Koronaavaayiras: addunyaan wal’aansoo weerara kana waliin qabatte injifachaa jirtii?

Dubartoota maaskii godhatanii aduu qanqaammatan

Madda suuraa, Getty Images

Erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) vaayirasii haaraa rakkoo fayyaa addunyaati jedhee labse booda ji’a jaha guuteera.

Dhuma ji’a Amajjiitti namoonni vaayirasichaan qabaman 100,000 kan siqan yoo ta’u, 200 ammoo du’aniiru. Yeroo sanitti vaayirasichi Chaayinaa qofa keessatti ture kan mul’ate.

Achi booda addunyaa fi haalli jireenya keenyaa haalan jijjiirameera. Yeroo ammaa kanatti namoonni miiliyoona 19 ol ta’an koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta’u, 700,000 immoo du’aniiru.

“Ammallee weerara baay’ee jabaa ta’e, saffisaan dabalaa jiru akkasumas hamaa ta’e keessa jirra,” jedhan Dr Margaareet Haaris WHO irraa. “Addunyaa irratti hawaasa hunda keessa jira.”

Weerarichi tokko ta’ullee, seenaa tokko qofa miti. Dhiibbaan Covid-19 guutuu addunyaarratti adda addummaa qaba, dhugaa biyya keetiin ala jiru hubachuun salphaa miti.

Vaayirasicha haalaan beekuuf rakkisaa akka ta’e bira gahameera. Kaanirratti mallattooleen baraman irratti mul'atanis, kaanirratti ammoo mallattoo giddu galeessa yookiin mallattoo tokkollee hin agarsiisu. Ta’us garuu hospitaalonni dhukkubsattootaa akka guutaman godheera.

“Weerara vaayirasii beekamaa yeroo keenyaati. Yeroo koronaavaayiras keessa jiraataarra,” jedhan Dr Haaris.

Biyyoonni tatamsa’inna vaayirasichaa ittisuun milkaa’an keessaa tokko Niiw Ziiland yoo taatu, biyyattiin osoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii haalan hin daballe ture kan tarkaanfiiwwan akka: uggura labsuu, daangaa cufuu fa’a fudhatte.

Biyyattiin ammatti bal’innaan gara jireenya guyyuu baratametti deebi’aa jirti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Indiyaan addunyaarratti namoota guyyaa tokkotti qabamaniin tokkooffaarra jirti

Biyyi biraammoo Moongooliyaadha. Biyyattii sadarkaa guddinaa gadaanaa qabduufi Chaayinaa waliin wal daangessitu. Biyyattii haalan miidhamtee turte.

Ta’us garuu hamma ji’a Adoolessaatti namni kutaa ICU keessatti yaala argataa ture hin turre. Hamma ammaatti biyyattii keessatti namoonni 293 vaayirasichaan yoo qabaman, namni du’e hin jiru.

“Moongoliyaan qabeenya murtaa’aan hojii gaarii hojjatte. Isaanis namoota tuttuqqii qaban adda baaftee beekuun akka adda of baasan taasisaa turte,” jedhan Piroofeesar Deevid Heeyimaan, Yuunivarsiitii Landan kan waa’ee Qulqullinnaa fi Fayyaa Tiroopikaalaa qoraturraa.

Biyyattiin saffisaan manneen barnootaa cufte, balalii idil addunyaa dhorkite akkasumas maaskii godhachuu fi harka dhiqachuu yeroodhaan jalqabsiifte.

Gama biraatiin Prof Heeyimaan “hanqinni hoggansaa” biyyoota hedduu akka miidhe dubbatu. Biyyoonni “ogeeyyii fayyaa hawaasaa fi hoggantoonni siyaasaa waliin dubbachuu itti rakkisu,” jiraachuu himu.

Haala kana keessatti vaayirasichi haalan tatamsa’eera. Pireezidaantii US Doonaald Tiraamp fi doktorri dhukkuboota daddarboo Antoonii Fawuchi yeroo weerara kanatti kallattii tokkorra miti kan jiran.

Pireezidaantiin Biraaziil Jaayir Bolsonaaroon koronaavaayirasii akka “qufaa xiqqaatti” ilaala turan. Weerarrichis ji’a Bitootessa keessa baduu gaheera jedhanii turan.

Biraaziil yeroo ammaatti namoota vaayirasichaan qabaman miiliyoona 2.8 akkasumas kanneen du’an 100,000 ol qabdi.

Haalli Afriikaa koronaavaayirasii ittisuurratti qabdu ammallee gaaffii keessa jira.

Ardicha keessatti namoonni miiliyoona tokkoo ol vaayirasichaan qabamaniiru. Afriikaan Kibbaa biyya ardicha keessaa lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii ol’aanaa qabduudha.

Lakkoofsi namootaa Afriikaa keessatti sababa Covid-19 du’anii kutaalee addunyaa biro waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gad aanaadha. Sababni muraasni kunooti:

  • Ummanni ardichaarraa baay’eensaanii dargaggoota - Afriikaa keessatti umuriin giddu galeessi 19. Covid-19 immoo irra caalaasaa namoota ga’eeyyii ajjeesa.
  • Gosti Koronaavaayirasiin biroo kan baratame ta’uu danda’a, kun ammoo hamma ta’e ittisa kennaafi
  • Biyyoota dureeyyii keessatti dhukkuboonni Covid-19 hammeessan akka furdinna garmalee fi dhukkubbiin sukkaaraa gosa lammaffaa (type 2 diabetes) baratamaadha, isaan kunneen ammoo Afriikaa keessatti hagas mara hin baratamne.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Biraazilitti warri owwaalcha qotan, hojiin itti heddummateera

Biyyoonni deebii barbaadaa jiru. Ruwaandaan meeshaalee barbaachisoo gara hospitaalaa erguuf diroonitti fayyadamaa turte akkasumas uggura koronaavaayirasii miidiyaaleen dabarsaa turte.

Kutaalee Indiyaa muraasa keessatti, kibba-baha Eezhiyaa fi achii ol keessatti hanqinni bishaan qulqulluu fi qulqullinnaa harka dhiqachuuyyuu akka hin dandeenye isaan taasiseera.

Weerarri kun yoom xumura argata?

Qorichoonni yaalaaf oolan jiru. Fakkeenyaaf Deeksaameetaasoon dhukkubsattoota Covid-19 haala hamaa keessa jiran baraaruu akka danda’u beekameera.

Ta’us garuu dhukkubsattoota Covid-19 du’uuf ta’an hunda baraaruu yookiin dhorkii jiru kaasuuf gahaa miti.

Walumaa galatti abdii namoonni guutuu addunyaarra jiranii gara jireenya duraatti deebi’uu talaallii irratti hundaa’a. Namootaaf talaallii kennuun vaayirasichi akka hin tatamsaane godha.

Yeroo kanatti talaallii jaha sadarkaa kiliinikaa sadaffaarra gahaniiru. Sadarkaan kun sadarkaa talaaliiwwan kunneen boodarratti akka hojjatanii itti beeknu waan ta’eef sadarkaa murteessaadha.

Ogeeyyiin fayyaa xiyyeeffannoon keenya “yoom talaallii arganna?” kan jedhurratti osoo hin taane, “ni argannaa?” ka jedhurratti ta’uu qaba jedhu.