Qorannoo fayyaa: Summiin kanniisaa kaansarii harmaa yaaluuf oola jedhe qorannoon

Honeybees

Madda suuraa, Getty Images

Saayintistoonni Awustiraaliyaa summiin ilkee kanniisa dammaa keessatti argamu seelota kaansarii harmaa balaafamoo ta’an balleessuu danda’a jedhan.

Saayinstistoonni kunneen summiifi kompaawundiin isa keessatti argamu kan maqaa ‘melittin’ jedhamuun beekamu, gosoota kaansarii wal’aanuuf rakkisaa ta’an-‘tripple negative fi HER2-enriched’ irratti yaalanii akka balleessuu danda’u adda baasan.

Argannoon kun oduu gammachiisaadha jedhameera.

Garuu saayinstoonni ammallee yaaliin ni barbaachisa jechuun akeekkachiisa kennaa jiru.

Kaansariin harmaa gosoota kaansarii dubartoota addunyaa hedduu miidhaa jiruudha.

Kompaawundoonni keemikaalaa kaansarii qolachuuf oolan kumaan lakkaa’aman laabraatoorii yaalii keessa jiraatanis garuu dhala namaa ittiin yaaluuf kan oolan muraasa.

Summiin kanniisa dammaa kanaan dura kaansarii gosa kaan-melanoma-wal’aanuuf oolaa ture.

Dhaabbata ‘Harry Perkins Institute of Medical Research’ jedhamu kan Lixa Awustiraaliyaa keessatti argamuti kan hojjetame qorannoon kun, barruu beekamaa bu’aan qorannoo saayinsaawaa irratti maxxanfamu ‘Nature Precision Oncology’ irratti maxxanfameera.

Qorattoonni maal argatan?

Dhaabbati kun summii kanniisota 300 irraa fuuchuun qorannoo gaggeesse.

Qorannoo kanaan summiin kanniisa dammaa akka bu’a-qabeessa ta’etu irra ga’ame.

Dhangala’aan summii al takkaatti kuufamu, seelota kaansarii harmaa sa’atii tokko keessatti ajjeesa, seelota qaama kaanirraan garuu miidhaan qaqqabsiisu baayyee xiqqoodha, jetti qorannoo kana kan dursitu Dr Ciara Duffy.

Madda suuraa, HARRY PERKINS INSTITUTE

Garuu yoo hammi summii gara keessaatti fudhatamuu dabalaa deemu miidhaansaas akkasuma jedhan.

Kompaawundiin summii kana keessatti argamu, melittin, ammoo seelonni kaansarii kunneen akka hin guddanne quuucarsuun karaa itti cufu.

Kompaawundiin mettin jedhamu kun uumamaan summii kanniisa dammaa keessatti kan argamu yoo ta’u, laabraatorii keessatti hojjechuunis ni danda’ama.

Duraan dhibeen kaansarii harmaa maloota wal’aansaa kanneen akka baqasanii yaaluu, ‘radiotherapy’ fi ‘chemotherapy’ jedhamaniin yaalamaa ture.

Namoota qorannoo kanaaf gumaachan keessaa tokko pirofeesar Peter Klinken, qorannoon kun akkamiin waan uumama keessa jiru fayyadamanii dhibee dhala namaa dararaa jiru yaaluun akka danda’amuuf ka’umsaa fi fakkeenya gaariidha jedhan.

Qorattoonni kunneen garuu argannoo kana hojiirra oolchuuf ammallee hojii baayyeetu hafa jechaa jiru, faayidaa dawaan kaansarii kennu haga kennuu danda’utu eeguun dirqama jedhan.