Koronaavaayiras: Furdinni garmalee koronaavaayirasiidhaaf nama saaxilaa?

Nama furdaa

Madda suuraa, Getty Images

Furdinni garmalee dhukkuboota akka onnee, kaansarii, sukkaraa fi kan birootiif akka nama saaxilu ni beekama.

Dabalataanis weerara koronaavaayirasiitiif saaxilamummaa qabnu ol'aanaa godhuun cinatti haalaan akka dhukkubsannu taasisa jedhama.

Ragaan furdinni garmalee saaxilamummaa koronaavaayirasii dabala jedhu jiraa?

Qorannoo Ingiliizii keessatti namoota 17,000 sababa Covid-19 hospitaala jiran irratti taasifameen namoonni furdina garmalee qaban dhukkubsattoota biraa caalaa carraan du'uusaanii %30.

Qorannoon biroos namoonni furdina garmalee qaban carraan vaayirasichaan du'uusaanii dachaadhaan akka caalu mul'isa.

Dabalataanis, dhukkuboota furdina garmalee waliin dhufan akka dhukkuba onnee, kaansarii fi sukkaaraa fa'a irratti dabalaman saaxilamummaa vaayirasichaan qabamuu ol'aanaa taasisa jedhu qorattoonni.

UK keessatti dhukkubsattoonni kutaa yaalaa 'ICU' sababa Covid-19 seenaan keessaa %34.5 kan ta'an namoota furdinna garmalee qaban yoo ta'an %31.3 immoo namoota baay'ee furdaadha jedhamaniidha.

Federeshiniini Furdinnaa Idil Addunyaa akka jedhutti namoota vaayirasichaan qabaman keessaa hedduunsaanii namoota garmalee furdataniidha.

Qorannoon Chaayinaa, Ameerikaa fi Xaaliyaan keessatti taasifaman isuma kana ragaa bahu.

Qorannoon dhiheenyatti hojjatame immoo maanguddummaan, dhiira ta'uunii fi furdinna garmalee qabaachuun carraa vaayirasichaan qabamuu dabala.

Furdina garmalee fi koronaavaayirasii

Furdinni garmaleen jira jechuun qaamaa keenya keessa kuufamni coomaa ol'aanaadha jechuudha. Coomni immoo qaamni keenna akka dadhabu taasisa. Kunis immoo sombi keenna akka dadhabu taasisa jechuudha.

Yoo sombi keenya dadhabu immoo oksijiiniin gahaan gara qaamaa hin seenu. Yoo kun ta'u geejjibni dhiigaa ni jeeqama; onneenis rakkinna keessa seena.

"Qaamni namoota garmalee furdatanii oksijinii ol'aanaan isaan barbaachisa. Kanaafuu, qaamnis oksijiinii argachuuf carraaqqii taasisuun ni miidhama," jedhu Yuunivarsiitii Galaasgootti piroofeesara kan ta'an Naaviid Saatar.

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dhukkubboonni akka koronaavaayiras kan sirna hargansuu miidhan mudatan immoo namoonni jalqabarratti dhukkuboota sanneeniif saaxilamoo ta'an isaan furdina garmalee qabaniidha.

"Haalli jiru ulfaataa yoo deeme sombi isaanii qaama isaaniif oksijiinii geessuu dadhaba," jedhan Piroofeesar Naaviid.

Qorattoonni inzaayimii 'ACE2' jedhamu kan vaayirasichi akka salphatti gara qaamaa keenyaa galu taasisu argataniiru.

Sababoota namoonni garmalee furdatanii haala salphaadhaan vaayirasichaan akka qabamanii fi haalaan dhukkubsatan taasisu keessaa inni tokko inzaayimii kana akka ta'e ibsaniiru.

Dabalataanis, seelonni namoota garmalee furdatan keessatti dhukkuba ittisanis dandeettiin isaanii gad bu'aadha.

Furdinni garmalee yeroo hundaa rakkinna fayyaa qabatee dhufu qaba. Kaansariirraa hamma dhukkuba onnee; dhukkuba kalee irraa hamma sukkaraa fi dhukkuboota biroof nama saaxila.

Namoonni furdinna garmalee hir'isuuf nyaata madaalawaa fi sochii qaamaa dhaabbiidhaan hojjachuu barbaachisaadha jedhu qorattoonni.