Obbo Jawaar Mohaammad dhukkubsachuu isaanii mana murtiitti himan

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa oolmaa isaa Wiixata Hagayya 11, 2012 [Hagayya 17, 2020] galmee qorannoo duraa Jawaar Mohaammadiifi shakkamtoota 13 biroo irratti dhagahuuf yaade yeroo 3ffaaf guyyaa biraatti dabarse.
Qorannoon duraa torban darbe si'a lama kan dabarfame yoo ta'u guyyaa kaleessaa Obbo Jawaar Mohaamad rakkoon fayyaa akka isaan qunname dhaddacharratti argamanii himaniiru.
Abbaan Alangaa Walii Galaa Federaalaa waa'ee dhimma Jawaar Mahammad ilaalchisuun ibsa kenneera.
Abbaan Alangaa Walii Galaa Federaalaa kun Jawaar fi shakkamtoota biroo saddeet irratti ragaa qorannoo duraa dhagahuuf kan beellamatee ture ta'us garuu Obbo Jawaar Mahammad dhukkuffadheera jechuusaaniin dhaddachi kun gufachuu ibseera.
Akka ibsa kanaatti Obbo Jawaar Mahammad akkaataa hojimaata jiruutiin tajaajila kunuunsa fayyaa kan argataniifi argataas kan jiraniidha, ''Fayyummaan isaaniis sadarkaa gaariirra jira,'' jedheera.
Poolisiin Federaalaa kaleessa ibsa kenneen Obbo Jawaar dhibamaniiru jechuun kan miidiyaadhaan hafarmamu sirrii akka hin taaneefi Obbo Jawaar fayyummaa gaariirra akka jiran dubbatee ture.
Oolmaa dhaddachaa...
Abbaan alangee abukaatoowwan shakkamtootaa ragaan qorannoo duraa irra deddeebiin akka daddarbuu taasisaa jiru jechuun dhaddacharratti dubbataniiru.
Gama kaaniin, abukaatoowwan shakkamtoota waliin bakki wal argan iccitii eeguuf rakkisaa ta'u himuun manni murtii akka sirreessu gaafataniiru.
Manni murtii shakkamtootni abukaatoo isaanii walin bifa iccitiisaa eeggateen akka wal argan ajajuun Kamisa dhufu Hagayya 14, bara 2012 ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf beellama qabateera.
Manni murtii torban darbe bu'aan qorannoo koroonaavaayirasii shakkamtoota 14 galmee Jawaar Mohaammad jala jiran akka dhihaatuf har'a beellamee ture.
Haa ta'u malee, kan namoota shaniin alatti bu'aan qorannoo namoota sagalii hin dhiyaanne.
Oolmaa dhaddacha har'aatin bu'aan qorannoo dhibee Covid-19 shakkamtoota shanii xalayaa Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ergeen kan dhiyaate yemmuu ta'u Geetu Tarrafaa, Bashir Huseen, Kennee Duumechaa, Sabbooqaa Olqabaa fi Daawit Abdataa dhibeen Covid-19 irratti argamuunsaa ibsameera.
Dabalataan eegdoo Obbo Jawaar kan ture Tamiraat Huseen har'a mana murtiitti kan hin dhiyaanne yemmuu ta'u innis dhibeen Covid-19 irratti argamuusaa poolisiin himeera.
Obbo Jawaar fa'i maal jedhan?
Poolisiin reeffa Hacaaluu Finfinneetti deebisuun, ajjeechaa miseensa poolisiin, yaalii ajjeechaa qondaaltota mootummaafi hookkara uumuun shakkee Jawaar Mohaammadiifi kanneen galmee isaanii jala jiran to'achuu ibseera.
Kana dura, wabiin akka gadhiifaman akkasumas abbaan seeraa dhimma isaanii ilaalu akka jijjiiramu kan Obbo Jawaar fa'i gaafatan kufaa ta'eera.
Obbo Jawaar Mahaammad gaafa Wiixataa "baay'ee na dhukkubeera. Mallattoolee himuu hin barbaadu.
''Qoricha dhukkuba bayyanachiisullee fudhachuu hin dandeenye" jechuun dhaddaacha keessa turuu akka hin dandeenye fi manni murtichaa ennasuma akka isaan gaggeessu gaafatan.
"Haala cimaadhaan dhukkubsachaan jira" jechuun abbaa seeraatti kan himan Obbo Jawaar Mahaammad, poolisootni daqiiqaa 30f ta'ullee mana murtiitti argamuu qabda waan jedhaniif gara mana murtichaa dhufuu isaanii himan.
Dhaddacha har'aa irratti Obbo Jawaar dhukkubsachuu ibsuun gara alaatti deddeebi'aa turani.
Kaleessa isaan dhukkubuu eegaluu kan himan Obbo Jawaar "ogeessa fayyaa dhuunfaa kootin akkan wal'aanamu naaf yaa heeyyamamu" jechuunis gaafatan.
Haadha warraa fi daa'ima isaanii biyya alaa jiran baasii isaa ofif kaffalaniis ta'u gama suur-sagaleen haasofsiisuu akka barbaadaniifi kunis akka eeyyamamuuf mana murtichaa gaafataniiru.
Kamisa darbe, manni murtii Wiixata har'aa bu'aan qorannoo koronaavaayirasii shakkamtoota 14 akka dhihaatu ajajee ture.
