Barattoota dhugaatii Kookaa bakka bu’u kalaquun gurguraa jiran

Dhugaatii Kookaafi Pepsii

Madda suuraa, FRITZ-KOLA

Barattoonni Maayikiroo Wiigart fi Looreenz Haampil jedhaman warshaa koollaa dhuunfaa isaanii dhaabuu barbaadan, haatahu malee akkatti dhugaatiin koollaa naqamu hin beekan.

Kuni garuu boodatti isaani hin deebisne akka itti dhugaatiin kun naqamu iyyaafachuutti ka’an.

‘’Maaltu akka barbaachisu argachuuf Google goone,’’ jedha bara 2003tti nama ganna 28 kan ture Maaykiroon

Iyyaafannoon Google irraa milkaa’uu didnaan hiriyyoonni ijoollummaa Haamburg, Kaaba Jarmanitti dhalatan karoora biraa yaaduu eegalan.

Galteewwan koollaaf barbaachisu baruufi warshaalee biiraa naqan kan biyyattii mara irra argamanitti bilbiluu jalqaban

Haatahu malee, warshaaleen Jarman biiraa naqan kan maqaa qaban dhimma isaaniif hin kennine. Inumaayyuu barattooni kunneen maaliif akkatti koollaan naqamu baruu fedhan jechuun bita isaan galee ture. Dhumarratti tokko tole isaaniin jedhe.

‘’Abbaan warshaa biiraa tokkoo koottaa na bira waa gochuu dandeenya nuun jedhe,’’ jedha Maaykiroon

Wagguma sana dhugaatii koollaa Firiitiz-Koollaa jedhanii waaman qaruuraa 4,000 ol saamsanii gurguran

Dhugaatii kana gurguruuf magaala isaanii keessa mana dhugaatiirra naanna’aniiru.

Amma dhugaatiin isaanii Jarman keessatti beekamaa fi baramaa taheera. Waggaa darbe qaruuraa miiliyoona 71 gurguruun Kookaa isa qaruuraa miiliyoona 74tti aanee lammaffaa ture.

Kookaafi Peepsiin karaa gargaraan dhugaatii isaanii saamsanii otoo gurguranii warshaa waggaa 17 dura barattootaan dhaabbatteef kun milkaa’ina guddaa dha.

Bara 2003tti suuraa isaanii qaruuraa irratti maxxansiisuun akka mallattootti fayyadaman. Sana kan goone filannoo salphaa fi qaalii hin taane waan tureefi jedha Maaykiroon

Qusannoo warshicha dhaabuuf qabnu yuroo 7000 gatii tureef fakkii addaa hojjechiisuun qaalii ture.

‘’Fuulli keenyi akka bareeduuf yuroo 100 kaffallee,ollaan keenyi footooshop irratti nuu hojjete,mallattoo keenya galmeessisuuf immoo yuroo 70 kaffallee, Firiitz-Koollaa uumne’’ jedha Maaykiroon

Hiriyyoonni kunneen suuraa qaruuraa irratti maxxanfamu gurraachaa fi adii filatan, sababiin immoo halluudhaan maxxansiisuun qaalii waan tureefi.

Maqaa dhugaatii isaanii immoo filannoo gara 40 tahu barreessuun uummata gabaa keessa deemuun akka filatan gaafatan, achiin maqaan beekamaa Jarman Firiitz filatame.

Dhangala’aan dhugaatii isaanii Kookaa Koollaa iirraa dhandhama addaa akka qabaatu waan barbaadaniif,sukkaara xiqqoo fayyadamni,loomii immoo itti dabalan. Kaaffeenii immoo caalaa itti dabaluuf murteessan.

‘’Koollaa keenya yoo dhugdu dhandhamni isaa akka kookaa mi’aawaa miti, garuu kaaffeenii olaanaa waan qabuuf akka daddabalattu si taasisa,’’ jedha Maaykiroon. Kanaafi kan Kookaa fa’i ol kaaffeenii harka sadii kan itti daballu.

Madda suuraa, Getty Images

Firiitiz-Koollaa ml100 keessatti kaaffeenii 25 qaba. Akka marsariitii US Ozy’n jedhutti, Kookaan kaaffeenii mg10 yoo qabaatu, Reed Buuliin immoo mg32 qaba.

Maaykiroon yeroo jalqabaa manneetiin dhugaatii oomisha keenya jimilaan fudhachuuf fedhii hin qaban ture jedha. ‘’Namoonni baayyee Kookaa tiin ala dhugaatii lallaafaa dhuguu waan danda’an itti hin fakkaatu ture,’’ jedha.

Yeroo dhugaatii lallaafaa isaanii warreen mana dhugaatii qabanitti kennanii yoo gurguramu dhaa baate akka deebisan gaafachuun rabsuu jalqaban.

‘’Sa’atii 24 gammadaa hojjenna ture,’’ jedha Maaykiroon. ‘’Uummatni koollaa keenya jaalachuusaan carraa qabeessota nu godha jenne amanna. Suuraa keenya qaruuraa irratti yoo argan, ‘mee haa yaallu’ jedhaniitu dhuguu jalqaban,’’ jedha.

‘’Akkasillee tahee hojjettoota jalqabaa qacaruuf waggaa sadii nutti fudhateera, hanga yeroo sana waajira illee hin qabnu ture,’’ jedha.

Dhugaatii keenyallee kan beeksifnu afaaniifi haala qoosaa taheeni jedha. Biilboordiin bara 2017tti bahe suuraa Doonaald Tiraamp,Vilaadmiir Puutiin fi Pireezidantii Tarkii Risiip Erdogaan barreefama ,’Namana dammaqi’ jedhu ofirraa qaba ture.

Ammaan kana Koollaan isaanii suuqii fi mana dhugaatii Awurooppaa irra gurgurama.

Xiinxaltuun gabaa dhugaatii lallaafaa Lindaa Liichmees Firiitz Koollaa namoonni dhugaatii kana kan jaalatan ‘qulqulluu’ waan taheefi jetti.

Firiitiz Koollaan dhaabota shan biroofillee dhugaatii kana akka oomishaniif kennameera. Koollaa isa kanaan ala, sukkaara irraa kan bilisa taheefi cuunfaa garagraallee gurgura.

Bara 2015tti Foorbis dhaabbatichi gurgurtaa miiliyoona 7.4 taasiseera jedheeraani.

Bara 2016tti Looreenz waan biraa irratti hojjechuuf gadhiisanaan Maaykiroon daldala isa Haamburg jiru hoggana. Inveestaroonni kaan illee qooda bitataniiru wajjin hojjetu.

Waggaa 17 duubatti deebinee yoo ilaallu eenyuyyuu as gahu jedhee hin amanu ture jedha Maaykiroon.

‘’Thay said,’gowwaa! Dhaabbata addunyaa kanarratti maqaa guddaa qabu waliin dorgomtaa? Nuun jedhanii turan, unuuf garuu inni waan gaariii ture.

‘’Har’a itti gaafatamummaa namoota 280 qaba. Waan biraa hojjechuun narra hin jiraatu, isan hojjedhu nan jaaladha.