Haleellaan niiwukilaraa US waggoota 75 dura Jappaanirratti raawwatte akkamiin yaadatama?

Hirooshiimaatti hamoonni haleellaa boombii niiwukileraan lubbuu isaanii dhaban yeroo yaadataman

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan magaalota Jappaan lama Hirooshimaafi Nagaasaakiitti Adoolessa 30 fi Hagayya 3 Boombii Awotoomaatikii irratti roobsuun, lubbuun namaa akka baalaatti kan itti harca'e waggaa 75 guuteera.

Balaa kanaan lakkoofsi namoota du’anii haalan beekamuu baatus Hirooshimaatti ummata 350,000 keessaa namoonni 140,000 du’aniiru.

Nagaasaakitti ammoo namoonni 74,000 du’aniiru.

Namoonni balaa kana jalaa lubbuun hafan godaannisaafi laalaa yeroo yeroo dheeraan booda akka haaraatti yaadatu.

Namoonni balaa kanarraa hafan Jappaanotaan maqaan mason ‘Hibaakush’ jedhamu kennameeraaf.

Namoonni balaan sun irra gahee du’arraa hafan rakkoofi miidhama fayyaa, qoor-qalbiifi kanneen biroo waan akka salphatti dubbatamu miti.

Balaa calaqqeen ifaa isaan irra gaheen ijoolleensaanii dahan qaama hir’uu kan qaban akkasumas rakkina xiin-sammuuf akka saaxilamaniif sababa ta’eera.

Gaazexeessituun suuraa Ingiliiz Lii Kaaran Siitowu taatee mudatee ture suuraan dhiheessiteetti.

Akkasumas, rakkoo waggoota 75 dura akka waan kaleessa mudatee gootee seenaa dubartoota sadii balaa sanarraa hafan dhageeffatteetti.

Madda suuraa, LEE KAREN STOW

Teerukoo Onoo

Guyyaansaa Adoolessa 30/1937 ture. Ameerikaan xiyyaara waraanaa magaalaa Hirooshimaa boombii awutoomiikiin haleelte.

Yeroo balaan kun mudatu Teerukoon shamarree ganna 15 turte.

Yeroo sanitti barattuu Narsiingii waggaa lammaffaa turte. Barnootashee Hospitaala Reed Kiroos jedhamu keessatti ture kan hordofaa turte.

Balaa kanaanis kutaan ciisicha barattootaa barbadaa’eera; Teerikoon ibiddicha dhaamsuuf tattafattus lubbuun barattoota hedduu balaa ibiddaa kanaan darbeera.

Teerukoon taateen isaan mudate akka abjutti yaadatti. Balaa ibiddaa torbee sana mudatee namoota ibiddichaan gubataniifi balaa hamaa sana hamma lubbuun jiranitti hin dagattu.

Isheefi narsoonni hedduun namoota balaan irra gahe lubbuu baraaruuf halkaniifi guyyaa hojjataa turan. Bishaaniifi nyaanni gahaan hin turre.

Teerukoon erga lubbuun haftee booda nama biraa balaa sana jalaa lubbuun hafe Taatisuyukiim waliin gaa’ela ijaarratan.

Yeroo Teerukoo daa’imasaanii jalqabaa ulfa turtetti yaaddoo daa’imni isaanii nagaadhaan dhalataa laata jedhu qabu turan.

Intallisaanii Tomokoomillee nagaadhaan dhalachuunshee maatii isaaniif gammachuu uumte.

“Gaannamiin arguu baadhus wanti jireenya keenya keessatti dabarsine garuu gaafa waa’een Gaannam kun dubbatamu sana waliin wal fakkaata,” jetti Teerukoon.

“Namoonni tokko tokko niwukileera balleessuuf hojjatanis jalqabarratti kutannoon mootummaa bira jiraachuu qaba. Isaan kun baduu qaba jechuu qabu,” kan jedhan, Teerukoon “mootummoonni addunyaa hundi niwukileera mormuurratti waliin hojjachuu qabu” jetti.

“Waggoota 75f biqiltuun itti hin biqilu kan jedhamte Hirooshimaan yeroo ammaa kanatti magariisa taateetti. Laggeen magaalattii biqiltuu waliin magaalattii bareechaniiru jetti intalli Teerukoo Tomokoon.

Magaalattiin magariisa taatus daraaraan yeroos ture ijoolleesaaniif hafeera.

Madda suuraa, YUKI TOMINAGA

Emiikoo Okaadaa

Yeroo magaalaa Hirooshimaa haleellaan boombii raawwatamu Emiikoon daa’ima ganna saddeetii turan.

Dhohinsa saniinis obboleettii hangafaasaanii dabalatee miseensonni maatiisaanii afur ajjeefamaniiru.

