Lammii Itoophiyaa ogummaa isheetiin Jarman deeggaraa jirtu

Dr Mitsilaal Kifilayuus Maachii

Madda suuraa, Mitslal Kifleyesus-Matschie

''Biyyaan itti dhaladhee Itoophiyaas ta'ee biyyan keessa jiraadhu oogumma kiyyaan deeggaruuf dirqama narra jira. Dirqamni kiyya dhaloota itti aanuuf,'' jettii Dr. Mitsilaal Kifilayasuus.

Doktar Mistilaal amma biyya Jarmanii jiraataa kan jirtu yoo ta'u, seenaashee akkasiin BBC'tti himte jirti.

lItoophiyaatti Doktar Mitsilaal Kifilayasuus jedhanii na waamu. Biyya kanatti waanan lammii biyya kanaatti heerumeefu, Mitsilaal Kifilayasuus Maachiin jedhama.

Daa'imummaa kiyyarraa qabee waraana dhaabsiisuun hawwa ture. Dhaabbata Biyyoota Gamtomaaniitti to'annoofi hir'isuu meeshaalee waraa keessa hojjachuu kanaan eegalee wayita waggaa 21 jiru ture.

Tibban Motummoota Gamtomaniitti hojjataa tureettis, namoota waa'een meeshaa waraanaa kemikaalaa akka ajandaa guddaa yaa'ii dhaabbatichaa ta'uuf hojjatan keessaa tokkoon ture. Biyyoota mallattesuun barbaachisu 76 keessaa 23 akka mallatteessan kan taasisee ana.

Gareen kiyyas kana mirkaneessisuu isaatti badhaasa noobeelii nagaa badhaafamee ture. Tibba sanattis dubartii lammii Itoophiyyaa qofaa kiyyan ture.

Ammas taanaan hojjataa kanan jiru meeshaaleen waraanaa keemikaalaafi baayologiikaalaa akka badaniifiidha. Waggoota muraasaan asi ammoo, omisha qonnaa irratti hojjachuu eegaleen ture.

Biyyatti karaa saayinsaawaa ta'een qonnaan bultoota waliin hojachuun yeroo jalqabaatiif miidhaan Itoophiyaa keessa biqilan Jarmaniifi Jaappaan keessatti fudhatama akka argatan taasiseera.

Amma yeroo kanatti ammoo koronaavaayirasiin erga eegalee kaasee gama yutuubii 'Saayinsiifi teknolojiin koronaavaayirasii' fi 'Inar Jarnii' jedhaman lamaatiin tajaajila ragaa kennaan jira. Kanas caliseetuma hineegallee ture.

Hakiimoonni fi Narsoonni biyya Jarmanii kana jiran, erga waan Xaaliyaanii mudate hubatanii booda baayyee naasuun qabee ture.

Kana duras waltajjiiwwan adda addaarratti waa'ee haasaa nageenya keessoo taasisee waanan tureefu, akka deeggarsa taasisuuf gaaffiin naaf dhiyaate. Anis karaa namoota hunda ni fayyada jedheen yutuubii saaquun haasaafi tajaajila kana qooduu eegale.

Haasaa kiyya jalqabaas attamiin sodaa ofii mo'achuun akka danda'amurrattiin dhiyeesse ture. Haaluma kanaanis sodaa keessaa bahuuf imala jaalalaa kan jedhu Yutuubii eegale. Kana eegalu kiyyattis namoonni hedduun na galateffataniiru.

Wayitan waa'ee jaalalaafi imala keessoo kenyaa dubbadhuutti namoonni baayyeen keessattu lammiile Itoophiyaa biyya jiran, kanan waa'ee imala amantaa odeessuu itti fakkaata.Wal fakkaatulleen ani garuu waa'ee imala saayinsaawaan dubbataa ture.

Fakkeenyaaf dure maatiiwwan keenya namni tokko tokko wayita dhukkubsatan 'kun kan sanyiirraa dhufe' wayita jedhan dhagahamu. Kunis an saayinsiidhaan 'genetics' jedhuudha. Dhukkubboonni qaccee sanyiitiin dhufan jiraatan illeen amma deeggarsa saayinsiitiin mo'achuun akka danda'amu ni beekama.

Kaayyoon Yuutiyuubi kiyyaa inni guddaanis qaawwa amantaa osoo hintaane afuuraafi saayinsii jidduu jiru cufuudhaaf.

Namoonni yeroo baayyee dhukkuboonni akka sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa sanyiin kan darban ta'u dubbatu. Dhukkubbiin sammuus akkasuma sanyii darbu danda'a. Bakkatti mullachu baatan illeen haalli wayita namaa sanatti tolu baate yero eeggatanii mullachu malu.

Namoota haala akkasii keessatti argamani fala akka argataniif gargaarsatu barbaachisa. Nammooni falawwan dhiyaataniif fudhachuuf banaa ta'e ammoo rakkinicha xiqqeessuuf carraansaa olaanaadha.

Namni tokkos gargaarsa gaafachu kan qabaatu erga rakkinisaa humnaan ol ta'een booda osoo hintaane jalqabumarraa ta'u akka qabaatuun gorsa. Keessattuu aadaa biyya keenyaatti dhukkuba sammuu ni dhoksama. Kuni ammoo baayyee kan gargaaru miti.

Keessattuu haala amma addunyaan keessatti argamtu kan hunda keenyayyuu yaadeessuudha. Kanaafuu yaadni gorsaa ani dheessaa jiru kunis baayyee kan fayyadu natti fakkaata. Biyya keenyaatti malliwwan amantaafi afuuraa sammuu namootaatiif nageenyaafi tasgabbii kennan hedduutu jira. Isaan kanas saayinsiidhaan imala 'tiraansformeeshinii' jennaan.

Innis fala ofi dhaggeeffachuun dhufu yoo ta'u, kunis haalawwan daa'imummaa keenya irraa jalqabne barree geedaruunf yaaluu jechuudha. Wantoota eenyummaa keenya ibsaniifi haalawwan daa'immummaa keenyarraa kaafne barannee sana geedaruun ammoo hojii barbaada.

Namoonni ofii isaanitiif ofi gargaaruu hindandeenyee ammoo deeggarsa qorichaa argachu qabaatu. Kun dhimma mataasaa danda'e waan ta'eef ani kan irratti xiyyeeffadhu dhimmoota sanyiidhaan dhufan ykn barmaatilee naannoo keessatti guddannee irraa barannee adda addaa hayyamummaadhaan keessaa bahuurrattan deegarsa kennaa jira.

Fakkeenyaaf Jarmaniitti yaadannoon waraa sanyii namoota hedduu keessa waan jiruuf, dhiphina weerara koronaavaayirasii baayyee hirriseera. Anis amma haaliichi darbuutti akka tasgabbaa'aniif baayyeen gargaaraa ture.

Osoo koronaavaayirasiin hindhufiin duras akkasum baayyee gargaaraa ture. Namootan hanga Itoophiyaattilleen fuudhee deemee akka tasgabbii sammuu argatan taasisee illeen jiru. Amma imaluuf haalli waan hinmijanneef falwwan adda addatti fayyadamun gargaaraan jira.

Fakkeenyaaf namoonni sababii Covid-19 kanaan qabeenyaa dhaban, kan idaan irra jiru, kan hojiirraa hirrifaman hedduudha. Namoonni kunneen akka waan boolla keessa jiraniitti waan itti dhagahamuuf, isaaniif gorsan kennaaf jira.

Kanan goorsuuf haaluma qabatamaa addunyaarra jiruurratti hundaa'iin malee harraa jireenya addaatti akka ce'an miti. Jireenya isaanii duraan keessa turan yaaduun ammas yoo lubbuufi nagaan jiraatana gara sanatti deebii'uuf akka hindadhabeenan itti hima.

Dabalataanis, Maal ta'u akka hawwaniifi yaadan qofaarrratti akka xiyyeeffatanan gorsaa fi jajabeessaa jira.