Koroonaavaayiras: Qorannoon Cov-19'n Afrikaatti xiqqachuun rakkoo akkamii fiduuf deema?

Namticha qorannoo Covid-19 gaggeessu

Madda suuraa, EPA

Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii birqabaan yoo ilaalamu gad-aanaa tahuun, biyyooti Afrikaa weerara hamaa kanarraa dandamachuu danda'u jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.

Haa tahu malee namoonni of eeggannoo akka jabeessan gorseera.

Ogeessooti fayyaa Afrikaa lakkoofsi namoota qorannoon taasifameefi xiqqoo tahuu irratti waliigalu,kunimmoo vaayirasichi hangam akka babal'ate hubachuuf ni rakkisa jedhu.

Biyya guutummaan guutuutti cufuu caalaa qorannoo fi hordoffii taasisuutu mootummaa sadarkaan dhukkubichaa maalirra akka jiru beekuuf isa gargaara jedhan.

Biyyoota 50 Afrikaa keessatti imaammata qorannoo garaagaraatu jira waan taheef namoota qabaman adda baasuun rakkisaa tahuu mala jedhu.

Milkaa'inni vaayirasii kana otoo hin hammaatiin ittisuu irratti argameera, namoonni qabamanis akka biyyoota addunyaa biroo saffisaan hin daballe.

Biyyooti tarkaanfii saffisaa sadarkaa garaagaraa qabu fudhataniiru. Biyya guutummaa guutuufi cufuu, walgahii namoota bayyee dhorkuu, yeroo sochii namootaa daangeessuu fi daangaa isaaniillee cufataniiru.

Afrikaa Kibbaa, Kaameeruun, Moorishiyasfi Naayijeeriyaa keessaatti qoranooon jumlaa manaa manatti adeemsifameera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Afrikaan Kibbaa hawaasa qorachuu eegalteetti

Biyyooti odolarra jiran kan baayyina uummataa xiqqoo qaban fa'a immoo lakkoofsa namoota dhukkubichaan qabaman gad-aanaa galmeessisaniiru.

Siisheels biyya nama Covid-19 qabame boodarra gabaaste, kanaanis namooti 11 yoo qabaman hundumtuu dhukkubicharraa bayyanataniiru.

Naamiibiyaan hanga dubartooti dhukkubichaan qabaman Afrikaa Kibbaa irraa biyyattii galanitti nama dhukkubichaan qabame hin qabdu ture.

Moorishiyes illee namoota Hindii irraa deebi'an lama vaayirasichaan qabamuu erga gabaastee baatii tokko darbeera.

Afrikaan Kibbaa namoota 1000 keessaa 10 qorachuun sadarkaa fooyya'aa irra jiraattus, Afrikaan akka arditti sadarkaa irra jirtu hubachuun garuu ni rakkisa jedhameera.

Daarikatarri Dhaabbata Ittisaa fi To'annoo dhukkubaa Joon Inkeengaasoong ji'a Caamsaa kana keessa Afrikaatti namoota miiliyoona 1.3 qofatu qoratame, kunimmoo nama 1000 keessa nama tokko jechuu dha jedhu. Kunis tahee biyyoota gidduutti garaagarummaa guddaatu jira jedhu.

Moorishiyes namoota 73,000 qorachuu beeksisteetti kuni lakkoofsa uummataa qabduun yoo ilaalamu nama 1000 keessaa 63 qoratteetti jechuu dha, lakkoofsi kun kan Jarmanii fi UK ni caala.

Chaadii fi Maalii keessatti nama 1000 keessaa namni lama illee hin qoratamne. Naayjeeriyaattillee qorannoon jumlaa gahaa tahe hin adeemsifamne.

Biyyoota kanneen akka Taanzaaniyaa immoo qorachuu dhaabaniiru.

Pirezidant Joon Maagufuliin lakkoofsi hir'achaa jira jechuun guyyaa galataa qopheessaa turan.

Biyyoota nama muraasa qorataa jiran keessatti sodaan namoonni otoo hin beekamiin qabamaa jiru jedhutu jira.

Dr Joon garuu namootni baayyee otoo hin beekamiin qabaman jiru jedhee hin yaadu jedhu, sababiinsaa immoo hawaasa keessatti namoonni dhukkuba hin beekamneen du'aan waan ibsameef.

Haata'u malee, naannoo bu'uraaleen fayyaa gahaa hin jiretti namoota dhukkubaan qabaman adda otoo hin baasiin hafuun waan baramedha.

Afrikaan meeshaalee ittiin Covid-19 qoratamu hanqina qabachuun rakkoo isa biraati.

Biyyoota Awurooppaallee ofii weeraraicha to'achuutti waan qabamaniif Afrikaa saaxile jedhameera.

Dhaabbnni daldalaa onlaayinii Chaayinaa Jaakmaa Faawudeeshin meeshaalee Covid-19 qorachuufi eeggannoo gargaaran kumaatamaan Afrikaaf arjoomeera.

Hayyoonni Afrikaa garuu ardiin kun gargaarsa alaa irratti hirkachuu hin qabdu, furmaanni kalaqa biyya keessaa jabeessuudha jedhu.

Dhaabbanni To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa Afrikaa (CDC) tattaaffii dhiyeessi miyoota kanaaf Afrikaan taasiftu hogganaa jira.

Kanaanis biyyoota qorannoo namoota miiliyoona 10 -15 gochuuf karoorafatan gargaara. Qorannoon hanguma dabalaa adeemu lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii ni dabala,keessumaa biyyoota vaayirasichi hawaasa keessatti tatamsa'aa jirutti.

Afrikaan tarkaanfii qabatamaa taasifteen vaayirasichi saffisaan akka hin babal'anne taasifteetti ta'uu mala,yeroon fuuldura jiru garuu dhiibbaa dhukkubichi qaqqabsiise ni agarsiisa.