Dhohinsa Beerutiin lammiileen Itoophiyaa miidhamanii turan lama du'an

A man looks at the devastated port of Beirut (9 August 2020)

Madda suuraa, EPA

Libaanos magaalaa Beeruutitti dhoyiinsa torbee darbe qaqqabeen lakkoofsi namoota du'anii 200 ol yoo ga'u, kanneen keessaa lama lammiilee Itoophiyaa ta'uu Qoonsilaan Itoophiyaa Beeruutitti argamu mirkaneesse.

Dhoyiinsa Kibxata darbe qaqqabe kanaan lammiin Itoophiyaa dhiirri tokko naannoo dhoyiinsi sun qaqqabetti hojiirra ture du'uu isaa Qoonsilaan Itoophiyaa mirkaneessee ture.

Kanneen balaa cimaan irra gahe keessaas dubartiin lammii Itoophiyaa taate waldhaansa argachaa erga turtee booda, lubbuun ishee darbuu Beeruutitti Qoonsilaa Janaraalli Itoophiyaa obbo Tamasgeen Umar BBC'tti himaniiru.

Kanaan achi lammiileen miidhaan irra gahuun beekame hunduu waldhaansi godhameefii wayyaahanii hospitaalaa bahuu isaanii Obbo Tamsageen himaniiru.

Tarree namoota du'uun isaanii mootummaa biyyattiin ibsame keessa lammummaan isaanii kanneen hin eramne jiraachuu hordofee biyyootni lammiilee isaanii ta'uufi dhiisuu mirkaneessuuf hojjechaa jiru.

Dippiloomaatootni Itoophiyaas hospitaalota biyyattii saddeet reeffi itti tursiifamerra deemanii lammiin Itoophiyaa du'ee argame akka hin jirre mirkaneeffachuu isaaniis obbo Tamasgeen himaniiru.

Waajirichi haala lammiilee Itoophiyaa Beeruut jiranii hordofaa akka jiruufi erga dhoyiinsa kanaatii wantoota barbaachisoodha jedhe raawwachaa akka jirus dubbataniiru.

Bulchaan magaalaa Beeruut Maaruwaan Abduu miidiyaaleef yoo himan, dhoyinsa Kibxata darbeen yoo xiqqaate namootni 200 ta'an du'aniiru jennee amanna jedhan.

Hedduun isaanii kanneen biyyoota biroorraa dhufan ammoo ammas achi buuteen isaanii kan hin beekamne ta'uus dubbataniiru.

Kuufama Amooniyeem Naayitireetiitu dhoyiinsa kana uume jechuun mootummaan biyyatti ibsee ture.

Lammiilee biyyatti dhoyinsa mudatee fi lubbuu darbetti dheekkaman hiriira kan bahan yoo ta'u, qaamolee nageenyaa waliinis walitti bu'aniiru.

Dhoyiinsa kanaan duuba ministiroota sadii dabalatee miseensonni paarlaamaa itti-gaafatama isaanii gadhiisaniiru.