Koronaavaayirasi: Oduun sobaa Afrikaa keessatti naanna'aa jiruu maali?

Qorannoo koronaavaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Weerarri koronaavaayirasii addunyaa keessatti babal'achaa akka dhufeen odeeffannoon dogoggoraafi oduun sobaas akkasumaa babal'achaa dhufeera.

Afrikaa keessatti tatamsa'inni koronaavaayirasii guddaa ta'u baatus, aanga'oonni biyyoota ardichaa tokko tokko garu oduu sobaa to'achuuf hojjataa jiru.

1. Lakki, hareedaa haaddachuun vaayirasicha sirraa hin ittisu

Fakkiin dur dhimma hareedaafi hargansuu irratti abba taayitaa fayyaa Ameerikaan hojjatamee ture fayyadamuun odeeffannoon dogoggoraa dhiiroti koronaavaayirasii ofirraa ittisuuf hareedaa haaddachuun qabu jedhu tatamsa'eera.

Gaazexaan The Nigerian Punch jedhamu mataduree: "Koronaavaayirasii irraa of eeggachuuf, haareeda haaddadhaa, jedha CDC'n" jedhuun maxxansa gadhisee ture.

Odeeffannoon kana biyyooti hedduu keessatti maxxanfamun namootni hedduu qoddataniiru.

2. Lallabaa Naayjeeriyaa koronaavaayirasii lolaa jiru

Lallabaan amantaa kiristaanaa vaayirasichaa irraa nama fayyiisuu nan danda'a ofiin jedhuuu tamsaasa oduu sobaaf saaxilameera.

Oduun hojjataa waldaa Glorious Mount of Possibility Church Deevid Kingleyoo Ejaayija jedhamu midiyaalee hawaasummaa irratti kan qoodamuu eegale erga vidiyoon isaa Chaayinaa deemee koronaavaayirasii nan balleessa jedhu erga YouTube'tti ba'eedha.

Vidiyoo kaanaratti "Raajummaan koronaavaayirasii nan balleessa. Chaayinaa nan deema koronaavaayirasii balleessuun barbaada," jechuun dubbata.

Guyyaa xiqqoo booda maqaan isaa Elija Emeka Chibuke'tti geeddarame odeeffannoon namni kun Chaayinaa deemeera garuu vaayirasichaan qabame hospitaalaa jira jedhuu naanna'oo eegale.

Suuraan akkanii hospitaala jiru agarsiisuuf fayyadamame kan taatoo Naayjeriyaa beekama Adeshinaa Adesanya jedhamu kan bara 2017tti hospitaalaa keessatti du'eedha.

3. Oduu sobaa wa'ee konkolaachisaa taaksii

Oduun konkolaachisaa taaksii Naayjeeriyaa tokko koronaavaayirasiin qabameera jedhu midiyaa hawaasummaa irratti qoodama ture - garuu dhugaa miti.

Akka oduun kun jedhutti, konkolaachisaan taaksii kun 'nama adii' koronaavaayirasii qabu tokko gara lafa to'aatamatti geesse. Sana booda mootummaan bulchiinsa Ogun konkolaachisaa kanaan gara hospitaalaa deemi jedhe.

Oduun kun Konkolaachisaan kun vaayirasichaan qabamuun isaa erga barame booda hoospitaalaa miliquun yoo naayiraan miliyoona 100 (doolara 274,000) maatii isaaf kennamee malee vaayirasicha namootattan dabarsa jedhe jechuun oduun ni hima.

Odeessaan kun dhugaa akka hin taane aangaa'onni dubbataniiru.

4. Sagalee ibsa irratti waraabame jedhame Keeniyaatti yaaddoo kaase

Keeniyaa oduun sagalee yeroo ibsa koronaavaayiraasii warabamee jedhame of keessa qabufi WhataApp irratti heeddu qoodame 'oduu sobaa' ta'uu isaa mootummaan biyatti ibsa baaseen beeksiseera.

Sagaleen kun Keeniyaa keessatti namootni vaayirasichaan qabaman 63 ta'uu himus, kun dhugaa miti. Ammatti Keeniyaa keessatti namni koronaavaayirasiin qabame argame hin jiru.

Ministeerri Fayyaa biyyatti sagaleen kun yeroo leenjii kominikeeshinii irratti hojiidaree hojjatamuu kan warabamee ta'uu ibsuus akkamiin uummattatti akka ba'e hin himne.

Akka seera Keeniyaatti wa'ee weerara irratti oduu sobaa maxxansuunis ta'e qooduun addabbiii maallaqaa doolara 50,000n ykn hidhaa waggaa lamaan qaba

5. Qoricha fayyisu

Naayjeriyaa keessatti lalllabaan tokko vidiyoofi suuraa mooqni mimmixaa koronaavaayirasii fayyisa jedhu maxxanse. Oduun kun WhatsApp irrattis qoodameera.

Koronaavaayirasiif yaaliin adda baafameefi qorichii argame hin jiru. Oduun kun ammoo nyaata aadaa Nayjeeriyaa kan ta'e moognii mimmiixaa kun faayidaa fayyaa akka qaba jechuun odeeffannoo xiqqoo ni kenna.

Lixa frikaa biyyaa Keppe Verdee keessatti, oduun dooktarri Biraazil shaayeen fennel jedhamu koronaavaayirasii fayyisuu danda'a jedheera jedhu midiyaa hawaasummaarra nannaa'uu eegale. Kun ammoo namootni gara suuqiitti akka fiigan taasisuu isaa AFPn gabaaseera.

Akka WHO jedhutti weerrarri kun weerara oduu sobaafi odeeffannoo dogoggoraa fideera.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa WHO carraa vaayirasiin qabamuu hir'isuuf yeroo yeroofi sirritti harka dhiqachuun ni gargaara.