MM Abiy barruu 'Financial Times' irratti barreessaniin 'Afrikaan birmannaa feeti' jedhan

MM Abiy Ahimad Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa "COVID19 Afrikaa keessatti hin injifatamu yoo ta'e, deebi'ee hunda keenya adamsa"

Weerara koronaavaayirasii addunyaa guutuu mudate ittisuuf tumsii fi tarkaanfiin addunyaalessaa barbaachisaadha jedhan MM Itoophiyaa barreeffama barruu beekamaa 'Financial Times' irratti barreessaniin.

Wayita ammaa akki biyyoonni addunyaa kopha kophaa itti weerara koronaavaayirasii to'achuuf yaalaa jirtu dogoggora guddaa qaba jedhan.

Keessaahuu biyyoota Afrikaaf deeggarsi maallaqaafi ba'aa liqaa irra jiru salphisuufin barbaachisaa akka ta'e barreeffama isaanii kanaan akeekanii jiru.

MM Abiy Kibxata kaleessaa biyyootni Garee 20 Afrikaaf deeggarsa maallaqaa doolaara biliyoona 150 akka taasisan gaafatanii turan.

Haa ta'u malee wayita biyyootni diinagdeen badhaadhan ofii isaaniif weerara vaayirasichaa to'achuuf rakkachaa jiranitti Afrikaaf deeggarsa akka taasisan gaafachuun isaanii qeeqa irratti kaaseera.

MM Abiy maal gaafatan?

Biyyootni diingadee gurguddaa qaban sadarkaa biyyaalessaatti weerara vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfii garagaraa fudhachaa jiru kan jedhan MM Abiy, biyyootni Afrikaa tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuu hdiinagdeen isaanii hin hayyamuuf jedhan.

Itoophiyaa fakkeenya fudhachuun yoo ibsan, biyyattiin gama tajaajila fayyaa waliin gahuun hojii gaarii gaarii galmeessiftullee weerara vaayirasii akka kanaaf garuu gonkumaa qophii hin qabdu jedhan.

Lammileen biyyattii tajaajila fayyaa bu'uuraallee argachuuf ni rakkatu jedhan.

Biyya lammiileen biyyattii walakkaa ol bishaan qulqulluu dhugamu hin argannetti gorsa salphaa akka harka dhiqachuu hojiirra oolchuunillee hin danda'amu jedhan.

Dabalataan baasii homaa kan hin barbaanne qaamaan walirraa fagaachuu gorsi jedhu haala jiruufi jireenya hawaasa keenyaatiin waan danda'amu miti jedhan.

Diinagdeen biyyattii hojii qonna aadaa roobaa waggaa eegee hojjetamu iratti waan hundaa'uuf, qonnaan bultoonni yeroo isaanii eeganii qotuu, facaasuu, aramuufi calleessuu yoo baatan biyyattiin bara itti aanu beelaf saaxilamuu dandeessi jedhan.

Madda galii sharafa alaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gamanumaan kasaaraan isa mudachaa jira kan jedhan MM Abiy, hanqinni sharafaa alaa dhiyeessi fayyaa bu'uuraa akka hin qabaanne gochuun miidhaa guddaa qaqqabsiisa jedhan.

Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasan malee wantoonni kun dhugaa biyyoota Afrikaa hunda keessa jirudhas jedhu.

'Injifannoo addunyaalessaa'

Biyyoonni Afrikaa akka biyyoota diinagdeen badhaadhanii daangaa cufachuu, imala ugguruu, namni manaa akka hin baane dhorkuufi tarkaanfiiwwan wal fakkaatoo biroo fudhachuu hin danda'ani jedhan.

Weerara vaayirasichaa Afrikaa keessatti injifachuun hin danda'amu yoo ta'e, deebi'ee hunda keenya adamsa jedhan.

Weerara kana dhaabsisuun kan danda'mu injifannoo sadarkaa addunyaatti galmaa'u qofaani jedhan.

COVID-19 wanti nu barsiise yoo jiraate, hundi keenya lammilee addunyaa, vaayirasii tokkittii garaagarummaa uumamaafi nam-tolche nuti qabnu hin beekneen walitti hidhamne ta'uu keenyadha jedhan.

Vaayirasichi nama ta'uu keenya malee, bifa keenya, paaspoortii keenya ykn Waaqa waaqessinuun adda baasee nu hin beeku jedhan.

Sababa kanaaf tarsiimoon sadarkaa addunyaatti vaayirasicha ittisuufi to'achuu dandeessisuufi hoggansa addunyaalessaa barbaada jedhan.

Biyyotni addunyaa sadarkaa biyyaalessaatti vaayirasicha ittisuuf hojjechuun cinaatti Dhaabbati Fayyaa Addunyaa sirnaan jabaatee leeccalloonis deeggaraamee sadarkaa addunyaatti tarkaanfii jabaa akka fudhatu, biyyoota guddataa jiranis akka deeggaru gochuun barbaachisaa ta'uu barreessan.

Biyyoonni Garee 20 ykn G20 sirni fayyaa biyyota Afrikaa akka hin kufne maallaqaan deeggaruu akka qabanis waamicha dhiyeessan.

Ba'aa liqaa biyyoota Afrikaarra jiruuf furmaata kennuunis dhimma ariifachiisaa mariif dhiyaachuu qabudha jedhan.

Lubbuun miliyoonotaa balaaf saaxilamee waan jiruuf, yeroo qisaasessinu hin qabnu jedhan.

Amma dura Afrikaa keessatti namoonni 2400 oli vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u namoonni 60 ol lubbuu dhabanii jiru.

Biyya kam keessatti namni meeqa akka qabame asii hordofaa: Kaartaa hordoffii taatee koronaavaayirasi biyyoota Afrikaa

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata