Walitti bu'iinsa Libiyaa: Balaan Raashiyaafi Tarkii Siriyaa biraa Afirikaa keessatti uumaa laata?

Mormtoonni Liibiyaa Kahaalifaa Haftaariin mormuun bahanii

Madda suuraa, AFP

Liibiyaan yeroo hamaa goolabaa kan jirtu fakkaattuyyuu biyya wal-waraansa waliiniin raafamaa baate gatii taateef haalli foyya'aa akka dhufu waanti mirkanaa jiru.

Bara darberraa kaasee nama jabaa baha Liibiyaa kan jedhamu Jeneraal Kaaliifaa Haaftaar magaala guddoo biyyattii Tiriippooliidhaan to'achuuf yaalaa ture.

Tarkiin mootummaa Tiriippoolii Mootummoota Gamtoomaniin beekamti argate waliin lolatti makamteetti. Loltoonni Jeneraal Haftaar meehsaalee Raashiyaan gargaartu waliin gara duubaatti deebi'aa jiru.

Ammallee kun lammiileen Liibiyaa nagaa argachuu hin agarsiisu. Biyyi isaanii boba'aan badhaate mirga isaanii akka kabachistu dha abjuun isaanii. Mirgas,nagaas hin qaban.

Warreen mana isaanii hin dhabne weerara Covid19n booda mana isaanii cufataniitu jiru. Haleellaan akka irra hin geenyes sodaatu, waraanichi kiliinikaa fi hospitaala baayyee barbadeesseera.

Lixa Libiiyaattii qofa namooti 200,000 qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru jedha dhaabbati Hiyuumaan Raayits Wooch.

Egereen Liibiyaa maal fakkaata?

Hojjettuun Hiyumaan Raayits Waach Haanaan Saalaah Liibiyaan 2011 irraa qabee biyya abbaa hin qabne taatee jirti jetti.

Qaamoti waraanaa gama kamiinuu jiran namoota nagaa akka malee miidhaa turan,keesumaa gama Jeneraal Haaftaariin haleellaawwan yakka waraanaa tahuu danda'an galmaa'aniiru jetteetti.

Madda suuraa, AFP

Amma amanuuf rakkisus jalqaba yeroo Koloneel Gaadaafiin angoorraa bu'an Liibiyaan egeree gaarii waan qabaattu fakkaatti ture.

Liibiyaan galaana Meditaraaniyaanii waliin daangaa km2000 qooddatti,iddoowwan hambaa seenaa Xaaliyaanii waliin qixxee tahanis qabdi.

Garuu Liibiyaan waggaa kudhan dura kan diigamuu jalqabde ammallee barbadaa'aa jirti.

Erga Koloneel Gaadaafiin aangoorraa bu'anii biyyattiin sirnaan bultee hin beektu. Namoonni itti gaafatamummaa mootummaa gurguddaa irra jiran waan mootumma hunda qabataniitu turan.

Lammiileen Liibiyaa qabsaa'ota ofiin jedhan immoo biyyoota jajjabaa irraa gargaarsa gaafachuuf qophii hin turre.

Biyyooti alaa gama isaaniin immoo erga Gaadaafii buusaniin booda hojii xumurree jedhan.Biyyi akka ijaaramtu gargaaruun seenaa biraa dha.

Biyyattiin bulchiinsota xixxiqqootti hirmuuf yeroo hin fudhanne.

Milishoonni ajandaa ofii gatii qabaniif qawwee isaanii lafa kaa'uu hin fedhan. Marii fi araarri gama dippiloomaatotaa fi biyyootaan taasifames hin milkoofne ture.

Jeneeraal Haaftaar bara 2014tti garee warra Islaamummaa dhaadhessu Beengaazii irraa balleessuun of jabeessee mula'te.

Jeneraalichi Liibiyaa keessatti beekamaa dha. Gaaadaafiin akka aangoorraa bu'uuf Ameerikaa,Vajiniiyaa taa'ee shira xaxaaa ture.

Dhumarratti Jeneraala kanaafii mootummaan Tiriippoolii bulchu gidduu lolli eegale. Biyyattiin immoo silumaa diiigamaa jirti kan caalu tahaa dhufte.

Liibiyaa eenyutu to'achaa jira?

Madda suuraa, AFP

Warreen Ministira Mummee Faayez al-Siraaj deeggaran• Tarkii• Kaataar• Xaaliyaanii

Warreen Jeneraal Haaftaar Kaaliif deeggaran• Yuunaayitid Arab Imireets• Joordaan• Masrii• Raashiyaa• Firaans

Yeroo waraanni walii waliinii jiraatu humnooti alaa gidduu galuun waan hin hafne dha. Liibiya irraa baayyeetu fedhii qaba.

Kuufamni boba'aan Afrikaa inni guddaan achitti argama. Uummata immoo miiliyoona torba qofa qabdi.

Qubsumaan immoo faallaa ardii awurooppaa waan jirtuuf boba'aa karaa Meeditaraaniyaanii daldaluuf mijataa dha.

Biyyoota oomisha boba'aan naannichaa wal dorgomaa karaa balaa qaburra deemaniiti oomisha isaanii daldalu. Ameerikaan humnoota lameen kana yeroo garaagaraa jajjbeessaa turte.Ejennoon ishees ifaa miti.

Amma sodaan inni guddaan pireezidaantiin Raashiyaa akkuma Siiriyaa keessatti hundee jabeefate Liibiyaattis akka irra hin deebine dha.

Waraannii Liibiyaa kan Siiriyaa fakkaachaa jira. Egeree fi carraan biyyoota lamaan kanaa harka humnoota alaati jira. Tarkii fi Raashiyaan waliigaltee karaa hoggantoota isaanii Siriiyaa irratti raawwatani dha kan isaan Liibiyaa keessatti raawwachaa jiran taha.

Dirreen waraana isa olaanaa

Barreessaan Jarman Woolfaarm Laachar addaan diigamuu Liibiyaa irratti kitaaba barreesse, pireezidaantonni Tarkii fi Raashiyaa isa Jeneeraalichi Tiriippoolii haleelu dhaabsisanii miidhama qaqqabuuf itti gaafatamummaa fudhachuu danda'u ture jedha.

''Waa'ee biyyoota alaa lamaan dhiibbaa Liibiyaa irratti uumuuf wal dorgomaa jiraniitii haasa'aa jirra fedhiin isaanii kunis itti fufuu mala,'' jedheera.Kuni garuu humnoota kaaniifi ummata biyyattiin fudhatma qabaachuu nan shakka jedheera.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Gaggeessaa duraanii Liibiyaa Maammur Gadaafii

Waraanni itti aanu guddaan iddoo Taarhunaa jedhamtutti gaggeefama. Kunis Magaala guddoo biyyattiirraa kibba-bahatti km 90 fagaattee kan argamtu dha.

Nannoon kun humnoota Jeneraal Haaftariin kan qabame yoo tahu, loltoonni baayyeen loltoota duraanii Gaadaafii al-Qaaniyaat jedhamani dha.

Mormitoota Gaadaafii kan turaniifii amma immoo mootummaa Tiriippoolii kan deeggaranis gara Taarhunaatti adeemaa jiru.

Bulchiinsa duraanii waraanuun ammallee dhimma Liibiyaa hin dhumne dha.