Fayyaa: Hakiimonni nama lamaffaa HIV irraa fayyisan

Adaam Kaastileejoo Image copyright Andrew Testa/New York Times/Redux/eyevine
Goodayyaa suuraa Ambaasaaddara abdii tahuun fedha

Jiraataan Landan HIV irraa fayyuun addunyaa irratti nama isa lammaffaa tahe jedhan hakiimonni.

Adaam Kaastileejoo qoricha qaamni keenya dandeetti dhukkuba ittisuuf fudhatu erga dhaabee baatii 30 booda vaayirasii HIV irraa bilisa taheetu argame.

Namni kun qoricha HIV dhaan miti kan fayye. Wal'aansa kaansariif isa qabateef kennameetu isa fayyise jedha gabaasni barruu 'the Lancet HIV' irratti bahe.

Seelonni kaansarii wal'aanuuf namootarraa arjoomaan argaman qaccee sanyii addaa waan qabaniif Adaamiin HIV irraa isa fayyisan.

Bara 2011tti Jiraataa Barliin kan tahe Timootii Biraawoonitu HIV irraa yeroo jalqabaaf fayye. Innis wal'aansa wal fakkaataa waggaa sadiif erga taasiseen booda dha.

Wal'aansichi kan akkamiiti?

Wal'aansa stem-cell jedhamu kan dhukkuba kaaansariif kennamu vaayirasiin HIV qaama keessatti akka wal hin horre taasisa. Kunis seeliin nama HIV'n qabamee seelii isa arjoomaan argamee kaansarii fayyisuuf faayidaarra ooleen yoo bakka bu'u jechuu dha.

Adaam Kaastileejoo- amma nama ganna 40 yoo tahu HIV akka qabu ifatti himatee ture, qorannoo dhiigaa, tiishuufi ispeermii isaa keessatti HIV'n hin argamne.

Erga HIV irraa bilisa tahuusaa himamee waggaa tokko boodallee namni kun dhiiga isaa keessa HIV'n hin argamne.

Yunivarsiitii Kaambiriijitti hogganaa qorannoo kan tahan Pirof Raavindraa Kumaar Guptaan: ''Taateen kun HIV'n fayyuu akka danda'u mirkana nuuf taasisa.''

''Bu'aan qorannoo kan agarsiisu wal'aansi seelii jijjiiruu HIV akka fayyisu waggaa sagal dura argame babal'achuu danada'a.''

Image copyright Science Photo Library

Haa tahu malee wal'aansi kun namoota miiliyoonaan lakkaa'aman addunyaa kanaa HIV qabaniif hin hojjetu.

Wal'aansi cimaa kun jalqaba kan kennamu namoota HIV qabaniif osoo hin taane namoota kaansarii qabamaniifi dha.

Qorichooti HIV amma jiran otoo vaayirasichi dhiiga keessa jiruu namni tokko fayyaa qabeessa tahee waggaa dheeraa jiraachuu danda'a.

Piroof Guptaan:''Wal'aansi kun kan balaa hamaaf nama saaxiluu danda'uufi namoota HIV otoo dhiiga keessaa qabanii kaansariidhaan qabamaniif kan kennamu dha,'' jedhan.

''Kanaaf wal'aansi kun bal'inaan namoota HIV'n qabateef kennamuu hin danda'u, keesumaa immoo namoota qoricha dhukkuba ofirraa ittisu fudhataniif.

Haa tahu malee fuulduratti wal'ansa qaccee sanyii fayyadamuun qorichasaa argachuuf abdiin jira

Akkamiin hojjeta?

CCR5 qaama seelii HIV-1 jedhamuun qabamu dha. Vaayirasichi HIV fayyadamuun addunyaatti babal'ate.

Haa tahu malee namooti muraasni HIV'an isaan hin qabne qaama seelii CCR5 jedhamu lama gatii qabaniifi.

Kana jechuun vaayirasichi seelii miidhuu danda'u otoo hin qaqqabiin hafaa jechuu dha.

Qorattoonni qaama seelii CCR5 jedhamu irratti xiyyeeffachuutiin qofa wal'aansa kana gaggeessuun danada'ama jedhu.

Guutummaan guutuutti fayyisaa?

Qorannoon seeliinwwan Adaam Kaastileejoo seelii arjoomtootaa harka 99 bakka bu'uusaa agarsiisa.

Qaama isaa keessatti ammallee vaayrasiin hafan ni qaba akkuma nama isa jalqaba fayye sanaa jechuu dha.

Kana booda HIV'n deebi'ee itti hin dhufu jechuu garuu hin dandeenyu.

Adaam Kaastileejoon,''kun waan addaati, asirra gahuun koo ani eenyu kan na jechisiisu dha,'' jedheera.

''Ambaasaadara abdii tahuun barbaada.

''Namoonni ati nama carraa qabeessa dha akka naan jedhan hin barbaadu.'' ''Kuni waanuma tasa tahe dha.

''Ani yeroo waan kun tahu iddoo sirriifi sa'aatii sirriitti argameen tahuu danda'a.''

Yunvarsiitii Meelbarnitti piroofeesar kan tahan Shaaroon Lewiin,''samuuda seelii baayyee fudhannee vaayrasii tokkoyyuu dhabuun fayyuu agarsiisaa?'' Odeeffannoon kana booda dhufan kan jajjabeessan tahuu malu dhumarratti garuu yerootu waan hunda nutti agarsiisa,jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata