Koronaavaayiras: Sodaa dhibee Covid-19 namoonni Finfinneerraa baadiyyatti godaanuun yaaddoo uume

Nama ho'ii qaanaa safaramaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Sodaa Koronaavaayirasiitiif jecha godaansi Finfinneerraa iddoowwan biraatti taasifamu yaaddoo dhukkubicha babal’isuu uumaa jira.

Magaalaa Finfinneetti erga lakkoofsi namoota dhibee Koronaavaayirasiidhaan qabaman dabalaa dhufee namootni magaalitti keessaa bahuun gara baadiyyaatti baqatan jiru.

Namoonni Finfinneedhaa bahan kunneenis irra caalaan sababa magaalatti keesssatti koronaavaayirasiin babal’achaa jiruuf sodaarraa kan madde ta’us, kaan ammoo sababa hojiin akka durii hin jirreef qaala'iinsa jireenyaa dandamachuuf ta’uutu himama.

Hogganaa itti aanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa, magaalaa Finfinnee irratti baay’inaan mul’atus godaansi gara maatii kuni magaalota biroo keessattis mul’achaa jira jedhan.

Imalli akkanaa kuni dhibeen kuni sadarkaa hawaasaatti akka babal’isuu waan danda’uuf yaaddoo guddaa ta’aa dhufuusaa eeran.

Namoonni imala akkanaa taasisan ofii isaaniitiif sodaatanii gara maatii isaaniitti yeroo galanitti adda ofbaasanii turuu akka qabanis dhaamu.

“ Namni magaalaa bakka vaayirasichi babal’aterraa bahee gara godina fi aanaa isaatti galu calliseetuma galee maatiitti dabalamuu hin qabu. Kuni saaxilamumaa guddaa fiduu waan danda’uuf ofeeggannoo guddaa barbaada. Dhibee kana babal’isuufis yaaddoo guddaadha” jedhan

Namni magaala Finfinnee irraa gara maatii isaatti wayita imalutti geejjiba keessattii fi iddoowwan adda addaatti saaxilamummaa guddaa waan qabaatuuf ofii isaatiifis qabamuuf carraa bal’aa uumuu akka malus akeekan.

Sodaa Koronaavaayirasiirraa maddeen lakkoofsi namoota magaalaa Finfinnee irraa bahuun gara magaalota biroo fi baadiyyaatti godaananii qorannoodhaan adda bahee lakkofsaan ihin beekamu. Baqannaan akkanaa garuu sodaarraa akka maddee Ministeerri Fayyaa ibseera.

Ministeera Fayyaatti daayirektarri Kominikeeshinii Dr.Taganee Raggaasaa BBC’tti akka himanitti, yeroo koronaavaayirasiin babal’achaa jirutti bakkaa bakkatti imaluun saaxilammummaa ofii fi maatii dabalaa jedhan.

“ Gochi akkanaa sirrii miti. Finfinneetti namni baay'een waan qabameef dhukkubichi iddoo biraa hin jiru jechuun hin danda’amu. Falli guddaan bakkaa bakkatti dheessuu osoo hin taane,bakka jirru teenyee ofeeggannoo gochuudha.” Jedhan.

Dhukkubichi yeroo kamii fi bakka kamittuu nama qabuu waan danda’uuf magaala tokkorraa gara kan biraatti dheessuun waan jalaa bahamu mitis jedhan.

Koronaavaayirasiin yeroo jalqaba Itoophiyaatti argamee fi amma walbira qabamee yoo madaalamu ofeeggannoon taasifamuu hir’atee, namni ofdagachuun haala yaaddessaa keessa jiraachuu mul’isas jedhu.

“ Qabamuudhaan yoo ta’e, kunoo guyyaa guyyaadhaan lakkoofsi dabalaa jira. Keessumaa Finfinneetti waan ta’aa jiru argaa jirra. Namni lubbuun darbus dabalaa dhufeera, Kuni nama yaaddessaa, Haala amma jirruun boru sababni mana hunda keenyaa hin dhufneef hin jiru” jedhan.

‘Finfinnee keessa malee naannoo keenyatti yaaddoo hin taane’ jedhanii ofadagachuun dabalaa jiraachuus eeran.

Magaalota hedduu keessatti tibba namni jalqaba koronaavaayirasiin irratti argametti sodaa fi ofeegannoon namootnii fi magaalonni taasisan guddaa turus amma hunduu laafeera.

Iddoowwan harka dhiqannaa bakka hundatti qophaa’anii turanis amma baay’inaan tajaajila hin kennan.

Itoophiyaatti yeroo namni tokko qofti qabame ofeegannoon cimee ,yeroo namni qabame kuma caaletti ammoo ofeeggannoon laafeera.