Kim Jong-un: Kim'n alatti eenyutu Kooriyaa Kaabaa hoogganuu mala?

Kim Jong-un torbee lamaa oliif hawaasatti hin mul'anne

Madda suuraa, BRENDAN SMIALOWSKI

Ibsa waa'ee suuraa,

Kim Jong-un torbee lamaa oliif hawaasatti hin mul'anne

Hamiin waa'ee fayyummaa Kim Jong-un akka salphaatti bira darbamuu danda'a, eenyutu isa bakka bu'a kan jedhu garuu gaaffii jabduu taatee jirti.

Erga bara 1948 Kooriyaan Kaabaa akka biyya of dandeesseetti hundaa'uun Kim Il-sung hoogganuu eegalanii as biyyattiin maatiiwwan 'kim' keessaa dhiirota qofaan bulaa jirti.

Waa'een olaantummaa maatii jarreeniis dur durii irraa kaasee hawaasa keessatti hundee jabeeffateera.

Daa'imman osoo mana barnootaa hin seenin waa'ee bulchaa biyyattii Kim Jong-un faarsuu fi saaduu barbaadu.

Wayituma of baran ''Hoogganaa keenya Kim Jong-un ijaan arguu barbaanna'' jedhu.

Kanaafuu bakka maatiin mallattoo biyyattii ta'e kun hin jirretti eenyutu biyyattii bulcharee? Beektonni yookiin kutaalen hawaasaa martuu akkamiin aangoo kanaaf of qopheessu?

Deebiinsaa ammaaf hin beekamne.

Yoomiyyuu 'Kiim' keessa jira...

Kim Il-sung, hundeessaa Kooriyaa Kaabaa fi ilmasaanii Jong-il took, kan isaan aangoo itti dabarsan ,bara 1994.

Madda suuraa, XINHUA

Ibsa waa'ee suuraa,

Kim Il-sung, hundeessaa Kooriyaa Kaabaa fi ilmasaanii Jong-il took, kan isaan aangoo itti dabarsan

Wayita Kim Jong-un aangoo qabachuuf jedhu jecha "Paektu Bloodline" jedhamu fayyadamuu eegalan, kunis aangoonsaanii kan bara baraa akka ta'u mirkaneessuuf.

Paektu gaara Kim Il-sung keessa riphanii diina haleelaa turaniidha jedhama. Akkasumas iddoo ilmisaanii Kim Jong-il itti dhalataniidha. Kanaaf jecha ammumayyuu wayita murtee siyaasaa jabaa dabarsuuf jedhan Kim Jong-un jalqaba gara gaara sanaa deemu.

Yaadaa fi xiinsammuu lammiilee biyyattii keessatti jechi 'kim' jedhu chaappeffamee jira. Kim mallattoo biyyattiitti fakkeeffameera.

Maatiiwwan mootota Kooriyaa Kabaa

Maatiiwwan Kiim

Kanaafuu Kooriyaan Kaabaa nama akkanaatiin ala eenyuun durfamuu dandessi laata?

Umuriinsaanii waggaa 36 kan ta'e Kim Jong-un ijoollee qabaatanis garuu daa'imman akka ta'antu himama.

Ijoollee sadi hoogganaan qabu jedhamu keessaa hangafi umurii waggaa 10, kan dhumaa ammoo waggaa sadi.

Kim Jong-un mataansaanii wayita aangoo qabatan umuriinsaanii waggaa 27 ture.

Haala kanaan miirri gareedhaan hoogganuu, kan akka biyya Veetnaam, Kooriyaa Kaabaa keessatti dhalachuu danda'a jedhama.

Veetnaam keesatti gareen biyya bulchu walitti qindaa'ee barsiisa hundeessaa biyyattii hordofuun dandeettii bulchiinsa isaa gabbifataa biyya bulcha.

Garuu kunis akkaataa qoodiinsa aangoorratti atakaaroo jabaa kan uumuudha.

