Koronaavaayiras: Odeeffannoofi gorsawwan sobaa fudhachuu hin qabaanne

Harka nama qullubbii taate jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Qullubbii adiin fayyaa waliigalaatiif gaarii ta'a garuu koronaa hin ittisu

Koronaavaayirasiin addunyaarratti biyyoota hedduu keessatti mudataa jira. Tibba kanattis wanti irraa nama fayyisu hin argamne.

Kanaan kan ka'ees maddeen adda addaa gorsawwan fayyaa miidhaa hin qabaannee garuu kan hin fayadne eeramaa jiru.

Odeeffannoowwaniifi gorsa sobaa mala koronovaayirasii ittiin ittisuun danda'amudha jedhamanii odeeffaman keessaa qullubbii adii fayyadamuufi bishaan ho'aadha qaama dhiqachuu kan jedhan keessatti argammu.

Gorsawwan dhukkuba kanaan wal ballinaan qabatanii eeraman keessaa muraasa isaanii ilaaluuf jirra.

1. Qulluubbii adii

Gorsi qulluubbii adii nyaachuun infekshinii kana irraa nama dhorka jedhu midiyaalee hawaasaarratti ballinaan qoodamaa jira.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedheetti "qulubbuun adii qabiyyeensaa fayyaaf waan gaarii qabaatulleen, soorachuun akka koronaavaayirasii irraa nama fayyisu ilaalchisee ragaan omaa hin jiru.

Tarkaanfii akkasii fudhachuun hanga gorsa wallaansa fayyaa akka hin fudhatame hin dhorkineetti mataasaatiin miidhaa omaa hin qabaatu. Garuu miidhaa qabaachuuf haalli itti danda'u ni jiraata.

Gaazeexaan Kibba Chaayinaa tokko akka gabaaseetti, dubartii tokko erga qullubbii adii kilogiraama 1.5 walitti aansuun nyaatteen booda hospitaala galtee jirti.

Waliigalatti kuduraafi muduraa nyaachuufi bishaan gahaa dhuguun fayyaan jiraachuuf murteessaadha. Haa ta'u malee gosti nyaata tokkichaa dhukkuba kana fayyisu isaatiin ragaan argame hinjiru.

2. 'Miniraaloota raajii'

Qopheessaan YouTube fi hordoftoota kumaataam kan qabu Jordaan Saazar, akka jedhuutti 'qorichoonni miniraalaa raajii' ta'aniifi MMS jedhaman koronaavaayirasii qulleessuu danda'u jedha.

Saazariif namoonni biraa osoo dhukkubni koronaa hin umamiin diraa qabanii waan kana beeksisaa turan. Baatii Amajjii keessaa qorichi MMS jedhamu kun seelii kaansarii ajjeesuuf illeen humna kan qabu waan ta'eef koronaavaayirasiilleen ni balleessa jechuun fuula tiwiratii isaarratti barreesse.

Bara darbee, dhaabbanni bulchiinsa qorachaafi nyaata Ameerikaa wa'ee MMS dhuguun dhiibbaa inni fayyaaf qabaatu ilaalchisee akeekachiseera.

Dhaabbatichi akka jedheetti, ''bu'aalee jedhaman kunneen kamiyyuu dhukkuba kamuu fayyiisuu isaanii qorannoo agarsiisu hinagare,'' jedheera. Sirriiyyuu wantoa kanneen dhuguun haqiisiisuuf, ol gamuu, garaa kaasaafi mallattoowwan hirrina dhagala'aa cimaaf madda akka ta'an akeekachisaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

3. Qulqulleessaa harkaa manatti omishamu

Dhiyeessitiin dhangala'aa harka jarmiirraa qulleessuu bakka adda addaatti argamuutu himamaa jira. Harka haalaa dhiqannaan ammoo malawwan ittisa tatamsa'ina dhukkubichaa keessaa tokkoodha.

Hanqinni dhiyeessitii omisha kanaa mudachuun Xaaliyaan keessatti akkuma himmeen, dhangala'aan tajaajila kanaaf oolu mana keessatti omishamu akka danda'u midiyaa hawaasaa irratti tamsa'uu eegale.

