Koronaavaayiras: Amala vaayirasichi agarsiisu haaraa maaltu barame?

Madda suuraa, Getty Images
Weerarri Koronaavaayirasii biyyoota harka caalu walgahee lubbuu namoota 145,000 ol galaafachuun namoota miliyoona 2 ol caalan qabeera.
Qorannoon qorataman akka agarsiisanitti namoonni harki 80'n dhukkubbii xiqqaadhaan dhibee kanarraa dandamatu, namoonni muraasni mallattoo otoo hin agarsiisiin fayyuu danda'u.
Vaayirasicha mallattoo maaliin adda baafna?
Mallattoo ijoon dhibichi agarsiisu gubaa qaamaa olaanaa/bulluqa fi qufaa gogaadha.
Qufaa gogduun furrii hin qabne sa'aatii tokko oliif ittifufinsaan kan nama qufaasisu .
Sa'aatii 24 keessatti marsaa 3 fi isaa oliif qufaan gogduun deddebi'ee mul'ata.
Kunis hafurri namaa addaan ciccitu taasisa, harganuu dadhabuu fi ukkaamamuu hordofsiisu danda'a.
Ho'i qaamaas 37.8C ol taanaan gubaa qaamaa qabaachuu akeeka. Kunis akka malee bulluquu, ykn akka malee dhaamochuu hordofsiisa.
Kana malees, qoonqoo keessa nama hooksisuu, bowwoo mataa fi garaa kaasaas akka hordofsisutu gabaafame.
Kana malees, foolii fi dhandhama addaan baasuus nama dhorku mala.
Giddu galeessaan guyyoota shan keessatti mallattolee agarsiisuu eegala. Garuu yeroon dhibichi mallattoo agarsiisuu guyyoota 14 akka qaqqabu Dhaabbanni Fayyaa ibseera.
Qo'annoon tibbana barruu dhimma fayyaa British Medical irratti maxxafamte akka himtutti, namoonni vaayirasichi qabe harki 78 mallattoo hin agarsiisan.
Qorannoo sadarkaa idila addunyaatti qo'atame namoonni vaayirasichi qabe harki 80'n mallattoo hin agarsiisan jedhe guduunfaa yaada walitti dhiyeenya qabu agarsiisan.
Ayislaandittis namoota dhukkubichaan qabaman keessaa harki walakkaan mallattoo hin agarsiisan ture.
Ragaan dhukkubsattoota 56,000 irraa funaaname garuu ,namoota harka 80'n mallattoo giddugaleessa agarsiisan jedhe - qufaa, gubaatii qaamaa dabalatee nimooniyaa irratti mul'ateera.
Namoonni harki 6 dhukkubbii amma du'aatti isaan saaxiluu kan akka sombiifi qaamoonni biroo hojii dhaabuuf amma du'uutti irratti mulateera.
Namoonni vaayirasichi qabe harki caalaan hirriba gahaa rafanii, qoricha mataa bowwoo fudhatanii fayyuu danda'u.
Mallattooleen akka hafuurri addaan ciccituufi ho'ii qaamaa cimaan yoo mudatu gorsa ogeeyyii gaafachuutu filatamaadha.
Namni harganuu dadhabuu hoospitaalaatti yaalamuu qabaata. Hakiimoonni ammi sombii miidhame erga sakatta'anii tarii gara iddoo itti dhiyeenyaan hordofamanitti dabarsuu malu. Ogeeyyiin akkaata oksijiinii kennnuufi irraa kaasee amma meeshaalee harganuu gargaaraniin dhukkubsataa gargaarutti qaqqabuu malu.
Eenyutu dhibichaaf saaxilamaadha?
Maanguddoonni fi namoonni duraanu dhukkubsatan(Aazmii/xiixaa, dhibee sukkaaraa fi onnee) caalaatti dhukkubichi yoo qabe itti hammaachu danda'a.
Koorniyaan walbira yoo qabame dhiiroonni dhibee kanaan dubartoota caala du'uu danda'u.
Dhukkubsattoonni guyyoota muraaasa keessatti bayyanatu garuu kanneen kunuunsi addaatti barbaachisu amma ji'a tokkoo turu.
Koronaa vaayirasiin namoonni qabaman ni fayyu harka xiqqaas ta'u garuu lubbuu namaa baasuu danda'a.
Akkamittan of eeggadha?
Ogeeyyiin otoo addaan hin citiin harka ofii bishaaniif saamunaan dhiqachuu gorsan.
Kana malees, nama axxifatu ykn qufa'uurraa fagaachuun carraa dhibichaan qabamuu xiqqeessa.
Vaayirasichi qaamaa keessa seenuuf carraa kan argatu wayita ija, funyaanii fi afaan keenya argatu akka ta'e ogeeyyiin kan himan.
Kanaafuu, fuula ofii otoo harka hin dhiqatiin tuttuquu dhiisuu, harkaa deddebi'anii dhiqachuu, nama dhukkubicha qaburraa fagaachuu fa'aatu ogeeyyiin gorfama.