Koroonaavaayiras: Lammiileen Itoophiyaa yoo xiqqaate 100 ta’an Ameerikaatti Covid-19’n ‘du’aniiru’

Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Fitsum Araggaa

Madda suuraa, Fitsum Arega

Yunaayitid Isteetitti hanga ammaa lammiileen Itoophiyaa yookiin kanneen lammii Itoophiyaa irraa dhalatan yoo xiqqaate 100 ta’an koronaavaayirasiin du’aniiru jedhame.

Kana kan dubbatan Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Fitsum Araggaadha.

Turtii guyyaa kaleessaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa (VOA) waliin taasisaniin akka himanitti ''kana dhagahuun baay’ee nama gaddisiisa,’’ jedhan.

‘’Lakkoofsa namoota du’anii kana jedhanii kaa’uun nama rakkisa. Odeeffannoo argannurraa yoo xiqqaate 100 kan ta’an lubbuu akka dhabanidha kan dhagahaa jirru,’’ jedhan.

Akka isaan jedhanitti, waldaalee akkasumas hawaasa Itoophiyaa bulchiinsota Ameerikaa garaa garaa jiranirraati hamma namoota du’anii kan odeeffatan.

Kana dura biyya Xaaliyaanitti lammiileen Itoophiyaa lama vaayirasii kanaan lubbuu akka dhaban kan gabaasneen alatti haala lammiilee Itoophiyaa US jirani yeroo dhagahamu kuni kan duraati.

Lammiin Itoophiyaa Ameerikaa irraa dubbisne akka jedhanitti lammiileen vaayirasichaan du’u inuma dhagahu. Ta’us, lakkoofsaan meeqa akka ta’e dhagahanii hin beekani.

Of eeggannoo taasisuu irratti ammallee hanqinni akka jiru lammiin Itoophiyaa kuni nutti himaniiru.

Itoophiyaa keessa vaayirasiin kuni seenuun isaa erga mirkanaa’ee ji’a kan darbe yoo ta’u hanga yonaa namoonni 3 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.

100’tti kan siqan immoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa baay’inaan du’an gurraachota Ameerikaa lubbuu dhaban jalatti kan galmaa’edha jedhan dippilomaatiin olaanaa Itoophiyaa kuni.

Ambaasaaddar Fitsum lammiileen Itoophiyaa hedduu biroollee vaayirasii kanaan qabamaniiru jechuun himan.

Akka fakkenyaattis yeroo kaasan kanneen hojii murteessoo jedhaman hojjetaa jiran akka ta’an himan. Hojiiwwan kunneen immoo tarkaanfii tibbanaan hin dhorkamne.

Ogeessota fayyaa, giddugala maanguddoo kunuunsa barbaadan keessatti kanneen hojjetan, geejjibaa akkasumas manneen foonii keessallee kanneen hojjetan qabamu himan.

Ambaasaaddar Fitsum kanneen bayyanatans jiru, kanneen immoo yeroo ammaa adda of baasanis jiru jedhan.

Dhimma hojiin alatti namoonni dhimmi amantii, aadaafi hawaasummaa garaa garaaf walitti dhufaa waan jiranif raakkoon uumamaa jira jedhan.

Itoophiyaan sababa rakkoo fayyaan reeffa nama koronaavaayirasiin du’e kamiyyuu akka hin simanne beeksisteetti.

Ameerikaanis reeffa nama koronaavaayirasiin du’e hin eeyyamtu jedhan Ambaasaaddar Fitsum.

‘’Karaa dippiloomaasii wanti isaan [mootummaa Ameerikaa] nutti himan sadarkaa mootummaatti reeffa baasuuf yaada akka hin qabnedha,’’ jedhan.

Kuni, hundumaaf of eeggannoo gochuuf jedhame kan murtaa’e akka ta’e himan.

Yeroo ammaa biyya kamuu caalaa biyyi namoonni hedduu vaayirasichaan qabamaniis ta'e du'an keessatti argamtu Ameerikaadha.

Akka ragaa Yunivarsiitii Joohns Hopkinsitti Ameerikaatti hanga yoonaa 670,000 ol vaayirasichaan kan qabamaniiru.

Kan du'an immoo 33,000 olidha. Kanneen keessaa 11,400 ol magaalaa Niiw Yoork keessatti kan du'anidha.