Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa: 'Anga'oonni itti gaafatamummaa isaanii yeroon hin bahanne'

Abuna Maatiyaas

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee jeequmsaafi hokkora godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti umameen qondaaltoonni motummaa itti gaafatamummaasaanii yeroon gahumsaan hinbaane jechuun komtte.

Motummaan naannichaa garuu ibsi bahe kun kan dhugaa naannicha keessa jiru hin mirkaneessineefi dhugaarraa kan fagaatedha jedheera.

Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee jeequmsaafi hokkora uumameen godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti hordoftoonni ishee 67 ol ajjeefamuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa beeksiste.

Kana dura mootummaan Naannoo Oromiyaa, Oromiyaatti hookkara hordofee namoonni 160 ol yoo du'an namoonni 10,000 caalanimmoo qe'eerra akka buqqa'aniifi mootummaan gargaarsa akka taasisaafi jiru ibsee ture.

Kutaa Lallaba Biyyaa Finfinneetti Dubbii Himaa kan ta'aniifi koree lammiilee hookkara booda isaan qunname hiikuuf hundaa'e keessa kan dalagaa jiran Malaahiywat Qomoos Abbaa W/Iyyasuus Sayifuu Galataa rakkoo jiru jedhan dubbatu.

''Qe'eerraa buqqa'anii hanga ammaa mana barnootaa, eegumsa fayyaa, akkasuma galma keessa jiru,'' kan jedhan abbaan amantii kuni ummanni rakkoo keessa jiraachuu himu.

''Haga danda'u [mootummaa] godhe jechaa jira. Garuu, ummanni ammas rakkoo keessa jiru. Beela'aati jiru. Dheebotaati jiru. Waan uffatan hin qaban. Hanga ammaa ummanni rakkoo adda addaa keessa jira.''

Malaahiywat Qomoos Abbaa W/Iyyasuus Sayifuu Galataa gargaarsi taasifame gahaa miti jedhu.

''Mootummaan Naannoo Oromiyaa nu hin gargaarre callisee nu ilaale jechuu hin dandeenyu. Nu gargaaraa jira. Garuu, quubsaa miti. ''

Kanneen qe'eerraa buqqa'aan garri caalu ammallee qe'eetti akka hin deebine ibsuun mootummaan qe'eetti deebisuu hanqate jechuun Mannii Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo komachuu ibsan.

Mootummaan maal jedhe?

Dhimma Manni Kirisitaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mootummaa komachuun ibsa baaserratti kan gaafanne Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa mootummaan akka dalagaa jiru himu.

''Ibsi bahe dhugaa naannicha keessa jiru kan hin mirkaneessineefi dhugaarraa kan fagaatedha jennee kan fudhannu'' jechuun deebisan.

Kanneen qe'eerraa buqqa'aan ilaalchisuun ''deebisnee dhaabuudhaaf hojjechaa jirra'' kan jedhan Obbo Getaachoon akkuma jalqaba qe'eerraa buqqa'aniin nyaataaf, uffannaa barbaachisu hamma mana isaanitti galanitti waan nama tokkof barbaachisu mootummaan kennuu ibsu.

Mootummaan gaafatamee wanti ''mari'achuu dide hin jiru'' kan jedhan Obbo Getaachoon ''Ummata keenyaaf amantii isaatiin miti tajaajila kan laannuf. Ummata keenya ta'u isaatiini,'' jechuun himu.

Manni Kiristaanaa amantii isaaniirratti xiyyeeffatee haleellaan akka raawwate ibsituuf mootummaan kana hin fudhatu.

Obbo Getaachoon ''miidhaan gahe namarra gahe malee amantiirra gahe miti'' jechuun namoonni amantii garaa garaa hordofan, ilaalcha siyaasaa garaa gara qabaniifi saboonni garaa garaa miidhamu dubbatu.

Kanneen hookkara keessa hirmaachuun shakkamanimmoo seeratti dhihaachaa akka jiran jechuun mootummaan dirqama isaa bahaa akka jiru himu.

''Amma ololli gaggeeffamaa jiru yaalii naannoo kana gidduugala jeequmsaa gochuuf yaalamaa jiru tumsuudhaaf yoo ta'e malee,'' jechuun Oromiyaatti waldhibdeen sabaas ta'e amantii uumamuuf yaalame hin milkoofne jedhu.

Jalqaba torban kana Majiliisi Itoophiyaa ibsa baaseen haleella hoggantoota amantii akkasumas masjiidarratti xiyyeeffate jira jechuun mootummaan dhimmicha akka qoratu gaafateera.

Obbo Getaachoon ''Yeroo tokko amantaa Islaamarratti dhiibbaan gahe jedhee gareen ho'isu jira. Kara biraatinimmoo, amantaa Kiristaanaarratti dhibbaan gahe jedhee gareen ho'isu jira.

''Kuni lamaanuu faayidaa siyaasaaf kan deemu yoo ta'e malee ummata keenya yeroo miidhaan irra gahu akka ummataatti ilaaluu qabna jalqaba,'' jechuun himannaa mootummaarra ka'u balaaleeffatu.

