Koronaavaayiras: Qorichoonni 'Isterooyidii' namoota Covid-19 itti hammaate lubbuu baraaru

Lilmoo qorichaan kennamu

Madda suuraa, Getty Images

Qorichoonni isterooyidii gatii rakasaa lubbuu namoota Covid-19 haalaan dhukkubsataa jiranii ni baraara jedhe qorannoon.

Qorannoon kun bu’aa qorannoo wal fakkaataa amma duraa kan cimse yoo ta’u, qorichoonni Isterooyidii dhukkubsattoota Covid-19 kutaa yaalaa ‘ICU’ keessa jiraniif hedduminnaan kennamuu eegaleera.

Qorichoonni Isterooyidii qorichoota hormooniiwwan qaamni namaa uumamaan omishutti fakkeeffaamuun bifa nam-tolcheen tolfamanidha.

Bu'aan qorannoo haaraa kanaa qorichoonni kunneen namoota Covid-19n akka malee dhukkubsatan 100 keessaa saddeet lubbuu baraaruu akka danda’u beekameera.

Qorattoonni qorannoo kanaa argannoon qorannichaa gaarii haa ta’uyyuu malee qorichoonni kunneen Covid-19 fayyisuu akka hin dandeenye himaniiru.

Ji’a Waxabajjii keessatti qorattoonni UK qorichi isterooyidii deeksaameetaazoon jedhamu lubbuu dhukkubsattoota Covid-19 baraaruu akka danda’u ibsanii turan.

Qorannoon kunis yaalii kilinikaaalaa bu’aa qabeessummaa qorichoonni Isterooyidii koronaavaayirasiirratti qaban guutuu addunyaarratti qorataman walitti fideera.

Kanaanis qoricha deeksaameetaasooniin alatti qorichi isterooyidii haayidirookortiisoon jedhamu qixa deeksaameetaasoonii bu’aa qabeessa akka ta’e mul’iseera.

“Jalqaba waggaa kanaatti yaala koronaavaayirasii hin qabnu jechuun abdii maleessa turre,” kan jedhu piroofeesarri Landan Impeeriyaal Koolleej Antoonii Goordan, “ji’oota jahaa gaditti akkaataa dhukkuba hamaa kana irra aanuu dandeenyuuf nu gargaaru arganneerra” jedha.

Qorannoon kunis dhukkubsattoota Covid-19 haalan dhukkusatan 1,703 irratti taasifame.

Bu’aan qorannichaas:

  • Qoricha isteroyidii malee kanneen yaalaman %40 lubbuu dhabaniiru
  • Qoricha isterooyidiin kan yaalaman %32 lubbuu dhabaniiru.

Dhukkubsattoonni hedduunsaanii mallattoo vaayirasichaa jiddugaleessa agarsiisuun bayyanataniiru.

Qorichoonni isterooyidii madinummaa ykn sirna ittisa dhibee qaama namaa tasgabbeessuun rakkoo fayyaa uumamu hir'isu.

Kanaaf kan yeroo baay’ee dhukkubsattoota asmaa fi infeekshinoota birootiif ajajaman.

Qorichoonni kunneen koronaavaayirasiin wayita reefu nama qabu mallattoolee mul'atan kan akka qufaa, bowwoo mataa fi miira funfachuu yookiin dhandhamuu dhabuu wal'anuuf bu’aa qabeessa miti jedhamanii amanamu.

Ta’us garuu akkuma dhukkubichi hammaataa deemuun deebiin sirni ittisa dhibee qaama namaa kennu sombaa fi qaamolee keessoo biraa miidhaa deema.

Sadarkaa kanarratti kan qorichoonni kunneen faayida qabeessoodha jedhamanii amanaman.

“Sadarkaa dhukkubsattoonni Covid-19 gargaarsi ooksijiinii isaan barbaachisutti kan ogeeyyiin dhukkubsattootasaaniif qorichoota koortikoostirooyidii kennuufi kan qaban,” jedhu piroofeesar Maartiin Laandraayi Yuunivasiitii Ooksifoord irraa.

“Itti fayyadamuu dandeenya; salphaadhaan argachuu dandeenya; gatiinsaaniis rakasa; qorichoonnis carraa du’aa hir’isuu akka danda’an beekameera.”

Doktoroonni guutuu addunyaarra jiran erga deeksaameetaasoon lubbuu baraaruun isaa beekamee as dhukkubsattootasaaniif kennaa jiru.

Qorichoonni sunneenis akka kiniinitti yookiin lilmoodhaan fudhatamuu danda’u.

Qarattoonni ammaaf doozii gad aanaa qorichoota isterooyidiirratti xiyyeeffataniiru. Gaafa dooziin isaanii guddaa ta’u bu’a qabeessummaansaanii akka dabaluu danda’u wanti beekame hin jiru.

Doktoroonni qorichoota kanneen akkamitti itti fayyadamuu akka qaban WHO irraa danbiin haaraa akka bahu ni eegama.