Komaandarri Al-Shabaab Baashir Mahaammad haleellaa qilleensarraatiin ajjeefame

Kuus-Suuraa Loltoota Al-Shabaab Elaashaatti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Al-Shabaab mootummaa Somaaliyaa fonqolchuuf lolaa jira

Haleellaan qilleensaaa Somaaliyaa keessatti raawwatame komaandara milishoota garee islaamaa al-Shabaab ajjeesuu, raadiyoon motummaa gabaaseera.

Ameerikaan 2008'tti qaama iddoo komaandarri kun jiru eereef doolaara 5,000,000 badhaasuuf waadaa seentee turte.

US haleellaa qilleensaa milishoota Somaaliyaa keessarratti xiyyeeffate irra deebii gaggeessaa jirti.

Maatiin Qorgab du'aatiisaa mirkaneessan illeen, haleellaa Ameerikaan garuu dhimmicha hanga ammaatti yaada hin kennine.

Haleellaawwan buufataalee waraanaafi Keeniyaa keessatti raawwatamaa turan adda durummaan nama geggeessaa ture ta'uusaa, gabaasichi himeera.

Komaandarichi Guraandhala 22 magaalaa Saakoow Kibba Somaaliyaatti argamtutti haleellaa qindaa'aa Ameerikaafi waraana Somaaliyaatiin geggeeffameen ajjeefamuus, gabaasichi dabalee ibseera.

Oduun kun maaliif reefuu akka ba'e garuu hin ibsine.

Madeen oduu hin mirkanoofne akka jedhaniitti, ji'a darbe Qorgaab wal dhabddee isaafi dureewwan biraa jirruutti umameen Al-Shabaab irraa foxxoquu isaa gabaasii turan.

Al-Qaayiidaa waliin hidhata qaba kan jedhamu Al-Shabaab, Kibbaafi giddu-gala Somaaliyaa iddoo baay'ee to'atee argama.

Keeniyaa keessatti haleellaawwan hedduu kan geggeesse yoo ta'u, naannichatti garee shororkeessaa hedduu sodaatamudha.

Ji'a darbe qofa haleellaa buufata waraanaa loltoonni US fi Keeniyaa fayyadaman irratti haleellaa raawwateen, miseensota waraanaa Ameerikaa sadiifi koontiraaktaroota lama galaafateera.