Ibsi bahe maal jedhe?

Dhimma kanarratti Bataskaanattiin mata duree Godinaalee Oromiyaa tokko tokkotti haleellaa karoorfameen hordoftoota amantaa Ortodoksii miidhaman deebisanii dhaabuu jedhuun Roobii Hagayya 26 ibsa baaste.

Ibsa kanarrattis bataskaanni kun du'a Haacaaluun gadda itti dhagames ibsiteetti.

''Haatahu malee, ajjeechaa kanaaf gadda akka ibsannuuf yeroo otoo hin kenniin, warra booyichaa tahuun keenya irraanfatamee akkasumas akka diinaatti lakka'amuun; naannoo Oromiyaa iddoo tokko tokkotti ijoolleeshee Kiristaanotarratti dhumaatiin hamaafi dararaan irratti raawwatameera,'' jedha ibsichi.

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii amantii isaaniitiin qofa haala suukanneessaa taheen akka ajjeefaman, guudeedaman, akkasumas qabeenyi isaanii akka barbadaa'e ibsa kana keessa eerameera.

''Baayyeen qe'eesaanii keessaa buqqa'uun, dukkana gannaa kana iddoo owwaalchaa fi galma Bataskaanaa keessa qubatanii jiru. Kaanis dhaabbilee mootummaa keessa, manneen namoota dhuunfaa keessatti dahatanii dabarsuuf dirqamaniiru. Kunis rakkoolee hawaasummaa fi xiinsammuu hamaaf isaani saaxileera.''

Manni Kiristaanaa kuni angawoonni mootummaa seera kabachiisuurratti, tarkaanfii barbaachisaa tahe hin fudhanne jechuun komii dhageessifatti.

''Bataskaanni keenya haleellaa qindaa'e kana akkuma dhageesseen, ALI Waxabajjii 24, 2012 gama Sinoodoosiin ergaa gaddaa dabarsiteetti, biyya keessaafi alatti kadhannaan gara Waaqaatti iyyaa turteetti.''

Qaamoleen mootummaas 'balleessitoota hin obsinu, seera kabachiisna, kanneen miidhamanis ni kiisna,' jechuun waadaa galan ni eegu jennee obsaan eeggachaa turre.

Haa tahu malee, lammilee haleellaarraa eeguufi tiksuu, haqa mirkaneessuu, akkasumas miidhamtootaaf beenyaa kennuun, ittigaafatamummaa isaanii yeroo barbaachisutti akkasumas gahumsaan yoo bahatan hin argine.''

Akka ibsa kanaatti koreen miidhaa miseensota waldichaarra gahe qoratu akka hundaa'us murtiin dabreera. Koreen kunis miidhamtoota yeroof gargaaruun, akkasumas furmaata waarawaa laachuufis ni hojjeta jedhameera.

Koreen kunis hojiisaa jalqabaatiin, iddoowwan haleellaan irra dhaqqabe adda baasuun, miidhamtoota jajjabeessuufi odeeffannoo walitti qabuuf imala gaggeesseera.

Miidhaa qaqqabe

''Miseensonni koree kanaatis miidhamtoota dubbisuun, akkasumas iddoowwan miidhaan irra gahe daawwachuun gabaasa dhiyeessaniiru.

Kanumaanis ajjeechaa ilma keenya Haacaaluu Hundeessaa (maqaa cuuphaa isaatiin HayilaGabreel) hordofee, naannoo Oromiyaa iddoo garagaraatti, finxaaleeyyiin sabaafi amantaa caasaalee mootummaa dahoo godhatan, humnoota dursanii qophaa'an waliin qindaa'uun haleellaan sukanneessaa taasisan, xiyyeeffannoon isaanii iini guddaan hordoftoota amantaa Ortodoksii akka tahe mirknaa'eera,'' jedha ibsi Sinoodoosichaa.

Kanumaanis ibsichi lakkoofsa miidhamtootaa fi miidhaa qaqqabes ni ibsa.

''Guyyoota sadii halkan Waxabajjii 22 haga 24, 2012tti jiran keessatti haleellaa taasifameen amantootni 67 ol tahan haala suukanneessaa taheen ajjeefamaniiru.

Miseensonni keenya 38 miidhaa cimaa, 29 ammoo miidhaan qaamaa salphaa irra gaheera. Hordoftoonni amantichaa 7,000 ol tahan qe'eesaaniirraa buqqa'uurra darbee, rakkoo xiinsammuu garagaraaf saaxilamaniiru. Qabeenyisaanii birrii biiliyoona shanii ol tilmaamamuus saamichaa fi ibiddaan barbadaa'eera.''

Koreen hundaa'e kunis hordoftoota amantaa Ortodoksii rakkoo keessa jiran deebisee dandamachiisuuf, hojiilee garagaraa hojjechuu qaba jedha.

