Indiroo Montaaneelli: Siidaan gaazexeessaa sirna bulchiinsa Mosoloonii leellisuu Xaaliyaaniitti mormiin mudate

Vandalised statue of Indro Montanelli in Milan, 14 Jun 20

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

The graffiti "racist, rapist" was spray-painted on the plinth

Siidaan gaazexeessaa beekamaa Indiroo Montaaneelii kan bara 1930n keessa shamarreee lammii Eritiraa waliin gaa'ila dhaabbatee ture mormitootaan jibba sanyummaatiin akka diigamuuf gaafatame.

Mormiitoonni jabba sanyummaas siidaa kaan haalluu diimaa itti dibuun jigfamu qaba jechuunsi midiyaa hawaasaa irratti waamicha taasisan.

Kanaafu siidaan kun paarkii Miilaan kan maqaasaatii moggaafame keessa diigamu qaba jedhaniiru.

Montaaneelii kan bara 2001'tti lubbunsaa dabarte bara 1930n keessa wayita tajaajila loltummaa irra tureetti shamarree lammii Ertiraa kan umuriin waggaa 12 fiduun gaa'ila waliin dhaabbachu isaa amane ture.

Haleellaan siidaa kanarratti dhagame kunis jibba sanyummaa Xaaliyaanii keessatti gaggeefamaa jiruun tarkaanfiin kun kan jalqabaati jedhameera.

Mormiin jibba sanyummaa Ameerikaa Miniyaapoolisiitti erga namni gurraachi poolisii adiin ajjeefameen booda eegalamees amma guutuu Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa keessatti baballateera.

Mormiitoonnis siidaawwan leelliftoota sirna garbummaafi jibba sanyummaa qabaniirratti kan xiyyeeffateedha.

Rooggeeyyiin garee mormiitoota mirgoota namoomaa Montaaneelii 'leellisaa sirna garbuummaati. Kanaafuu adabaabaayii ummataa keessatti kabaja argachuu hinqabaatu,'' jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Miilaan Guspee Saalaa garuu siidaan kun gumaata hojjii oggummaa isaaf kan dhaabateefiidha jechuun mormaniiru.

''Gaazexxeessaa olaanaa mirga walabummaa pireesiitiif qabsaa'eedha,'' jedheera. ''Jireenya mataa kenyaa wayita madaalluu, hundi keenyaa dogongora maleedha jechuun dandenyaa? Hundumtuu haaluma bara keeessa turameetiin madaalamu qabaata.''

Guyyaa Dilbataa hojjattoonni siidaa haalluun badee qulleessaniiru.

Madda suuraa, AFP

Indiroo Montaaneelii (1909-2001)?

Muxannoo ogummaa gaazexessummaa isaanis kan eegalee bara weerara Beenitoo Musoliniii Xaaliyaaniitti 1930 keessaa ture. Innis gaazexaa 'The Savage' jedhanuuf barreessuun eegale.

Haata'u malee,kan inni ittiin caalaa Xaaliyaan keessatti ittiin beekame, reeportara 'United Press' kan Niiw Yoork keessatti argamuun wayita hojjataa turedha.

Bara 1935 keessa ammoo Musoliiniin waraana hedduu biyyoota kolonii Xaaliyaanii jala turan Ertiraafi Somaaliilaandi irraa gara Itoophiyaatti erge.

Montaaneelii ammoo waraana koloneeffataa Xaaliiyaan keessa hojjachuuf fedhiisaatiin mallatteesse. Haa ta'u malee booda keesssa Musoliinii waliin yaada dogongoraa wayii kan qaabu ta'u ibsee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Inidiroo Montaanelii bara 1990 keessa

Booda keessas Tibba Waraana Addunyaa II Montaaneliin Waraana Addunyaa Ispaanish irratti adda waraanaa hedduu irraa gabaasaa ture.

Hojiidhuma kannaanis beekamtii idil addunyaa kan mo'atee yoo ta'u, bara 2012 keessa ammoo maqaansaa Gootoota WalabuAddunyaa keessatti tarreeffameera.

Haa ta'u malee hidhanni inni of tultoota waliin qabu garuu isa adabsuu itti fufe.

Baroota dheeraadhaaf humnootiin waraana Xaaliyaanii bara weerara 1935- 1936 tti gaazii summii Itoophiyaanoota irratti fayyadamusaanii haalaa ture.

''Isaanis gaaziin yakka Ambaa Araadaam keesstti fayyadammee jechaa turan. Ani achiin ture. Hinagarree. Fanjiiwwanii turan.... Garuu meeshaalee waraanaa suun ajandaa irra jiraachuusaanii hinyaadadhu. Innis waraana wayita gaaziin bu'aa hinqabaannee ture. Naannoolee keessatti diina baayyee hinqaban ture,'' jedhee ture.

Haa ta'u malees, bara 1996 keessa garuu Montaaneeliin gaaziin summeessan (mustard gas) faayidaarra oolfamu amanee ture. Kunis tibba Namni seenaa Xaaliyaanii, Angeelo Del Baacaa ragaalee dokimantaarii waraabameetiin gaaffiin muddeetti ture kan dhugaa ture amane.