Suuraa obboleettiisaanis ta’ee maatiisaanii biroo mana firaatti ilaalan yeroo dukkanaa san yaadatu.

Guyyaa sanitti obboleettiisaanii “booda wal arginaa” jettee gammachuun manaa baate. “Ganna 12 turte. Yeroo hunda kolfiti, nama jireenya abdiin ilaaltu turte,” jedhu Emiikoon.

Ta’us garuu erga manaa baate booda hin deebine, eessa akka geesses hin beekamu.

Maatiinsaanii takkallee osoo abdii hin kutatiin bakka ishee arguu dandeenye jedhan hunda barbaadaniiru. Reeffasheellee arguu hin dandeenye.

Kanaanis abdii lubbuun jiraachuu dandeettu jedhuun barbaacha itti fufan.

Yeroo sanitti haatisaanii ulfa turan, ta’us garuu takka turanii haala nama gaddisiisuun ulfi sun irraa ba’e.

“Mana keenyatti wanti dhugaaniifi nyaatamu tokkollee hin turre. Waa’ee calaqqee ifaa sanaa wanti beeknu homaa waan hin turreef nyaataafi meeshaalee summaa’aa ta’es hin taanes adda osoo hin baasin walitti qabuu jalqabne,” jetti.

Boodarra haalli jiru hammaanaan nyaataa miti “bishaanillee bade” jechuun haala ture ibsiti.

Yeroon gadheen sun darbeera.

Calaqqeen ifaa boombii sun “seelii dhiigaa miidhee haalaan maddisiisuu akka hin dandeenye natti himan," jetti.

Hirooshimaatti waggaa waggaan guyyoota muraasaaf erga aduun dhiite booda samiirratti bifni diimaan ni mul’ata. Baay’ee diimaa ta’uusaarraa kan ka’e fuulli namootaas gara diimaatti jijjiirama.

Haalli kun gammachiisaa fakkaatus isheen garuu gara duubatti deebitee akka guyyaa magaalattii gubbate yaadattu ishee taasisa.

Reeyikoo Hadaa

Yeroo Ameerikaan boombii awutomaatikiin magaalaa dhalootashee haleeltuumuriin ishee ganna sagal ture.

Bara 1937 Hagayya 3 ganama naannoo sa’aatii 5 ture.

Guyyaansaa Kamisa ta’uu ni yaadatti. Haleellaa raawwatamuu maluuf akeekkachiifni kennamaa waan tureef manasaanii keessa turan.

Akeekkachiisa haleellaan raawwatamuu mala jedhame kennamerraa kan ka’e ijoolleen mana barnootaa deemuu dhabsisanii turan. Ijoolleenis bataskaana keessatti qo’achaa yeroosaanii dabarsu turan.

Barattoonni akeekkachisaa barsiisotasaaniirraa kennameef dhagahanii gara manaatti deebi’an.

Osoo mana seenuuf jedhuu “gulantaa irra baheeran se’e. Tasa wanti wayii mudate. Bifa afaaniin himamuu hin dandeenye wayii arguu jalqabne. Kelloo, bifa burtukaanaa… hunda akka abjuu wal makaatti argine.”

“Maal akka ta’e yeroo yaaduuf jedhutti wanti hundi adii ta’e.

”Waanan kophaa hafen se’e. Achii booda sagalee guddaan wayii dhagahame; isaan booda wanti hundi ni cal’ise. Anis of wallaaleen kufe.”

Yeroo tasa of wallaalee kufeen booda of bareen wanti barsiisonnisaanii isaaniin jedhan yaadatte. Achis bakka yeroo balaa tasaaf qophaa’etti qajeelte.

“Waan tokkollee hin taane. Gaarri Koonpiraa lubbuu kiyya oolcheera. Namoonni kutaa gaaraa kanaa gama biraan turan garuu akka keenya carra qabeeyyii hin turre; miidhaan guddaan irra gaheera.”

Namoonni hedduun baqatanii garasaanii dhufan. Haallisaanii waan nama jeequ ture.

“Ijjisaanii kan bahe, rifeensisaanii kan gubate, qullaafi hedduunsaanii qaamnisaanii gubatee ture,” jechuun haala ture yaadtti.

“Dhaloonni dhufu wanti fedhe ta’ullee haala nu keessa darbine kana keessa daruu hin qabu. Yoomillee ta’u meeshaan waraanaa niwukileerii faayidarraa akka ooluuf hayyamamuu hin qabu.”

“Namootatu nageenya fida. Biyyoota adda addaa jiraannus, afaan adda addaa dubbannus nageenyi akka jiraatuuf hawwiin qabnu wal fakkaataadha.”