''Mootummaan Naannoo Oromiyaafi mootummaan Federaalaa, mirgoota lammiilee biyyattii Ortodoksii tahan lubbuun jiraachuufi qabeenya horachuu akka kabachiisaniifi wabii nageenyaa hatattamaan akka mirkaneessuuf Bataskaanni kun cimsitee yaadachiifti.

Mootummaanis humnoota haleellaa kana karoorsan, raawwatan, akkasumas qindeessan to'annoo jala akka oolchu. Akkasumas angawoota caasaalee mootummaa keessa taa'uun, ittigaafatamummaa itti kenname dhiisuun, haleellicha akka hin arginetti kanneen bira dabraniifi qaamolee nageenyaa kana keessatti hirmaatanis to'annoo jala akka oolchu gaafanna.''

Hordoftoonni amantichaa haleellaa akana keessa qooda hin qabnes hidhaarraa akka hiikamanis gaafateetti Bataskaanni kun.

Ibsa guyyaa Roobii bahe kana keessatti, haleellaa Waxabajjiin alatti yeroo garagaraatti haleellaa hordoftoota koorra gaheera jettu akka qulqulleessuufis mootummaa gaafateetti.

''Keessattuu waggoota dhiyoon asitti haleellaa waldaa keenyarra gahaa jiru akka irra deddeebiin jedhamutti ''wanta yeroo cee'umsaa mudatu'' jedhamee kan bira darbamu miti,'' jechuunis yaadachiisteetti waldaan kun.

Bataskaanni kun lammiileen itoophiyaa biyya keessaafi alaa jiran, miidhamtoota gargaaruuf carraaqqii taasisaniifif galata galchite.

Ajjeechaa Hacaaluu booda maaltu ta'e?

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Finfinneetti mormiin gadda ajjeechaa artisticha irratti raawwatef bahame hookkaratti jijiiramuun lubbuun namaa 180'tti siqu yoo darbu qabeenyi hedduus barbadaa'eera.

Kanneen ajjeefaman keessaa 160 ol Oromiyaa keessattidha. Kanneen du'an kuni garri caalu ummanni walitti garagaluun yoo ta'u kanneen humnoota nageenyaan ajjeefamanillee jiraachu poolisiin ibsee ture.

Haa ta'u malee, lakkoofsaan hin ibsamne.

Bakkeewwan badiin guddaa itti dhaqqabe jechuun poolisiin ibse keessaa Godina Arii Lixaa keessaa magaalaa Shaashamannee, Baatuu, Godina Baalee bakkeewwan muraasa akkasumas Godina Arsiidha.

Qondaaltonni haleellaan saba akkasumas amantii irratti raawwate hin jiru haa jedhaniyyuu malee jiraattonni Finfinnee akkasumas Oromiyaa keessaa sabummaan yookiin amantiin haleellaan nurratti raawwate jedhan jiru.

Komishiniin Itti -aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Komaandar Girmaa Galaan kana dura ajjeechaa Hacaaluu hordofee bakkeewwan amantiirratti xiyyeeffate haleellaan raawwate jiraachuu BBC'tti himanii turani.

Lubbuu darbeen ala qabeenyi ammaaf hangi isaa qarshiin hin tilmaamamin manca'eera.

Mootummaan akka ibsetti waajjiraalee mootummaa, manneen jireenyaa 1,000 ol warshaaleefi hoteelota, konkolaattota dhuunfaa 200 ol dabalatee dhaabbileen daldalaa gubataniiru akkasumas caccabaniiru.

Hookkara kana hordofee namoonni 7,000 ol ka to'ataman yoo ta'u kanneen keessa qondaaltota mootummaa, akkasumas poolisoonni keessa jiru.

Kantiibaan magaalaa Shaashamannee, Itti-gaafatamaa Bulchinsaafi Nageenyaa magaalichaa dabalatee qondaaltonni 'itti gaafatama isaanii hin baane,' jedhaman to'atamuun isaanii gabaafameera.

Sababa hokkara kanaan namoonni 10,000'tti ta'an manni duraa gubatee, yookiin caccabe yookiin immoo sodaadhaan qe'eerraa buqqa'u kaanimmoo manneen amantiitti dahachuu mootummaan ibseera.

Kunneeniifis deeggarsi barbaachisu taasifamuutu ibsame. Qondaaltonni mootummaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, abbootii amantaafi kaan bakkeewwan kanneen deemanii daawwataniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa booda badii raawwate qorachuuf yeroo sosso'aa jirutti ammallee namoonni kana dura miidhaman doorsisini irra gahaa akka jiru ibsuu isaanii beeksisee ture.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waggoota muraasa darban haleellaan irratti xiyyeeffatame raawwate yoo jettu kan duraa miti.

Kana dura, rakkoowwan ka'an 'jijjiirama waliin kan walqabatanii dhufanidha' jechuun akka furan Ministirri Muummee Abiy Ahimad abbootii amantii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin yeroo mari'atan dubbachuun isaanii ni yaadatama.