Haata'u malee, omishaalee midiyaarratti gadhiifaman kunneenis biraandii omisha beekamaa tokko kan wal fakkeefameedha. Omishi sunis lafa ittiin qulleessuufi malee qaamaaf fayyyadamuuf kan hin ollee ta'uutu himama.

Dhangala'aawwan qabiyyee alkoolii hedduu qabanis qaamaaf miidhaa qabaachuutu himama.

4. Bishaan garaagarummaa daqiiqaa 15'n dhuguu

Maxxansi feesbukii hedduudhaan baayyifamee maxxansaa jiru. Maxxansichis ''Doktora Jaappaaniitu'' daqiiqaa 15 bishaa dhuguudhaan vaairasicha qaama keessaa karaa afaanitiin seensee waan baasuuf haajajeera jedha. Odeessaalee walfakkaataan afaan Arabaatiin maxxanfamees yeroo kuma 250 ol qoodameera.

Pirofesar Biloomfiild akka jedhaniitti, dhimma kana ilaalchisee ragaan saayinsaawaan tokkoolleen hin jiru.

Vaayirasiin karaa qilleensaan darban karaa qaama argansuu keenyaan gara qaamaatti seenu. Muraasni isaanii karaa afaaniin kan qaama seenan ta'a. Haata'u malee, bishaan walitti fufuun dhuguun vaayirasichaan qabamuu irraa isiin hin oolchu.

Haata'u malee, baayisanii dhuguun wallaansaan waanuma fayyaa ofiif gorfamuudha.

5. Ho'aafi ayskireemii irraa of eeguu

Ho'ii vaayirasii akka ajjeessuu ilaalchisee gorsiiwwan adda addaatu himamaa jira. Kanaafis vaayirasii ajessuuf bishaan ho'aa dhuguu kaasee hanga bishaan ho'aadhaan qaama dhiqachuu ykn maashina rifeensa gogsuutti fayyadamuun sirri akka ta'eetti himama.

Maxxansa namoota hedduun baayyifamee midiyaalee hawaasummaarratti biyyoota adda addaa keessatti maxxanfameedha. Gorsi kunis sobaan akka UNICEF'n dabarfamee ta'u himamaa ture.

Gorsichis bishaan ho'aa dhuguufi aduu qanqammachuun vaayirasi ajjeessa, garuu ammoo ayiskireemii nyaachurraa of qusachuu barbaachisaadha jedha.

Dhaabbata UNICEF'tti koronaavaayirasii irratti hojjataa kan jiran Chaarlotte Gornitzka akka jedhaniitti, ''Ergaan tibbana intarneetii irratti kan UNICEF jedhamuun qoodamaa jirus...ayiskireemii nyaachuufi nyaatawwan qabannaa'aa kan biraa fudhachuurraa of qusachuun dhukkubicha ittisa jedha. Kunis guttummatti sobadha.''

Tibba ho'a bonaatti vaayirasiin qaamaan alatti siriitti jiraachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haata'u malee, ho'i hangam vaayirasii koronaa irratti dhiibbaa akka qabaatu hin baramne.

Kanaafuu qaama keessan ho'isuuf ykn aduutti of saaxiluun akka vaayirasiin keessa keenya hin jiraannee gochuun, guttummaatti sirrii miti jedhu Pirofesar Biluumfiild.

Vaayiraasicha tokkicha qaama keessa gallaan haalli itti ajjeefamu omtu hinjiraatu. Qaama keetu ofiirraa ittiisuuf yaalu qabaata.

Qaamaan alatti ammoo ''vaayirasi ajjeessuuf haala qileensaa gara digrii 60 si barbaachisa,'' jedhu Pirofesar Biloomfiild. Haalli kunis bishaa ittiin qaamni dhiqatamuufi kan saa'uunaa kamuu caalaa baayyee hoo'adhaa.

Ansoolaafi fooxaaa haala qillensaa digrii 60 keessa kaa'uun yaada gaarii ta'a, waan ho'ii akkasii vaayirasii uffatarraa ajjeessuu maluuf. Garuu harka keenya dhiqachuu caalaa filmaanni biraa gaariin hin jiru.

Bishaan ho'aadhaan qaama dhiqachuu ykn waan ho'aa dhuguun yoo dursa kan dhukkubsatte ta'een alatti haala ho'aa qaame keetii gonkumaa hin geedaru.