Poolisoonni Ameerikaa yoo nama ajjeesan maaliif hin himatamne?

Poolisoonni Ameerikaatti badii dalagan heera mootummaarra mirgoota jiran akka malee cabsitaniittu jedhamuun ragaan dhiyaachuu baannaan hin adabamani

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Poolisoonni Ameerikaatti badii dalagan heera mootummaarra mirgoota jiran akka malee cabsitaniittu jedhamuun ragaan dhiyaachuu baannaan hin adabamani

Ameerikaa keessatti poolisoonni lubbuun namootaa harkasaaniitti badullee wayita himataman hidhargamu. Kunis akka caalaa gara jabiinaan tarkaanfii lubbuu namootaa keessattu kan gurraachaa balleessaan akka raawwataniif akka kakaasuu dubbatuu namoonni tokko tokko.

Dhugumattis haalli du’aatii Joorji Filooyid adda ta’uu mala.

Lubbuusaa baasuun kan shakkame Deereekis ta’e warreen isa waliin turan iyya hedduun booda to’annoo jela oolfamaniiru.

Kana jechuun garuu akka gurraachonni Ameerikaa hedduu abdatanitti adabbii jabaa ta’een adabamu jechuu miti.

Ajjeechaan Joorji viidiyoodhaan waraabamee addunyaan waan ilaaleef malee, gochi akkasii Ameerikaaf birqii miti.

Lammiileen nagaa hedduun lubbuu isaanii harka poolisiitti dhabu. Baay’inni isaaniis gurraachotaafi warreen Kibba Ameerikaarraa dhufan (Hiispaaniik) warra jedhamani dha.

Poolisoonni lubbuu baasan hedduun hojiirraa ari’amu ta’inna malee himatamanii adabamu jechuun hin danda’amu.

Lakkoofsis kan agarsiisu kanuma. Ameerikaatti lammiileen 1200 ta’an poolisiidhaan ajjeefamu.

Kunneen keessaa poolisonni %99 taan osoo hin himataminiifi balbala mana murtii osoo hin ga’in irra darbama. Maaliifi?

Kuwaalifaayid Immiiyuunitii: Poolisoota Ameerikaaf seera eegumsa taasisu

Ameerikaatti warreen seera kabachiisan seera addaa himatamuurraa isaan oolchu qabu. Mee ragaadhaan deeggarree haa ilaallu.

Tarkaanfiiwwan poolisoonni fudhata galmeessuun kan beekamu piroojektiin ‘Maappiing Vaayolansi’ 2013 hanga 2019’tti lammiileen 7,666 akkamiin akka du’an kaa’eera.

Kanneen keessaa himanni kan irratti baname 99 qofaadha. Waliigala keessaa %1.3 jechuudha.

Kan caalaatti nama ajaa’ibu ajjeechaawwan 7,666 keessaa himanni irratti banamee qaamoleen nagaa kabachiisan balleessaniiru kan jedhame 25 qofarratti.

Kana jechuun waggoota kanneen hundatti poolisoota 25 qofarratti mannu murtii balleessitan jedhee adabeen jechuu dha.

Inistitiyuutii Kaatoo Waashingitanitti pirezdantiin itti aanaa garee qorannoo kan ta’an Kilaarki Neeyilii akka jedhanitti, poolisiin tokko nama ajjeesee mana murtii yoo dhiyaatellee lubbuu sana kan baase haala hin taaneen ta’uu amansiisuu baannaan adabbiin irratti hin murtaa’u.

Sunis kan ta’u ammoo sbaba seera kanaatiini jedhu. Mee fakkeenyota lama haa ilaallu.

Manatti ol-seenee daa’imasheerratti poolisii dhukaase

2014’tti poolisiin tokko osoo shakkamaa ari’uu mooraa dubartii Eemii Koorbiit jedhamtutti utaalee seene.

Ijoolleen ishee ja’a taphachaa turani. Shugguxii isaa akka aggaammatee jirutti akka garaadhaan lafarra ciisan ajaje. Ijoolleenis akka gaafatamanitti godhani.

Kana gidduutti sareen maqaa Biruus jedhamuun waamamu utaalee yoo dhufu, poolisichi irra deddeebiin itti dhukaase.

Boodarra yoo ilaalamu sareen sun poolisicha irratti yaaddoo hin uumne ture.

Rasaasni saree kana bira darbe garuu daa’ima Eemii ganna 10 Daakootaa jedhamu miila isarra rukute.

Akka carraa ta’ee rasaasni sun lubbuu Daakootaa baasuu hafus, miidhaa qaamaa fi sammuu umuriisaa guutuu waliin jiraatu kenneefi. Kanaaf himanni hin barbaachisuuree?

Haati mucaa kanaa manumakotti daa’imni koo poolisiidhaan miidhameera jettee himattus, manni murtii gurra itti hin kennine. Himanni sun ni hafe.

Ulfa ji’a saddeetii osoo jirtuu poolisiidhaan dandiirra kan harkifamte Maalaayikaa

Maalaayikaa Biruuksi ulfa ji’a saddeetii turte. Poolisiin akka tasaa itti dhufee ulee adoochaan al sadii rukutee, konkolaataa keessaa harkisee lafarra kuffise. Fuulaan lafatti gombisee hidheeni.

Kuni yoo ta’u daa’imnishee ganna 11 dhaabbatee ilaalaa ture.

Kuni hundi kan ta’es konkolaataa ariiitiin konkolaachifteetta jedhamteetu. Isheenis waraqaa himannaa hin fudhu waan jetteefi. Yoo fudhatte balleessa isheef ragaa ta’a jechuun waan sodaatteefi.

Boodarras badii irratti raawwatameef poolisicha mana murtiitti himatte. Manni murtichaas himata kana kuffise.

Dararaa hedduun booda, mana murtii al-idileetti beenyaa doolaara 45,000 akka kaffalamuuf murtaa’ee dubbichi xumurame.

Akka Obbo Kilaarkitti, poolisiin badii dalageef balleessaa dha akka jedhamuuf ragaa baay’ee amansiisaa ta’uu baannaan poolisiin mana murtii keessaa kooraa akka ba’u seera taasisu qaba.

Joorji Filooyidiin kan ajjeese itti murtaa’uu malaa?

Akka miistar Kilaarki jedhanitti, seerrii poolisootaaf wabii addaa kennu kun maatiin Joorji Filooyid haqa argachuu qaban isaan dhabsiisuu danda’a.

‘Abukaatoowwan isaaniis waan tokko qofa irratti himanni isaanii gatii argachuu mala’ jedhu Kilaarkis.

"Kunis kana dura manni murtii badii wal-fakkaatuun murteen kenname jiraannaan, kana jechuunis poolisiin morma shakkamaarra jilbeenfachuun lubbuu dabarsee irratti murtaa’ee jira taanaan. Haala kanaan yoo murtaa’eef malee himanni isaanii hafuu mala.’’

Maaliif yoo jenne, manni murticha seer asana kaasuudhaan qaamni nageenyaa hanga yoonaatti himannaa kanaan irratti murtaa’e hin jiru jechuu waan danda’uufi’’ jedhu Kilaarkis.

Maal haa ta’uree?

Seerri fooyya’uu baannaan mormiin kun hundi dhadhaa abidda lixe ta’a.

Lammiileen hedduun mormiif daandiitti yoo ba’an seerri waan jallifamu itti fakkaata. Seerri fooyya’iinsi irratti taasifamuu baannaan, poolisoonni akka fedhan badii dalagaa, gurraachonnis du’aa jiraatu jechuudha’ jedhu Kilaarkis.