'Kiimota' hafan sadan...

Kim Yo-jong, dubartii hooggansa olaanaarra jirtu, aangoon biyyattii gara isheetti duufaa jiraa?

Madda suuraa, Patrick Semansky - Pool /Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Kim Yo-jong, dubartii hooggansa olaanaarra jirtu, aangoon biyyattii gara isheetti duufaa jiraa?

Siyaasa Kooriyaa Kaabaa keessatti olaantummaa qabachuu malu jedhamanii kan eegaman maatiiwwan 'kiim' saditu jiru. Garuu ulaagaa maatiidhaan biyyattii hoogganuu hunda kan guutan miti.

Kan duraa obboleettii quxisuu Kim Jong-un kan taate Kim Yo-Jong jedhamti. Xinnummaarraa kaatee siyaasa keessatti qooda fudhachuuf fehdii agarsiisaa kan turte, abbaasheetiin daran kan jaal'atamtu turte.

Obboleessashee kan amma aangoo harkaa qaban Kim Jong-un waliinis hariiroo siyaasaa cimaa qabu. Waltajjiiwwan siyaasaa biyya keessaa fi idil addunyaarratti akkaan bira dhaabbattee milkeessitee beekti.

Garuu maal godhuree dubartiidha. Aangoo biyya bulchuu gonfatti jedhanii yaaduun ni ulfaata. Akkaataa duudhaa siyaasaa Kooriyaa Kaabaatti aangoon biyya bulchuu kan dhiirotaati.

Lammaffaan ammoo Obboleessa hangaa Kim Jon-un kan ta'an Kim Jong-chul jedhamu.Namni kun garuu siyaasa keessatti hirmaachuuf fedhii agarsiisanii hin beekan.

Kan dhumaa ammoo Kim Pyong-il jedhamu, haadha buddeenaa Kim Jong-un'tu maatii Kiim'tti of dabaltee godhatte. Bara 1979 Awurooppaatti ergamee ambaasaaddara ta'ee biyyoota hedduu keessatti hojjeteera, bara darbe ture Kooriyaa Kaabaatti kan deebi'e. Kanaafuu carraan aangoo biyya bulchuu argachuusaa gadi aanaadha.

Yeroo ammaa hoogganaatti aanee namni gameessi Kooriyaa Kaabaa eenyu?

Ergamaa addaa Kim Jong-un ,Choe Ryong-hae (mirga) qondaaltota biyya alaa waliin

Madda suuraa, ALEXANDER NEMENOV/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Ergamaa addaa Kim Jong-un ,Choe Ryong-hae (mirga) qondaaltota biyya alaa waliin

Bara bulchiinsa Kiim Jong-un keessa namoonni maatii Kiim ala ta'an kanneen siyaasa biyyattii keessatti qodda guddaa ba'ataa jiranis hedduudha.

Tokko Choe Ryong-hae jedhama. Bara bulchiinsa Kiim Jong-un bu'aa ba'ii hedduu keessa darbeera. Yeroo ammaa Dura taa'aa Itti Aanaa Komishinii dhimma biyyaati.

Choe damee humna waraanaa fi paartii biyya bulchu keessatti sadarkaa hooggansaa gurguddaarra turan. Dhaabbata Dhimma biyyattii ilaalu keessattis hogganaa ta'anii hojjetaa turan. Kanaafuu namni kun siyaasa biyyattii yeroo ammaa keessatti nam jabaa lammaffaadha jedhamee amanama.

Walumaa galatti yeroo ammaa ebelutu aangoo qabata jedhanii dubbachuun ni ulfaata. Kan fedhii guddaa agarsiisaa jirtuu fi qalbii uummataa keesa seentee jirtu obboleettiin Kim Jong-un ammoo dubartiidha.

Kooriyaa Kaabaatti ammoo dhiirri biyya bulchuun duudhaa siyaasaati.

Eenyutu as ba'a laata? Kan waliin ilaallu ta'a.