Koroonaavaayiraas: Odeessaaleen sobaa Afrikaa keessa babal'achaa jiran maal fa'i?

Bishaan danfaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Hurka bishaan danfee ulachuun wantoota hin mirkanaa'iin vaayirasicha ni ittisa jedhamu keessaa tokko

Biyyootii Afrikaa keessattii lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira, mootummoonnis qajeelfama dhukkubicha ni ittisa jedhaman ciccimaa dabarsaa jiru.

Yeroo weerara kana ofirraa ittisuuf qophaa'aa jiranitti, biyyoota Afriikaa hedduu keessatti oduun sobaa garmalee tatamsa'aa jira.

1. Hurka ho'aa ulachuun rakkoo guddaa fida

Odeeffannoon sobaa hurka bishaan danfee ulachuun koronaavaayirasi ni wal'anaa jedhuu deebi'ee amma Tanzaaniyaa keessatti deeggarsaa pireezidantii biyyattii argatee tatamsa'aa jira.

Qoricha aadaa deeggaruuf jecha Pireezidant Joon Magufuulii hurka ho'aa ulachuun vaayirasii afaaniifi funyaan keessa jiran ni ajjeesa jechuun dubbataniiru.

Maagufuliin karaa weerara koroonaavaayirasii ittiin ittisan wayita haasa'anitti ho'i guddaan vaayirasicha balleessu danda'a jechuun yaada dhiyeessaniiru.

Garuu hurki ho'aa qulqullina meeshaaleef bakka akka hospitaalaa keessatti fayyadamamus, ho'a cimaa akkanaa ulachuun qaama namaatti rakkoo guddaa fiduu danda'a jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Yoo hurki ho'aan vaayirasii ajjeessa jedhame qaamaa kee keessa seenuu, sombikees garmalee miidhama jedhu Yuniversitii Nottinghaam UK'tti oggeessi dhibeewwan daddarbanii Kiit Niyeel.

Dabalataan ammo hurki qodaa danfu keessaa ba'u akka qaama keessa seeneen ni qabbanaa'a kanaaf vaayirasii ajjeessuuf ho'a ga'aa hin qabaatu jedhan.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) vaayirasii offirraa ittiisuuf jecha bishaan danfaan dhaqna dhiqachuun qaama namaa gubuu danda'a jechuun akeekkachiiseera.

2. Manneen daldalaa Chaayinootaa Naayijeeriyaatti hin haleelamne

Yeroo gabaasni lammileen Afrikaa Chaayinaatti loogiin irra ga'aa jira jedhu ba'etti, namootni tokko tokkoo vidiyoo sobaa Afrikaa keessatti namootni lammilee Chaayinaa irratti haaloo ba'a jiru jedhu daddabarsaa jiru.

Akka fakkeenyatti vidiyoon Naayijeriyaatti manneen daldalaa laammilee Chaayinaa gubamaniiru jedhu isa tokkodha.

Vidiyoon kun garuu kan agarsiisu ji'a kana keessa bakki gabaa Ibadaan Kibba-Lixa Naayijeeriyaa jiru yeroo gubaatu agarsiisa.

Gaazexaan Naayjeeriyaa The Punch jedhamu waa'ee ibidda kana yeroo gabaasu daldaltoota Naayijeriyaa malee kan Chaayinaa hin eerre.

3. Alkoolii dhuguun Covid-19 namarraa hin ittisu

Bulchaan magaalaa guddoo Keeniyaa Naayroobii, yaadaa alkooliifi koronaavaayiraasii irratti kenneen qeeqameera.

Maayik Soonkoon yeroo nyaata namoota harka qalleeyyi magaalattiif hiraa tureetti maaliif akka dhugaatii alkoolii Henesii jedhamu akka itti make yeroo ibsu akka wanta "qoonqoo qulqulleessutti ni fayyada" jedheeni jedheera.

"Qorannoon WHO fi dhaabbilee fayyaa adda addaa alkooliin koronaavayirasiis ta'e vaayirasii kamiyyuu ajjesuu keessatti ga'ee guddaa akka qabu ni agarsiisa," jedha Maayik Soonkoon.

Garuu gorsa WHO sirritti waan hin galleef fakkaata. Gorsi WHO kan jedhu alkoolii dhuguun koronaavaayirasii namarraa hin ittisu, garuu harka ofii qulqulleessuuf wanti alkoolii qabu gaariidha jedha.

Dabalataan gorsi WHO aalkoolii fayyadamuun "yoo namni tokko koronaavaayirasiin qabameef rakkoo fayyaa irra ga'u dabaluu danda'a" jedha.

Warshaan omishaa dhugaatii alkoolii Henesiis, vaayiracharra nu eega jechuun alkoolii kana dhuguu irraa akka of eeggataniif lammilee Keeniyaa akeekkachiiseera.

4. Maaskiin halluu cuquliisaa faalamaa miti

Feesbuukii irratti oddeeffannon maxxanfaman lama, haguuggaan afaaniifi funyaani ykn maaskiin halluu cuquliisaa summiin faalamoo waan ta'aniif lammileen Afrikaa hin uffatinaa jechuun kan gorsu hedduu qoodameera.

Odeeffannoon inni jalqabaa maqaa hundeessaa Amazon Jeef Bezoos kan kaasuufi maaskii faalamee raabsuuf shirri xaxamee jira kan jedhudha.

"Lammilee Afrikaa, maaskii cuqulisaa Ameerikaafi Awurooppaa keessatti oomishamee hin uffatiina sababiin isaas maaskooti kun summii nama ajjeesu qabu," jedha odeeffannoon maxxanfame kun.

Garuu summii akkamiin akka faalame hin ibsu. Dhaabbatti Amaazoon odeeffanoon kun soba jedheera.

Odeeffannoon inni lammataa ammo hogganaa WHO sobaan eeruun, namootni akka maaskii cuqulisaa hin uffanneef kan gorsudha.

Wajjira WHO Afrikaa irraa Meerii Isteefan dhaabbati keenya maaskiin faalame jiraachuu isaa irratti gaabaasa kamiyyuu hin arganne jechuun BBC'tti himaniiru.

"Biyyootiin maaskii fayyadaman biyyoota adda addaa irraa argachaa jiru. Nutis waa'ee faalama kamiiyyuu wanta beeknu hin qabnu" jedhaniiru.