Aartii Oromoo: Namni aartii gameessi Yonis Abdullaahii eenyu?

Bitaadhaa gara mirgaatti 2ffaarra kan mul'atan Yonis Abdullaahidha

Madda suuraa, Yonis Abdullahi

Ibsa waa'ee suuraa,

Yonis Abdullaahii Moqadishootti (bitaadhaa gara mirgaatti 2ffaarra)

Sirboota kanneen akka 'Yaa Rabbi na gammachiisi, Oromiyaa bilisoomsi' fi 'Bilisummaan Aannani' jedhaman wallisuuniifi Raadiyoo Moqadiishoorraa yeroo dheeraaf dabarsuun ka beekaman artistiin Oromoo gameessi Yonis Abdullaahii, ''Oromoof waan hedduu gumaachee amma dagatameera,'' jedhu.

Artisti Yonis amma umuriinsaanii gara waggaa dhuma torbaatamaa keessa jira Finfinnee naannawa Boolee Mikaa'el keessa ijoollee isaanii waliin mana xiqqoo keessa jiraatu.

Seenaa artistii gameessa kanaa baruufi maal keessa akka jiran hubachuuf BBCn iyyaafateera.

Guyyaan guyyaadhaa inninuu,

Ni agarra mee wajjinuu.

Kee bareedni qaaliinuu

Na boochise kee amallinuu.

Obsi mee itti dhiisi,

Guyyaan fida bariisiisi.

Magaalaa Dirree Dhawaa, naannoo Qabrijoollee jedhamutti dhalatanii guddatan.

Haati isaanii ijoollummaatti umurii jahaatti jalaa waan du'aniif, of jiraachisuuf jecha hojiiwwan haalawaa, baaqlaawaa fi daabboo gurguruun tattaafachaa turan.

Ijoolluummaarraa qabee muuziqaawwan biyyoota Sudaaniifi Hindiif jaalala akka qaban ka dubbatan artistiin kun, ijoollummaatti baandii Afran Qallootti dabalamuu himu.

Umriinsaanii ganna 16 yogguu gahu, sirba Sudaan Afaan Arabaatiin wallifamee ture, artistii gameessi biraa kan amma lubbuun hin jirre, Abubakar Muusaa waliin tahuun gara Afaan Oromootti hiikan.

Guyyaan guyyaadhaa inninuu,

Ni agarra mee wajjinuu.

Akkamiin biyyaa bahan?

1960'oonni seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti kan iddoo olaanaa qabudha. Barattoonni Yunivarsiitii keessa jiran lafti qonnaan bulaaf akka deebiyu mormii sirna fiwudaalaaf qaban kan itti dhageessisaa turanidha.

Gama kaaniin uummanni Oromoos waldaalee kanneen akka Maccaafi Tulaamatti jiran keessa of ijaaraa wayita turedha.

Hayyoonni kan akka Sheekh Bakrii Saphaloofaas gama barreeffama dagaagsuun, dagaagina Afaan Oromoof gumaacha taasisaa wayita turanidha.

Wayita kana dargaggeessa ka turan artis Yonis Abdullaahis, sirboota Afaan Oromoo dargaggoota kaan waliin walijaaruun wellisuu eegalan.

Sirbisaanii jalqabaa kan Afaan Arabaarraa Abubakar Muusaa hiikeefi Afaan Oromootiin taphatan sun rakkoo dhalte.

Mootummaan wayita sana biyya bulchaa ture, bulchiinsi mootii Hayilasillaasee, isaaniifi dargaggoota Afran Qalloo hidhuuf akka ture oduun dhaqqabnaan ''Maanguddoon teenya dhoksitee biyyarraa nu baafte,'' jedhu.

Walaloon sirba kana keessa jiru, keessattuu ''Obsi mee itti dhiisi, guyyaan fida bariisisi'' jedhu sirba siyaasaatti jijjiirame jedhu.

Sirba kana jaalalaaf jedhanii akka weellisaa turan ka dubbatan aartistiin kun, bara sana ''Afaan qottuu malee, Afaan Oromoo jechuunillee hin heeyyamamu ture,'' jedhu.

Miseensota baandii Afran Qalloo hundeessan keessaa tokko kan turan, namni aartii kun, boodarra miseensonni baandii Afran Qalloo baayyatanii jennaan iddoo lamatti addaan qoodamne jedhu - Biiftuu Ganamaafi Urjii Bakkalchaa.

Haala kanaan umuriinsaanii ganna 16 wayita turetti gara Jabuutiitti baabura keessa dhokatanii baqatan.

Isaan waliin warreen baqatan keessaa miseensonni baandii Afran Qalloo lubbuun hin jirreefi kan jiran keessatti argamuu ni yaadatu - Alii Birraa, Abdullaahii Alishoo fa'i.

Erga achi gahanii takka bubbulan boodas, maanguddoonni biyya jiran biyyi tasgabbaa'eera deebi'aa akka jedhaniin kan himan Aabb Yonis, ''aboo ani hin deebiyu,'' jechuun achumaan akka hafan dubbatu.

Akka isaan jedhanitti warri kaan gara biyyaa wayita deebiyanitti, ''Jimaa gurguruu Hargeessaarraa dhufe,'' jechuun isaan gara Hargeessaa cehan.

Hargeessaarraas imala guyyoota 11n booda Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo galan.

'Afaan Oromoo raadiyoo cabsa'

Yeroo hedduu mootummoota dabran keessa jecha ''Afaan Oromoo raadiyoo cabsa'' akka jedhamaa ture ni dhageenya. Haatahu malee, akkaataa dhufaatiisaa wanti ifa tahe hinjiru.

Bara artist Yonisfaa biyyaa bahuusaaniitiin duratti wanti kun uumamuu BBCtti himaniiru.

''Dirree Dhawaa wayita turetti raadiyoo gubbaa sirboonni afaanota garagaraa ni deemu turan - Afaan Oromoo garuu hin turre,'' kan jedhan artistiin kun ''Raadiyootti isinii geessina sirboota torba fidaa jedhamne,'' jedhu.

''Dubbiin keenya heeddummaatee jennaan, namni mootummaa yeroo sana tureef dalagu Koloneel Furree jedhamu sirboota fidaa nuun jedhee, nutis marree (waraabnee) geessine.

Torban tokko booda deebiyee dhufee 'waan ajaa'ibaan sinii hima' nuun jedhe. 'Afaan qottuun kun jabaadha' nuun jedhe.

Sirba Afaan Amaaraa yogguu irra kaa'an ni taphata. Afaan Somaalees ni taphata. Afaan qottuu (Oromoo) yogguu irra kaa'an [sagalee addaa dhageessisa].

Kanaaf Afaan kun raadiyoo hin seenu, ni cabsa nuun jedhe. Kanaaf kana dhiisaatii ganduma gandatti taphadhaa nuu jedhe,'' jechuun dhufaatii hima kanaa ibsan.

Moqadiishoofi Raadiyoo Moqadiishoo

Sagantaan Afaan Oromoo Raadiyoonii Moqadiishoo hayyuu amantaa Islaamaa kan ta'an Sheek Mohaammad Rashaad Abdulleen hundeeffamuun himama.

Sheek Mohaammad Rashaad wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan.

ALA 1965ttis sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu kan jalqabe tattaaffii isaan godhaniin ta'uutu dubbatama.

Afaan Oromoon dabalataan Afaanota Swaahilii fi Amaaraanillee kan darbaa ture yogguu tahu, Ayyub Abubakar ka Afaan Oromoo, Geetaachoo Gaarradoo ammoo Afaan Amaaraan dabarsu turan.

Yonis Abdullaahis dargaggummaan yeroo jalqabaaf gara Somaaliyaa wayita dhaqanitti, namni beekanis tahe, iddoo itti qubatan akka hinqabne nutti himan.

''Fedhiidhuma Afaan Oromoon sirbuutu achi na geesse,'' jedhu.

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Achi wayita gahanitti ijoollee Dirree Dhawaatti dur beekan, kan hojii daldalaa hojjechaa turan argatanii isaaan bira jiraachuu eegalan.

Yonis achi gahuusaatiniin dursee Ayyub Abubakar Raadiyoo Moqadishoorratti Afaan Oromoon oduu akka dabarsu daqiiqaan 15 kennameefii ture.

Sagantaa kanaanis oduun biyya keessaa mootummaa Hayilasillaasee irratti xiyyeeffate darba ture.

Yonisis akkuma achi gaheen ijoollee biyatti beeku sanaan, gaazexeessaa gameessicha Ayyub Abubakar biratti na geessaa jedheen.

Achis Ayyub bira dhaqanii sirbuuf fedhii akka qaban itti himan.

Ayyubis ''ati ijoolleedha ni dandeeysaa?'' jedhee gaafannaan Yonisis eeyyeen dandeettiisaa akka qabu itti hime.

Akkasiin Ayyub Abubakar carraa raadiyoo irratti sirbuu kennaniif.

