Koroonaavaayiras: Gamoon paarlaamaa Awurooppaa dubartoota mana hinqabne 100'f dahoo ta'eera

Madda suuraa, Rtbf
Gamoon Paarlaamaa Awurooppaa kan Biraasals, Beeljiyemitti argamu dubartoota mana hinqabne 100f mana taheeraaf- hedduunsaanii kanneen mana keessatti qoccollaan irra gahaa kan turedha.
Dubartoonni kunniinis koroonaavaayiras to'achuuf uggura mana turuu biyyattiin keesseen daran miidhamaniiru.
Gamoon paarlaamichi qabu keessaa tokko ka tahe gamoon Helmut Kohl jedhamu, kan gidduu magaalattii keessatti argamu yoo tahu, guyyaa Roobii ture dubartoota kanaaf kan karrasaa bane.
Waajjiraaleen gara mana ciisichaa dubartoota lama qabachuu danda'anitti geeddaramaniiru. Nyaatallee achumaa argatu, yaalii fayyaas akkasuma.
Dhaabbanni tola-oolaa Samusocial jedhamu, weerarri kun qoccollaan mana keessaa akka dabalu godhe jedha.
Paarlaamaa Awurooppaa dhaabbata kana waliin waltahinsa uumuun, hojii kana hoogganu. Sababa walirraa hiiquu hawaasaa kan ka'e manneen dubartoota yeroo rakkinaaf qubachiisan cufamaniiru.
''Erga uggurri hojiirra oolee eegalee dubartoota manaa baafamanii daandii gubbaatti darbataman nu mudateera - sababa qoccollaan manatti isaan irra gaheen,'' jedhan daarektarri Samusocial Sebaastiyaan Roy.
Madda suuraa, European Parliament
Gamoon kun haarayaa kan midhaaffamefi paarlaamaa isa guddaa keessa miti
Gamoowwan Paarlaamaa Awurooppaa irra jireessi duwwaadha. Yaa'iif kan argamu nama muraasa qofa, kaan viidiyoon hirmaatu.
Yaa'iin ji'a ji'aan baha Firaans, Strasbourg'tti gaggeeffam haga Waxabajjiitti adda citeera.
Pireezidantiin Paarlaamichaa Deevid Saasolii iddoo dubartoota kanaaf mijeeffame kan daawwatan oggaa tahu, ''yeroon kun hunda kenya miidheera. Biraasalsitti madaa guddaatu yeroo ammaa jira,'' jedhan.
''Rakkoon amma nu mudate kun jaarmiyaalee dabalatee, hundi keenya, hojii fakkeenyummaa gaarii qabu akka hojjennu nu kakaasuu qaba.''
Madda suuraa, Rtbf
Gamoon Onkololeessa dabre ifatti baname kun, maqaa Chaansilara Jarman Helmut Kohl jedhamaniin mogga'e. Namni kun kufaatii Komunizimii booda, waltahinsa Awurooppaa nama mul'isanidha jedhama.
Paarlaamaa keessatti manneen nyaanni ittin bilcheeffamuttis, nyaanni 1,000 qophaa'uun jara mana hinqabneef raabsamaa jira.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Akka Aabba Rooy jedhanitti gaafa uggurri kun kahutti egereen dubartoota kanneenii gaaffiidha jedhan.
Dubartoota gamoo kana dawoo godhatan keessaa tokko ka taate Adeliin, dawoo kana argachuun keenya gammachuu guddaadha jette - ''yeroo rakkoo akkasii kana keessa namoonni mana itti galan hinqabne ni irraanfatamu,'' jette.
''Yeroo mara anaafi abbaan warraakoo socho'uun nurra ture. Isa waliin guyyuu kiloomeetira 15 deemna - poolisoonni 'asii socho'aa' nuun jedhaa turan. Yogguu galgalaa'u hedduu dadhabna,'' jette.
Akka isheen jettutti kutaaleen amma keessa jiran dahoo kaanirraa haalaan kan fooyya'anidha. Sababiinsaas dawoo kaanitti kutaa tokkotti haga nama jahaa tahuun kutaa tokko qooddatu - asitti garuu yoo baayyate nama lama.
Kanaan gammachuu qabaattus, abbaan warraashee akkuma dhiirota kaanii daandii gubbaa buluusaatti hedduu gadditi.
Madda suuraa, Rtbf
Isheen Eenyu 22: "Hojii tola-ooltummaa akka dirqamaatti hojjachuun murteesse" - Obsee Luboo
Obsee Luboo ogummaasheetiin narsii yoo taatu Kaalifoorniyaa jiraatti. Amma dura hojii tola ooltummaa hospitaala Najjoo waliin ta'uun hojjettuun beekamti. Hojii kana hospitaalota oromiyaa birootti babal'isuun ammoo galma isheeti.