Obbo Jawaar fa'i waliin hidhamanii kan jiran Obbo Hamzaa Adaana (Booranaa) dhaddha har'aa irratti "iddoon nuti afran itti jirru Covid-19f kan hin saaxille ta'us mallattoon garuu nurratti mul'achaa jira.
Qufaa cimaa nu qufaasisa. Kanaan dura akka qorannoon nuf taasifamu iyyachaa turre. Dhimma kanarratti manni murtichaa ajaja nuf yaa kennu" jechuun dubbatan.
Kana malees, dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa akka qaban mana murtichaatti kan himan Obbo Hamzaan, tajaajila yaalaa akka argatan akka taasifamu gaafatan.
Gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirribsaa namootni Komishinii Poolisii Magaala Finfinneetti isa walin hidhamanii fi waliin soorachaa turan Covid-19 irratti argamuusaa himuun poolisiin ajaja mana murtichaa kabajuun qorannoon Covid-19 akka taasifamuuf gaafate.
Obbo Baqqala Garbaa, namootni galmee isaanii keessatti argaman dhukkubsatanii osoo jiranii ragaaleen abbaa alangaa dhagahamuu akka hin qabne dubbatan.
Kana malees, iddoo itti hidhamanitti iddoo abukaatoo isaanii walin walarganii itti haasa'anitti kaameeraan suur-sagalee waraabu taa'uu isaatin abukaatoowwan isaanii walin icciittin isaanii eeggamee mari'achuu akka hin dandeenye fi abukaatoo isaanii walin osoo hin mari'atin ragaaleen abbaa alangaa dhaggeeffatamuu akka hin qabne Obbo Baqqalaan himan.
Yaada Abukaatoowwan fi Abbaa Alangaa…
Abukaatoowwan Obbo Jawaar Mahaammad fa'i guyyaa Jimaataa maamiltoota isaanii arguuf wayita deemanitti "gara mana murtii deemaniiru" jedhamee akka itti himame fi osoo hin argin ooluu isaanii himan.
Kana malees, har'a ganama kaameeraan iddoo maamiltoota isaanii itti haasofsiisanitti kaa'ame akka ka'uf gaafatanis poolisootni "kuni humna keenyaa oli" jechuun akka deebisanif dhaddacha hubachiisan.
Kanaafis, "nuyi fi maamiltootni keenya kutaa kaameeraa hin qabne keessatti icciitin keenya eeggamee akka haasofnuf haalli nuf mijachuu qaba.
Ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuufis beellamni yeroo biraa kennamuu qaba" jechuun mana murtichaa gaafatan.
Abbootin alangaa gama isaaniitin dhimma kaameeraa jedhame quba akka hin qabne fi akka qulqulleeffatan himan.
Abbootin alangaammoo abukaatoowwan shakkamtootaa beekaa adeemsichi akka harkifatu, ragaaleen akka deddeebi'an fi akka nuffan gochaa jiru jechuun beellamni guyyaa biraatti osoo hin darbin jechi ragaalee akka dhagahamu mana murtichaa gaafataniiru.
Ajaja Mana Murtichaa…
Abbaan seeraa galmee Obbo Jawaarfaa of harkaa qaban iddoon shakkamktootni Komishinii Poolisii Magaala Finfinnee jiran itti hidhaman Covid-19f akka saaxilaman taasisaa kan jiru ta'uu himuun "shakkamtootni bifa Covid-19f hin saaxilamneen qabamuu qabu" jedhan.
Kana malees, koronaavaayirasiin jiraates dhiises shakkamtootaaf uuffatni fi nyaatni dhiyaachuufii akka qabu akkasumas akkaataa ulaagaan Ministeera Fayyaa ajajuun maatii, abukaatoo fi abbootii amantaa isaanii walin akka walargan taasifamuu akka qabus himan.
"Mirgi isaanii sababa Koroonaan daangeffamuu hin qabu. Yoo hin taane manni murtichaa tarkaanfii ni fudhata" jechuunis dubbatan.
Dhimma qorannoo dhibee Covid-19 ilaalchisee poolisiin bu'aa qorannoo shakkamtoota sagal hafanii akka dhiyeessu manni murtichaa ajajeera.
Obbo Hamzaan dhibeewwan biroo himatanif tajaajila yaalaa akka argatan Obbo Jawaar Mahaammadis adeemsuma yaalaa jiruun akka wal'aanaman fi kunuunsi akka taasifamufis ajajeera.
Gama biraatin Obbo Jawaar Mahaammad baasii isaa ofiin haadha warraa fi daa'ima isaanii walin akka haasa'an haalli akka mijatuuf manni murtichaa ajajeera.
Dhimma kaameeraan walqabatee shakkamtootni abukaatoo isaanii walin bifa icciitiisaa eegateen akka wal argan kan ajaje yemmuu ta'u ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf Kamisa Hagayya 14 bara 2012ti beellama qabateera.
Magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaatti ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara ka'en lubbuun lammiilee 170 ol kan darbe yoo ta'e qabeenyi guddaas barbadaa'eera.
Rakkoo nageenyaan walqabateefi hookkara ka'enin shakke jechuun poolisiin qondaaltota siyaasaa, hoggantoota mootummaa, humnoota nageenyaa, gaazexeessitoota dabalatee walumaagala namoonni 7,000 ol hidhaa seenaniiru.