Koronaavaayiras: Tibba weerara Covid-19n kanatti miidhaan saalaan walqabate lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa jiraatanitti hammaate

Duniyaa Makoonnin

Madda suuraa, Dunia Mekonnen

Miidhaan saalaa dubartoota lammiilee Itoophiyaafi Eritiraarra gahu Covid-19n duras taanaan hedduudha. Haata'u malee, Covid-19n dura namoonni miidhaaf saaxilaman rakkinasaanii namoota biraatiif qooduuf carraa qabu ture.

Amma garuu erga sababii dhukkua kanaatiin uggurri sochii kaa'ameen booda akka duraatti namootaan wal arguun waan hafeef, miidhaan dubartootarra gahaa jiru cimaa deemuu oggeettiin seeraa Aaddee Duniyaan Makoonniin ni dubbatti.

Duniyaa Makoonnin oggeettii seeraa yoo taatu biyya Ameeriikaa jiraatti. Diigrii jalqabaa seeraan Itoophiyaa keessatti erga baratteen booda, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbilee mit-mootummaa adda addaa ogummaa mirga namoomaatiin tajaajilteti.

Oggeettiin kun sarbama mirga daa'immaniifi dubartootaarratti fuulleffattee hojjataa turuu himti.

Carra barnootaa argatteen digrii ishee lammaffaa Yunivarsitti biyya Ameerikaatti argamu Joorji Tawon irraa eebifamte. Ammas achuma Ameerikaa keessatti mirgoota dubartootaa irratti mindeeffamuun hojjataa kan jirtu yoo ta'u, tajaajila bilisaas ni kenniti.

Wayita ammaa kanatti hawaasa lammiilee Itoophiyaafi Eritraa waliin hojjataa akka jirtu kan himtu Duniyaan, ''Haalli biyyana jiru akkuma kan biyyaa sana fakkaata. Tarii kan asii caaluyyuu mala. Asittti namoonni baratan caalmaa qabaatanillee miidhaan dubartoota irra gahuu baayyee sukkaneessaadha,'' jetti.

Keessattu erga kovonaavaayirasiin dhufee kaasee haatiifi abbaan waarraa hedduun waliin mana keessa turaa jiru. Kaanaanis walqabatee miidhaa itti caalaa jiraachuu himti Duniyaan.

''Wayita sababii uggura sochiitiif waliin mana oolaniitti waan guddaafi xinnaarratti wal dhabaa jiru. Sababiinsaas jireenyi namoota baayyee yoo kan hojjatan malee hindanda'amne waan ta'efuu, gariin isaanii dhiphina irratti argamu. Irra caalaan hawaasa keenyaa kiraa manalleen kaffaluuf dadhabaa jira.''

''Sababii kanaan walqabatees namoonni hedduun hanga wal hiiku gahaniiru. Gara waajira seeraas dhufaa jiru,'' jechuun haala weerarichaan booda Ameerikaa keessa jiru ibsiti.

Namoonni deegarsa barbaacha gara waajira ishee dhaqaa jiran hedduu ta'uu himuun, ''isaan kuunneen kan deegarsi eessaa akka argatamu quba qabaniidha. Kan caalaa na yaachisu garuu qaamooleen hawaasaa ragaan hin qaqabne hedduu ta'usaaniti,'' jetti Duniyaan.

Madda suuraa, Dunia Mekonnen

''Wayita uggurri sochii labsameetti namoonni wanti hindi kan dhorkamee itti fakkaatee turan. Odeeffannoo irra caalaan Afaan Inglizii ykn darbee darbee afaan Ispaanishiin kennama. Kun ammoo namoota biyya keenyaa dhaqan hunda kan hammatu hin ta'u. Kanaafuu, afaan isaan hubataniin akka gahu taasisuun dirqama keenya ture,'' jetti Duniyaan.

Duniyaafi waahiloonni ishee rakkina kana erga hubatanii booda midiyaalee hawaasaa adda addaatti fayyadamuun mariifi sarara ragaan ittiin kennamu saaqan. Kunis lammiilee Itoophiyaafi Eritiraa ragaan akka qaqabu taasisuuf akka ta'e himti.

''Ammaan tanattis namoonni akka baran kan barbaadnu, nama tajaajila seeraa barbaadu kamiifuu oggeessoonni seeraafi tajaajilli banaa ta'usaati.

Dhiirootaafi dubartoota gaaffii eegumsaa ykn gaa'ila hiikuuf deeggarsa barbaadaniif haala danda'ameen tajaajila turjumaanaa kennuuf qophiidha,'' kan jettu Duniyaan odeeffannoos afaanoota Itoophiyaa garaagaraatiin qopheessuu isaanii himti.

Dabaluunis ''Keessattuu kanneen abbaan warraa ykn haati warraa waragaa jireenyaa (green card) dhaf iyyataniifi eeggataa jiran caalaa miidhaaf saaxilamoota.

Haalli itti Ameerikaa keessa jiraataa jiran waan hin mirkannoofneef jecha miidhamaa obsaan kan jiraatan hedduudha,'' jechuun kan himtu Duniyaan, seerri garuu kanneen hayyama jireenyaa hin qabneefilleen ni tajaajila jetti.

''Lammiilee Itoophiyaafi Eritiraa hayyamni jireenyaasaanii adeemsarra jiru miidhaa irra gahuuf yoo iyyatan hayyama isaanii irratti dhiibbaa omaa akka hin qabaannee beeksiisuun barbaada.

Sababiinsaas haaluma seera miidhaa dubartootarra gahuutiin ilaalamuun ajajii ittisaa barbaachiisaa erga murtaa'een booda eegumsi ni taasifamaaf.''

Duniyaan hojii baayyeen akka isaan hafuu dubbachuun, Covid-19 ammoo miidhaa dubartootarra gahu caalaa itti hammeesseera jetti.

"Yeroo biraas miidhaan dubartoota irra gahuu baayyee olaanaadha. Haata'u malee, sababii adda addaatiin namootaan waan wal arganiifuu rakkina isaanii qooduuf carraa argatu ture. Amma eenyu waliinu wal argaa waan hin jirreef, rakkina keessa jiraachusaanitu hubachuuf rakkataa jirra,'' jetti.

Baayyiinni miidhaa gahee hangam akka ta'e himuun rakkisulleen, kan itti caale akka ta'e haaluun hindanda'amu jetti.

''Miidhaa sababa saalaattiin rakkooleen haawaasummaafi dinagdee yoo dabalamu miidhaan gahaa jiru, wayita weerarri kun darbuutti kan duraa akka caalu ykn dachaa akka ta'u tilmaamna,'' jechuun kana ittisuuf ammoo hawaasni ragaa akka argatu gochuuf dursa kennuu isaanii himti.

''Namni kamiiyyuu miidhaa qaama jireenya isaanii taasisuu hin qabaatu. Eenyuus namarraan miidhaa geessisuuf mirga hin qabaatu. Kanaafuu miidhaan wayita nama tokkoorratti raawwatamuutti akka yakki irratti raawwatame yaaduu qaba,'' jechuun gorsiti.

''Aadaadhaan danda'ii jiraadhu wanti jedhu hin hojjatu sababii miidhaan irra gahaa jiru sun lubbuu hanga balleessuutti qaqabu waan maluuf,'' jechuun eenyumtuu miidhaa dhoksuufi akka qaqqabu hayyamuu hin qabu," jechuun gorsiti.