''Wayita sana akka ammaa miti, waraabanii dabarsuun hinturre. Kallattiidhumaan istuudiyoo seentee yeroodhuma sanatti dabarsita. Ganamas tahe galgala koottu sin jennaan, uffatteetuma maayikiroofoona bira dhaabbatta.''

Bara Itoophiyaa keessa 'Afaan Oromoon raadiyoo cabsa' jedhamu sanatti, ''Obsi mee itti dhiisi sirba jettuun fuudhee gale guyyaa jalqabaaf,'' jedhu.

Erga Yonis Raadiyoo kana gubbaa hojii eegalee booda, sagantaan daqiiqaa 15 ture gara 30tti ol guddate.

Kanaanis oduun alatti yeroo jalqabaaf sirbi lama itti ida'amte.

Bara sana keessa miindaan isaanii shilingii Somaalii 490 akka tures ni yaadatu.

Du'a Ayyub Abubakar booda

Sirboota kanneen armaan gadii jiran kanafaa taphachaa raadiyoo Moqadiishooo irratti Ayyub waliin dabarsan.

Bilisummaan aannanii, nama beekutu dhuga

Kan bilisummaa hin beeyne, bira taa'ee muga.

Boodarra mootummaan Hayilasillaasee ALA 1968 qondaaltota nageenyaa gara Somaaliyaatti erguun Ayyub ajjeesan jedhu.

Erga Ayyub du'e booda, Abubakar Muusaatu iddoosaa bakka bu'e jedhu.

Du'asaatiin booda mootummaan Somaalii nageenyasaanii eeguuf jecha mana jireenyaa akka kennaniifi namoota nageenya isaanii eegan afur ramadaniifi akka turan yaadatu.

Turtiisaanii waggoota 25 olii keessatti torbanitti yoo xiqqaate walleewwan haaraa sadi sadi maraa yookaan waraabaa akka turan dubbatu artist Yonis.

Baay'ina walleewwan isaaniis yogguu ibsan ''Yoon argee dhagaye malee sirbootakoo hin beeku,'' jedhu.

Achuma Somaaliyaatti maatii godhachuun ijoollee kan horatan artist Yonis, boodarra ALA 1993tti achii bahuun gara Jabuutii deebiyan.

Dubartoota Somaalee Afaan barsiisuun waliin wallisaa turan

Anatu si jaallee na didin,

Rabbii je'ii nan lakkisiin.

Yonis jireenyasaanii gara caalu magaalaa Moqadiishootti kan dabrsan yogguu tahu, gumaacha isaan taasisan keessaa, lammilee Somaaliyaa Afaan Oromoo barsiisuun haga waliin sirbuu gahaniiru.

Keessattuu weellistoota dubartootaa - Faaxumaa Qaasim, Mariyam Mursal, Ashaa Abdoo fi Hiboo Nuuraa jedhaman, waliigalatti dubartoota saddeet Afaan leenjisuun waliin sirbaniiru.

''Dubartoota Somaalii kana Afaan barsiisee baandii Oromoo hundeesse. Isaan waliin tahuunis haga tiyaatira agarsiiuu gaheera,'' jedhu Yonis.

Amma maalirra jiru?

Madda suuraa, Maatii Yonis

Mootummoota dabran irraa eegalee dararaa hedduu dabarsanii lubbuun akka as gahan kan dubbatan artist Yonis Abdullaahii, guddina aartiifi Afaan Oromoof hayyuulee gumaacha taasisan keessaati.

''Oromoon dilas nan beektu,'' kan jedhan artistiin kun erga biyyatti deebiyanii as gargaarsuma namootaan akka jiran himu.

''Galii waan takkallee hinqabu, ijjoolluma Oromootu na jiraachisa. Silaa akka hojii kootti konsartii qopheessanii na yaamu turan - kan kana godhe garuu hinjiru,'' jedhu.

Qabsoon isaan waggoota 45 oliif godhaa turaniifis ''waa arguu jalqabuu kootti galata Rabbiiti,'' jedhu.

Gama mootummaa naannoo Oromiyaa dabalatee, mootummaa naannoo Somaaleefi waltajjii magaalaa Jigjigaatti qophaa'eerratti, abbootii qabeenyaa hedduun waadaan isaan gargaaruuf galamee ture.

Haa tahu malee haga ammaatti wanti isaaniif raawwate akka hinjirre dubbatu: ''Obsumaan Rabbi wajjin eeggachaan jira,'' jechuun gaddanii dubbatu.