Koronaavaayirasii Narsii Keeniyaa: 'Hojii kiyya waanan hojjedheef qofan Covid-19'f shakkame'

Eunice Mwabili magaalaa Naayiroobii keessatti hospitaala dhuunfaa keessa hojjetti

Madda suuraa, Eunice Mwabili

Ibsa waa'ee suuraa,

Eunice Mwabili magaalaa Naayiroobii keessatti hospitaala dhuunfaa keessa hojjetti

Narsiin Keeniyaa tokko nama Covid-19'f shakkame osoo yaaltuu waan argamteef qofa qoollifatamtee dararaanis irra ga'e.

Wayita nama kana yaalaa turte sanatti dabaree halkaniirra kan turte Eunice Mwabili 'dogoggorri an hojjedhee jibba kanaan na ga'u hin turre' jetti.

''Hojii kiyya akkaataa ogummaa kiyya kabajeen hojjechaan ture. Wayitan dhukkubsataa sana yaalaa turetti meeshaalee of eeggannoo hunda godhadheen ture.'' jetti.

Narsiin kun erga haala kanaan halkan shakkamaa kana tajaajiltee booda borumtaa isaa magaalaa Naayiroobii keessatti hiriyoota ishee, ollaa fi namoota biroodhaan qoollifatamuu eegalte.

Namoonni akka waan ishen koronaavaayirasiidhaan qabamteetti sodaatanii irraa baqachuu eegalan.

Eenyu akka iccitii hojiishee baase beekamuu baatus maqaa fi lakkoofsi bilbilaa ganamaan miidiyaa hawaasummaarra faca'e.

Namni isheen yaalaa turte koronaavaayirasii irraa bilisa ta'e, garuu oduun maqaa ishee xureessu sun miidiyaa hawaasummaarraa hin haqamne, waan nama tajaajilteef miidhamte.

Presentational white space

Ergasii lakkoofsa isheen hin beekneen hedduu bilbilamaaf, hedduun eessa akka isheen hojjettu baruuf gaafatu, hiriyoonnishee ammoo haala isheen keessa jirtu baruuf dhiphatu.

"Akka waanan koronavaayirasiin qabameetti odeeffameera. Oduun namaa baay'ee na miidhe. Inumaa oduchi TV irratti ba'eera'' jechuun BBC'tti himte Aadde Mwabilin.

Ollaasheetii tokko iyyee: ''Dhukkubsataa Covid-19 tuttuqaa akka turte dhagaheera'' jechuun itti dheekkame.

Keeniyaa keessatti kanneen qoollifataman narsii kana qofa miti, kanneen vaayirasicharraa dandamatanillee hawaasatti deebi'anii jiraachuu itti cimeera.

Dhiyeenya kana Ministirri Fayyaa Keeniyaa Mutahi Kagwe waa'ee nama Covid-19 irraa dandamatee hawaasa isaatti deebi'uu dhorkamee dubbatanii tran.

Erguma dhukkubsataan dandamatee maatiitti makamees maatiin qoollifataman jiru jedhan ministirichi.

Dararaa gama intarneetiin kanneen dandamatan irra ga'u

Keeniyaa keessatti vaayirasicha caalaa kan yaaddoo guddoo uume sodaa fi rifaatuu uumameedha.

Kanneen shakkamanii adda ba'an odeeffannoosaanii dhoksuu, kaan ammoo warra adda ba'an baqachuu fi miidhuun daran mul'ataa ture.

Inumaa osoo vaayirasichi Keeniyaa hin galin durayyuu namoonni ergaa jibbiinsaa fi rifaatuu of keessaa qabu miidiyaa hawaasummaarratti maxxansaa turan.

Keessaahuu ilaalchi jibbiinsaa lammiilee Chaayinaa, kanneen achii dhufan irratti hammaachaa ture.

Namoota gara jalqabaa Covid-19 irraa dandamatan keessaa kan taate Brenda Cherotich waa'ee muuxannooshee miidiyaarratti waan dubbatteef dararaan karaa miidiyaa hawaasummaa fi interneetii ishee mudateera.

Taateen kun mudatee osoo hin turin yogguma sana dargaggeessi umrii waggaa 27 magaalaa Mombaasaa jiraatu dhibamee wayita yaala barbaadutti Covid-19 qaba shakkii jedhuun yaala dhabee akka ajjeefametu himama.

''Gara alaa ba'uuf nan sodaadhe''

Davis Muturi (bitaa) amma daa'ima isaan walargeera

Madda suuraa, Davis Muturi

Ibsa waa'ee suuraa,

Davis Muturi (bitaa) amma daa'ima isaan walargeera

Ergasiis namoonni biyyoota alaarraa dhufanis ta'e kanneen adda of baasanii turan erga ba'anii hawaasa keessa deemuuf akkaan sodaataa turan..

Kanneen iddoo adda baasan tursiifaman odeeffannoon dhuunfaa isaanii hedduun miidiyaa hawaasummaa irratti faca'eera.

Namni waggaa 40 yeroo weerarri kun eegale US irraa gara Naayiroobiitti imalee ture tokko rakkoo kanaaf saaxilamuu dubbateera.

Guyyoota 14'f adda ba'ee ergan turee booda vaayirasicharraa bilisa ta'us roorroon waan natti hammaateef manaa ba'uu nan sodaadhe jedhan namni kun.

Narsii Mwabali kan sababa isheetiin dararaan irra ga'een osoo yaalamuu kan mul'ate Davis Muturi erga Covid-19 irraa bilisa ta'uunsaa mirkanaa'ee boodallee rifaatuudhaan akka jiraatu dubbateera.

'Isa booda narsii Mabalin akkam taate'

Eunice Mwabili

Madda suuraa, Eunice Mwabili

Narsiin kun wayita dhukkubsataa sana yaalaa turte kan ishee daawwataa ture poolisii qofa, kunis dhimma nama idoo itti tursiifamanii miliqee ba'ee qorachuuf ture.

Kanaafuu ragaan poolisiin kun hatamee ba'uu hin hafne shakkii jedhu qabdi.

Ji'oota booda narsiin kun wayita yaada kennitu,''gidiraa fi dararaan narra ga'e cimina kiyya hin qorre, boodatti nan deebisne, an ammayyuu jabduudha,'' jette.

Inumaa haalli an keessa darbe hojii kiyyattii daran akkan cimu xiiqii na keessatti uumeera jetti.