eegale. Ittaansee ammo bara ajjeeshaa jumlaa warra Juush bara 1940n keessa saamichi olaanaan raawwatame.

Irra caalaa qabeenya sanaas gara akkaawuntii icciitii Baankii Siwiisiitti dabarfame.

Jiddugalichis xalayaa barreesseen akkas jedheera: ''tarree keessatti iyyattoonni dhalttoota Naazii ta'u himatan isin qaqabuusaanii hubanneera,'' Akkasumas jidduugalchi ibsa marsariitii isaarratti maxxanseen ammoo, ''baayyeen namoota tarreeffaman kunneenis akkaawuntiiwwan baankii tokko ykn isaan oliittif gumaachuun Baankii 'Credit Suisse' taasisaniiru,'' jedheera.

Bara 1930- 1938'tti Arjeentiinaan bulchiinsa leellisaa Naazii pirezidaanti Joosee Feliksi Uriburu kan maqaa masoo 'Von Pepe,' jedhamuun beekamuufi booda kan isa dhaale Aguustiin Pedro Justoon ogganamti turte.

Madda suuraa, Wiesenthal.com

Tarreen kunis komishinii addaa bulchiinsa Roobertoo Ortiz kan ejjannoo farra Naazii qabuufi bara 1983 kaasee biyya bulcheen to'atame ture.

Bara 1943tti erga fonqolchi aangoo loltootaan gaggeefameen booda bulchiinsi leelliftoota Naazii waan aangootti deebii'eef, argannoowwan komishinichaa akka gubatan taasifame.

Garuu dhiheenya kana qorataan arjeentiinaa Pedroo Filiipuz tarree maqaa Naazii kuma 12 argate.

Credit Suisse gama isaatiin ibsa AFP kenneen, kana duras akkawuntiiwwan osoo hinsocho'iin bara dheeraaf turaniifi ajjeechaa Naazii ta'an ilaalchise 1997-1999 keessa gaaffii Volkcer dhiyaateef ture adda baasuuf waliin hojjachu himeera.

''Haa ta'u malee ammas irra deebiin dhimma kana ni qoranna,'' jedhe.

Tibba waraana addunyaa lammaffaafi isaan booda biyyoonni Ameerikaa Kibbaa kan akka Arjeentiinaa, waan waraana abbaa hirreetiin bulfamaa turanii warra Naaziitiif lafa dahoo garii turan.

Kanaafuu qindeessitoota ajjeechaa jumlaa warra Juush (Holocaust) Adolf Achimaan dabalate, hakkamtoonni waraana Naazii baayyee barbaadaman muraasni gara sanatti baqatanii turan.

Achimaan booda bara 1960 keessa basaastoota Isiraa'eeliin Arjantiinaa keessatti qabame, booda bara 1962'tti Yaruuusaaleem keessatti yakka waraanatiin itti murtaa'uun fannifamee akka du'u ta'e.