Lammiileen Itoophiyaa Libaanoos jiran balalii tokkoof maallaqa guddaa gaafatamne jedhan

Lammilee embaasiitti galmaa'uuf eeggachaa jiran

Madda suuraa, JOSEPH EID

Lammiileen Itoophiyaa gara biyyasaaniitti deebi’uu barbaadan daandii xiyyaara Itoophiyaa balalii tokkoof maallaqa guddaa nu gaafateera jechuun komatan.

Lammiileen Itoophiyaa Libaanoositti hayyama jireenyaa qaban Beeruut irraa gara Finfinnee imaluuf balalii tokkoof doolaara 680 (Birrii 23,000 ol) gaafatamuusaanii fi kan hayyama jireenyaa hin qabne immoo qoonsilaatti galmaa’anii doolaara 580 akka kaffaltan jedhamuusaanii BBC’tti himaniiru.

Libaanoositti waggoota dheeraa kan jiraatte Tinnabab Bahaayiluu “namni nyaata nyaachuuf gargaarsaa namoota biroo eeggatu akkamitti doolaara 680 kaffala? doolaarri biyyattitti bade eessaa argama? Gatiinsaa baay’ee ol’aanaadha,” jetti.

Asiin dura balaliin Beerut irraa gara Finfinnee taasifamu baay’ee qaaliidha jedhame doolaara 350 ta’a jechuun Tinnabab dubbatti.

“Yeroo rakkisaa kanatti maallaqni kun hundi eessaallee dhufuu hin danda’u. Nuu mitii lammiilee Libaanoosiyyuu hanqinna doolaaraa qabu. Doolaara 580 argachuuf namoonni qaamaasaanii gurguruu gahan jiru,” jetti.

Biyyoota addunyaa liqiini guddaa irra jiru keessaa Libaanoos sadarkaa sadaffaarratti argamti.

Madda suuraa, ANWAR AMRO

Ibsa waa'ee suuraa,

Biyyoota addunyaa liqiini guddaa irra jiru keessaa Libaanoos sadarkaa sadaffaarratti argamti.

Libaanoos dargaggoonni hoji dhabeeyyii ta’aniin hokkora keessa turteetti. Uggurri koronaavaayiras namoonni hiriira akka hin baane taasisus diinagdeen biyyattii garuu gad bu’uu akka danda’u tilmaamameera.

Omisha omishtu gara biyyoota biroo erguu kan dadhabde Libaanoos, garaagarummaan maallaqashee doolaara Ameerikaa waliin jiru haalaan dabaluu fi hanqinni doolaara biyyattii akka mudatu taasiseera.

Akka Tinnababitti yoo ta’e kufaatiin diinagdee Libaanoos namoonni isaan qacaranii hojjachiisan hojjattootaf mindaa kaffaluu waan dadhabaniif manaa baasaa jiru.

Kanaaf lammiileen hedduun karaarratti kufanii argamu. “Ijoolleen baay’een karaarra kufuu diddaaf nyaata argataa mana turuu wayya jechuun mindaa osoo hin fudhatini hojjachaa jiru,” jetti Tinnabab.

''Balalii kanarraa bu’aa hin argannu''

Libaanoositti hogganaan daandii xiyyaara Itoophiyaa kan ta’an Obbo Daani’eel Tsiggee akka jedhnitti balalii kanarraa bu’aa argataa akak hin jirre dubbattu.

“Kuni balalii daldalaa miti. Gatiin balalii kun baasii keenyaa akka nuu cufuufi qofaadha. Galii adda ta’e nuu hin argamsiisu.”

Dabalataanis “asiin dura imaltoonni Beerut irraa ka’anii gara biyyoota biroo imalan ni jiru ture. Doolaara kuma 3-4 kaffalan ni jiru ture.

Amma garuu kun hin jiru. Imaltoonni amma qabnu baay’ee muraasa. Dabalataanis isaan gara Finfinnee imalan qofaadha,” jedhu.

Obbo Daani’eel gatiin gad aanaan xiyyaarri balali’uu danda’u doolaara 680 jedhan.

Balallii chaartaraa

Libaanoositti lammiileen Itoophiyaa 400,000 ol ni jiraatu jedhamee tilmaama. Isaan keessas %70 ol kan ta’an isaan hayyama jireenyaa kan hin qabne akka ta’an ragaan qawunsilaa Itoophiyaa biyyattii sanitti argamu ni mul’isa.

Isaan hayyama jireenyaa hin qabne keessaa Zaaraa Mahaammad ishee tokko.(Maqaan kan dhugaatii miti. Hayyama jireenyaa waan hin qabneef qawunsilaan gara biyyaa deebi’uuf doolaara 580 akka kaffaltu eega ishee gaafatee ji’oonni jaha akka darban dubbatti.

“Yoom akka deemu natti hin himne. Suuraa kenninee qophaa’aa nuun jedhanii turan. Osooma gaafataa jirutti weerarri koronaavaayiras mudate,” jetti.

Lammiilee akka Zaaraa hayyama jireenyaa kan hin qabneef mootummaa Libaanoos waliin ta’uun waraqaa balalii kennuufiifi karoorri chaartarri balalii ‘yeroo hin murtoofneef dheereffamuusaa’ Obbo Daani’eel ibsaniiru.

“Borurraa jalqabee hojiirra oolfamuuf kan ture chaartarri balalii yeroo hin beekamneef dheereffameera. Ta’us garuu dheereffameera jechuu miti. Akka dhagahetti ‘waraqaan dabalataa’ qopheessuu qaban jira. Yeroo sanadoonni qophaa’an guyyoota itti aananitti balaliiwwan ni jiraatu jennee amanna,” jedhan Obbo Daani’eel.

Qoonsilaa Itoophiyaa Libaanoositti argamurraa Obbo Akliluu Taxaar Wubee gamasaaniitiin “dhimmi hin xumuramne waan jiruuf.

Viizaarratti wanti hin dhumne jira. Mootummaan Libaanoos hojimaata haaraa fidee isa xumuraa jirra. Yeroo dhihoo keessatti ni deemu,” jechuun BBC’tti himaniiru.

Obbo Akliluun akka jedhanitti lammiileen Libaanoosii bahuuf eeggataa jiran “guyyoota kanatti ni baatu jennee hin himne. Qophii ta’aati eeggadhaa qofa kan jenne,” jedhan.